MM Abiy daawwannaa hojiif Azarbaajaan galan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi jilli isaanii hoggantoota olaanoo qabu daawwannaa hojiif Azerbaajaan dhaqan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Hariiroon Itoophiyaa fi Azerbaajaan waggoota dhiyoo as cimaa jira'

    MM Abiy fi Giifti duree buufata Xiyyaaraa Baakkuu Hedaaritti

    Madda suuraa, PMO

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy fi Giifti duree buufata Xiyyaaraa Baakkuu Hedaaritti

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi jilli isaanii hoggantoota olaanoo qabu daawwannaa hojiif Azerbaajaan dhaqan.

    Waajjirri MM akka jedhetti hariiroon Itoophiyaa fi Azerbaajaan waggoota dhiyoo asi cimaa dhufeera.

    Kanaafis hariiroon dippilomaasii tumsa cimaan dabaalamee cimaa jiru agarsiistuu tokkoo jedhe.

    Walitti dhufeenya cimaa biyyoota lamaanii hordofees Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Azerbaajaaniin daawwachuu eegalu ibse.

    Daawwannaa kanaan hariiroon gam lamee biyyootas sadarkaa olaanaa irra akka ga'u ni eegamuu eeree jira.

    Azarbajan teknolojii meeshaale waraana dhukaatuuwwan adda addaa, konkolaattota hidhannoo fi Diroonii dabalatee biyyoota michuu isheef dhiyeessaa turte.

  2. Itoophiyaatti bara 2025 keessa gaazexeessitoonni 44 ukkamfaman ykn hidhaman - Gabaasa

    MM Abiy Ahimed

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimed

    Gabaasni haaraan Garee Deeggarsa Miidiyaa Idil-addunyaa (IMS) akka agarsiisutti Itoophiyaatti bara 2025 keessa yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 44 butamanii ykn ukkaamfamaniiru.

    Taateen kun utuu filannooon Itoophiyaa fuulduratti adeemsifamuuf jiruu kan raawwatame ta'uu fi haalli kun gaazexeessitoota Itoophiyaaf “yeroo yaaddessaa” ta’uu ibseera.

    Gabaasni kun akka ibsetti haleellaan gaazexeessitoota irratti raawwatamu, hidhaan qaamaa hidhaan seeran alaa raawwatamu, akkasumas doorsisni maallaqaa gaazexeessitootaa fi manneen hojii miidiyaalee irratti hammaataa dhufeera.

    Gabaasni kun bara 2024 yeroo gaazexeessitoonni 43 hidhaman waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu ukkaamsaan itti fufusaa mul'isa jedha.

    Itoophiyaan maqaa “dantaa biyyaalessaa” dahoo godhachuun gaazexeessitoota irratti dhiibba gochaa jirtu kan jedhu gabaasichi, Manneen miidiyaa fi manneen jireenyaa gaazexeessitootaa sakatta’amuun,Gaazexeessitootni hidhamuu fi meeshaaleen isaanii saamamuu, butamuu fi doorsisni isaan mudatu dabalaa dhufeera.

    Gareen mirga falmanis Itoophiyaan uggura miidiyaa hammeessuun bara 2025tti bilisummaan pireesii haalaan hammaa keessa jiraachuu qeeqaniru.

  3. Raashiyaan reeffa loltoota Yukireen 1,000 deebisuun reeffa loltoota ofii 35 fudhatte

    Raashiyaa fi Yukireen reeffa loltootaa wal jijjiirran

    Madda suuraa, Medinski Instagram post

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaa fi Yukireen reeffa loltootaa wal jijjiirran

    Raashiyaan Yukireeniif reeffa loltoota 1,000 kennuun reeffa loltoota ishee 35 fudhachuu ishee bakka bu'aan marii nagaa Raashiyaa hime.

    Oduun kun wayita bakka bu'aan marii nagaa Yukireen wayita ergamaa addaa Tiraampi Jenevaatti qunnamuuf beellamatetti dhagahame.

    Jenevaatti mariin nagaa Raashiyaa fi Yukireen marsaan 3ffaan taa'amuufi. Waraanni Yukireen waggaa 4 guutera.

    Mariiwwan marsaa lama ergamaa addaa Ameerikaa Steve Witkoff fi soddaa Tiraamp Jared Kushneriin qindaa'an bakka bu'oota Raashiyaas ni hirmaachise ture. Bu'aan jabaan irraa hin argamne malee.

