Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Dubbi himaan Eegdota Warraaqsaa Birgaadeer Jeneraal Ali Mohammad Nahiim, kan hogganaan garichaa haleellaa Tehran keessatti raawwatameen ajjeefame, waraanni isaanii ''diina'' kan akka Israa'elii fi Ameerikaa rukutuu itti fufa jedhan.
Preezdaant Donaald Tiraampi waayee waraana deemaa jiruu miidiyaa hawaasaa ofii Truth social irratti barreesse.
"Ittisni qilleensaa isaanii, Humni Qilleensaa, Humni Galaanaa, fi Hoggansi isaanii raawwatee jira" jedhe. Waayee aangawoota Iraan dubbachaa jiraachuun isaa hin oolu. Ergaa kana barruu Washington post qabatee bahe "the birth of the Trump Doctrine" jedhu waliin maxxanse.
Gatiin zayitaa fi boba'aa ol ka'e, kan aksiyoonaa gad bu'e, gabaan raafamte
Ibsa waa'ee suuraa, Qaalayiinsa gabaa
Waraana US fi Israa'el waloon Iraanirratti bananiin wal qabatee Gatiin zayitaa fi boba'aa ol ka'e, kan aksiyoonaa gad bu'eera. Gatiin sharafa dolaaraa immoo ol ka'eera.
Walitti bu'iinsi kun gatii zayitaa fi gaazii uumamaa ulaa galoo galaana Parshiyaarraa dabarfamuu cufamuun akka malee ol kaase.
Gatiin ka'umsaa gaazii uumamaa UK termiin tokko paawundii 160 caaleera. kun erga bara 2023 as gatii isa olaanaa dha. Gatiin kun dachaa gatii Jimaata darbe waaree booda gurgurameeti jedhameera.
Gatiin aksiyoona gabaa awurooppaa gad bu'eera, DAX indeeksiin Jarmanii 3.76%'n gadi bu'e, FTSE 100 gara 2.57%'n, aksiyoonni Eeshiyaa akka malee gadi bu'eera. KOSPI indeeksiin Kooriyaa 7.24%'n yoo gadi bu'u, Nikkeeyi'n Jaappaan 3.06%'n gadi bu'e.
Gatiin sharafa dolaara Ameerikaa ol ka'e. Waraanni kun gabaa addunyaa raasaa jira.
Miidiyaa Sun jedhamutti wayita bilbilaan dubbatu ministirri muummechaa ''bu'aa buusaa hin jiru. Akkasitti eegee hin beeku. UK irraa kana arga jedhee tasuma hin eegne,'' jedhe Tiraamp.