Amma nu gahe, Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu beeksise

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ajjeefameera jedhe.
Netaaniyaahuun waa’ee haleellaa mooraa hogganaa waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, Teehraan keessa jiruu kan ibse yoo ta’u, “abbaan irree” kun “ ajjeefamuu” isaa mallattoon agarsiisan dabalaa jiru jedhe.
Suuraawwan saatelaayitiirraa argaman akka mul’isanitti mooraan hogganaa waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaan miidhameera.
Doonaald Tiraamp ergaa ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii beeksisuuf fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti baaseen, "Seenaa keessatti namoota hunda caalaa hamoo ta'an keessaa tokko kan ta'e, Alii Kameenii, du'eera. Kun ammoo haqa ummmata Iraan qofa osoo hin taane Ameerikaanota hundaaf, namoota biyyoota addunyaa baayyeerraa Kameeniifi garee isaa dhiiga namaa dheebotaniin ajjeefamaniif ykn qaaaa hir'ataniif. Sisteema Hordoffii keenyaa baayyee akkaan cimaa ta'eefi interejensii keenyaa jalaa ba'uu hin dandeenye," jedhe.