    Marii xumuraa darbe yoo sa'aatiin muraasti hafu, Raashiyaan haleellaa dirooonii 420 fi misaayelootaa 39 kutaalee Yukreen jaharratti bante. Hedduutu madaaye jedhan Prezdantiin Yukireen Volodimir Zeleniskii.

    Gargaaraan addaa Pirezdaant Puutiin, Vilaadimir Medinskii, waayee reeffa loltootaa wal jijjiiruu kanaa waan bal'aa hin dubbanne. Ergaadhuma gabaabaa Telegraamiirra kaayan. Reeffa loltootaa konkolaatatti fe'amuuf jiraniis maxxansan.

    Yukireen wal harkaa fuudhinsa reeffa loltootaa kanarratti homaa hin jenne.

    Raashiyaa fi Yukireen marii magaalaa guddoo Yunaayitid Arab Emireetis ji'a kana jalqabaarratti booji'amtoota waraanaa wal jijjiiruuf waliigalanii turan.

    Erga waraanni bara 2022 eegalee as garuu murtoo Puutiniin yeroo hedduu reeffa loltoota kumaatamaa wal jijjiiraniiru.

  4. Boru Tigraay keessatti hiriirri murtii Boordii Filannoo mormu gaggeefamufi

    Magaalaa Maqalee

    Madda suuraa, Amensisa Ifa / BBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Maqalee

    Bor Gurraandhala 27, 2025 naannoo Tigraay keessatti hiriirri murtii Boordii Filannoo Biyyaalessaa tibbana murteesse balaaleffachuu akka gaggeeffamu biiroon Komunikeeshiinii naannichaa ibse.

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtee mana manee Federeeshiinii irraa isa gahe hordofee tibbana murtee dhimmoota walfalmisiisoo ta'an irratti dabarsee ture.

    Bakkeewwaan wal dhibdee naannoo Amaaraa fi Tigraay qaban Shan hanga furmaata argattanitti ''mootummaa naannoo Tigraayiin ala ta'anii qofaa isaanii kallattiin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf'' filannoon akka dorgoman murtaa'uu beeksise.

    Tarkaanfiin kun gama Tigraayin heera mootummaa kan faallessu jedhamee akka malee qeeqame.

    Qondaaltota naannoo Amaaraan ammoo gaaffiin hawaasaa yeroo dheeraa deebii argataa jira jechuun jajameera.

    Manni murtii olaanaa Federaala yeroof murtee boordii kana dhaabsiseera.

    Haa ta'uu malee hirirri mormii bor guutuu Tigraayi keessatti gaggeefamuuf akka jirutu eerame.

    Bulchiinsi yeroos sababa hiriira kanaan manneen barnootaa dabalatee waajjiraaleen mootummaa fi dhuunfaa akka cufaman beeksiseera.

  5. Paayileetiin xiyyaara waraanaa Ameerikaa Chaayinoota dhoksaan leenjise to'atame

    Xiyyarota Waraanaa Ameerika F-35 jedhaman

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyarota Waraanaa Ameerika F-35 jedhaman

    Qondaalli duraanii humna qilleensaa Ameerikaa fi ''paayi'eetii olaanaan'' xiyyaara waraanaa F-35 to'annoo jala oole.

    Qondaalli kun Paayileetota waraanaa Chaayinaa seeraan ala leenjisuun yakka biyya ganuutin himatame.

    Ministeerri Haqaa meerikaa akka jedhetti qondalli humna Qilleensaa duraanii Jeeraaldi Buraawuun torban kana keessaa Indiyatti to'annoo jala oole.

    Tajaajila Ittisa Ameerikaatiin hayyama malee odeeffannoo kennuu fi shira yakkaa raawwachuun himatame.

    Braawuun namni ganna 65, balaliisaa xiyyaara waraanaa F-35 Lightning II kan ture yoo ta’u, muuxannoo humna qilleensaa waggoota kurnaniif kan qabudha.

    ''Paayileetota Chaayinaa leenjisuu isaatin iccitii biyyaa baasuu fi waadaa biyya isaa eeguuf gale ganeera'' jechuun itti aanaan daayreektaraa Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) kan ta’an Roman Rozhaviskii ibsa kennaniin dubbataniiru.

    “Mootummaan Chaayinaa ogummaa miseensota humna waraanaa U.S. ammaa fi duraanii fayyadamuun dandeettii waraanaa Chaayinaa ammayyeessuuf itti fufeera,” jedhan Rozhaviskiin

  6. 'Utuun waggaa 7 ‘Medisinii’ barachuuf eeguu hidhaa waggaa 7 natti muran'

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Dr. Jiinenus Fiqaaduu jedhama. Qorataadha.

    Godina Horroo Guduruu Wallaggaatii ba'ee yeroo ammaa saayintistii addunyaan barbaaddu keessaa tokko ta'eera.

    Garuu, imalli isaa wal xaxaadha. Rakkina, hidhaa, siyaasaan kan guutamedha. Keessummaa keenya. Dhihaadhaa!

  7. Buufanni waraana Israa'el Somaaliland keessatti ijaaramaa jiraa?

    Buufata Doonii Somaalilaand

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata doonii Somaalilaand

    Somaaleelaandi Israa'elifis ta'ee Ameerikaaf buufata waraanaa akkasumas albuuda fi waan hariiroo biyoota kanneenii cimsu kennuufi akka barbaaddu irra deedeebiin ibsaa jirti.

    Somaalilandi qaama Somaaliyaati malee biyyaa of dandeesse ta'uu hin qabdu kan jettu Somaaliyaan Israa'el buufata waraanaa Somaaliland keessatti ijaaruun qaama waligaltee isaanii ta'uu ibsiti.

    Pireezidaantiin Somaaliyaa Hassan Mohamud qaama waliigaltee Somaaleelaandii fi Israa’eel kan jedhan irratti tibbana qabxilee muraasaa eeraniiru.

    Beekkamtiin Israa’el ji’oota muraasa dura Somaaleelaandiif kennite “nageenya naannoo irratti balaa fida” kan jedhan Pirezidaantichi tarkaanfii Israa'el fudhattellee ''seera cabsuu ifa ta'e'' jechuun ibsan.

    Qabxiwwaan Pirezdaantichi ibsan keessa tokko, Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuun ishee waliigaltee biyyoota Arabaa fi Israa'el kan Waligaltee Abrahaam jedhamu mallatteessuu of keessatti hammate irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

    Garuu ministirri haajaa alaa Somaliland kun dhugaa ta'uu BBC'tti himaniiru.

    Somaalilaandi mataan ishee amma waliigaltee Abrahaamtti makamuu amanuu fi tarkaanfiin kun gara biyyattii gara nagaa fi hariiroo idil-addunyaatti tarkaanfachiisa jechuun ibsite.

    Qabxiin biraa Pirezidaantichi kaasan Israa'el buufata waraanaa Somaaliland keessatti ijaaraa jirti kan jedhuudha.

    Soamalilaandi garuu , "Pireezidantichi waliigaltee Israa'el waliin mallatteessine irratti beekumsa tokkollee hin qaban" jette.

    Buufatni waraanaa qaama waliigaltee sanaa ta'uu fi dhiisuu isaa garuu hin ibsine. Haa ta'uu malee Somaalilaandii fi Israa’el waan dantaa isaaniif ta’u irratti waliin ni hojjatu jette.

    Tarkaanfiin Israa’el kun naannichaa fi biyyoota addunyaa biroo irraa mormii kaasuun isaan ni yaadatama.

  8. Dirooniin haaraan Turkii fi Xaaliyaaniin waliin oomishan Ebla dhufu xumurama jedhame

    Diroonii Bayiraktar TB2

    Madda suuraa, Anadolu news agency

    Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Bayiraktar TB2

    Dirooniin kaampaaniin oomisha diroonotaaTurkii Baayiraaktarii fi kan Xaaliyaanii Li'oonaardoo waliin oomishan Ebla dhufu xumuramee yaallii akka eegalu Miidiyaan Turkii Anaadoluun gabaase.

    Hoggana Olaanaan kaampaanii Li'oonaardoo waltajjii Roobertoo Kingolaanii Roobii ibsa kennaniin kaampaaniin isaanii oomisha haaraa diroonii kaampaanii Turkii Baayiraaktar wajjin milkaa'ina addaa argachuu ibsan.

    Kaampaaniiwwan lamaan guyyuu teknolojii haaraa waloon qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsan. Torbaanota dhufan keesssa karoora tarsiimowaa waloo akka dhiyeessan himan.

    Ji'oota saddeet keessattis jijjiiramni olaanaan argamuu himan.

    Oomishni diroonii gulantaa giddu-galeessaa kunis Ebla warshaaa kaampaanii Li'oonaardoo kan kaaba Xaaliyaanii Ronchi Dii Legiyoonaarii keessa jirutti akka xumuramu ibse.

    Oomishni diroonii haaraan kun akaakuuwwan reenjii bal'aa kan qabaatu yoo ta'u, kochoo socho'aa fi hin sochoone akka oomishan himan.

    Oomisha hedduu dhiyeessuu fi gurguruun dura oomisha jalqabaa dhibbaan lakkaawaman qopheessina jedhan.

    Dirooniin haaraan kun ji'oota dhufanii kaasee waggaa tokkoof yaalii fi agarsiisarra akka turu himame.

    Tarkiin biyyoota oomisha dirooniin beekaman keessayi. Dirooniin ishee Bayiraktar TB2 jedhamu waraana kutaa addunyaa garaagaraatti godhame keessatti dhiibbaa olaanaa qabaachaa ture.

    Diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuun beekamu kana jalqaba kan itti fayyadame bara 2019tti Liibiyaa ture.Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa diroonii kana bitatan jiru.

  9. Murtoo Boordiin Filannoo bakkeewwan naannon Amaaraafi Tigraay irratti wal-falmanitti filannoo gaggeessuuf jedhe manni murtii uggure

    Burruusa mana murtii

    Madda suuraa, Getty Images

    Boordiin filannoo biyyaalessaa bakkeewwan filannoo shan naannoleen Amaaraa fi Tigraay abbummaaf irratti wal-falmanitti filannoon akka gaggeeffamuuf murtee mana maree federeeshinii akka deeggaruufi hojiirra oolchu beeksisuu hordofee Manni Murtii Olanaa Federaalaa murtii Boordii Filannoo kun yeroof akka hojiirra hin oolle uggura kaa'e.

    Manni murtichaa uggura kan kaa'e Paartiin Dimkiraasaawwii Simrat Tigraayi jedhamu Boordii Filannoo Biyyaalessaarratti himata banuu hordofeeti.

    Gaggeessaa paartichaa kan ta'an Obbo Getaachoo Radaa xalayaa ugguraa manni murtii kenne fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansuun akka ibsanitti, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa murtee boordichaa irratti uggura dabarsuu ibsan.

    Xalayicha Obbo Getaachoon maxxansan irratti akka ibsametti, naannolee filannoo naannoon Amaarafi Tigraay iratti wal-falman ilaalchisee murtiin boordichi kenne adeemsa falmii haqaa irratti dhiibbaa waan qabaatuuf murtiin boordichaa yerodhaaf akka ugguramee turu manni murtichaa ajaja kenne.

    Uggurri kun falmiin himataa, Paartii Simratifi himatamaa kan ta'e Boordii Filannoo Biyyaalessaa ilaalamee hanga murtiin biraa kennamutti akka turuudha jaji mana murtichaa kan ibsu.

    Jalqaba torban kanaa boordiin filannoo biyyaalessaa iddoowwan naannoolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'anii turan" naannoleen filannoo shan naannoo "Tigraayiin ala" ta'anii sagaleen akka keessatti kennamu mana maree federeeshiniitiin murtoon darbuufi murtoo kana akka hojiirra oolchuu beeksisee ture.

    Kuni ammoo Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay dabalatee paartillee Tigraayifi namoota siyaasaa naannichaa biratti dheekkamsa uumee ture.

  10. Kooriyaan Kaabaa michuu Ameerikaa ta'uu akka dandeessu hoganaan biyyattii hime

    Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un

    Madda suuraa, AFP PHOTO/KCNA VIA KNS

    Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un humna meeshaa waraanaa nukilaraa biyyattii bal'isuuf karoora akka qabuufi, kana ammoo Ameerikaan akka kabajjuuf waamicha dhiyeesse.

    Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa "michuu ta'uu" akka danda'an kan dubbate Kiim, kun kan ta'u garuu yoo Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuushee fudhatteedha jedheera.

    Haasaan hogganaa Kooriyaa Kaabaa kora paartii isaaniirratti taasifame kun Pirezidant Tiraamp Ebla dhufu yeroo Chaayinaa daawwatutti marii waliin taasisuuf carraa banuuf kan yaadamedha jedhameera.

    Haata'u malee, Kiim Kooriyaa Kibbaa "diina guddoo" jechuun hariiroo dippilomaasii ollaashee kana waliin jiraachuu malu kan abdii hin qabne godheera.

    Ameerikaan "nukilara qabnu kan kabajju yoo taateefi imaammata diinummaashee kan kaastu taanaan... sababiin itti waliif hin galle tokkollee hin jiru," jechuun Kiim Kora Paartii Hojjetootaa irratti dubbachuusaa sabaahimaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Hogganaan kun itti dabaluun, hariiroon gara fuula duraa Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa, "guutummaan guutuutti Ameerika airratti kan hundaa'edha" jechuun "nageenyas ta'e gaarerfannaa itti fufu taanaan lamaan isaafiyyu qophiidha, filannoon isaa kan keenya osoo hin taane kan isaaniiti," jedheera.

    Biyya ollaa taate Kooriyaa Kibbaa ilaalchisuu biyyoota michuu isaanii hin taane keessaa tokko akka taateefi, "nu waliin daangaa hanga qoddattetti, filannoon tokkichi nagaan jiraachuu dhimmoota nu ilaallatu keessa seenuu hin qabdu," jechuun akeekkachiiseera.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroo:

  11. Biyyoonni hedduu lammiileensaanii Baha Giddigaleessaa keessaa akka bahan gochaa jiru

    Alaabaa USfi Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Muddama USfi Iraan gidduutti hammaate hordofee biyyoonni heddu lammiileensaanii biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa akka bahan ajajuu qofa osoo hin taane akka garas hin imalle illee akeekkachiisa kennaa jirachuu Rooyitars gabaase.

    Awustiraaliyaan maatiin dippilomaatotashee Israa'el, Libaanos,UAE, Yordaanoos fi Kaataar keessa jiran akka bahan ajajjee jirti. Sababni ammoo muddamni naannichatti dhalate hammaataa dhufuudha.

    Poolaand ammoo USfi Iraan gidduutti muddamni waan hammaateef lammiileenshee Iraan keessa jiran hatattamaan akka bahan Ministiirri Muummee Doonaald Task waamicha godhan.

    Sarbiyaanis haalli nageenyaa yaaddeessaa ta'eera jechuun lammiileenshee hatattamaan Iraan keessaa akka bahan karaa ministeera dhimma alaashee ajajjee jirti.

    US dippiloomaatota hojii murteessaa ta'e hojjataniin alatti Libaanoos keessaa akka bahan ajajjee jirti.

    Embasiin Hindii Tehraan jiru lammiileen Hindii Iraan keessa jiran carraa geejjibaa amma jiru fayadamuun aka bahan akeekkachiisa kenneera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Siwiidiin ammoo lammiileen biyyattii gara Iraan akka hin imalle akeekkachiisuun, kanneen achi jiranis dafanii akka bahan gaafate.

    Biyyoonni akka Biraaziil, Jarmanii, Singaappoorifi Saayippiras fa'aas lammiileensaanii Iraan keessa jiran hatattamaan bahuun gara biyyaa akka deebi'aniifi kanneen garas imaluu fedhan illee akka dhiisan akeekkachiisa kennuusaanii Rooyitars gabaase.

  12. Ispermiin waqtii ho'aa caalaa saffisaan imaluu akka danda'u qorannoon mirkaneesse

    Suura ispermii

    Madda suuraa, Getty Images

    Qulqullinni ispermii waktiiwwan waggaarratti akka hundaa'u qorannoon mul'ise. Akka bu'aa qorannoo dhiheenya ba'eetti qulqullinni ispermii ganna caalaa yeroo bonaa akkaan dabala.

    Qorattoonni UK, Kanaadaa fi Deenmaark ispermii namoota 15,581 irratti qorannoo gaggeessaniiru.

    Qorannoon kun dhiirota Deenmaark fi Filooriidaa keessa jiraatan kanneen umriinsaanii waggaa 18 fi 45 gidduu ta'erratti gaggeeffame.

    Bu'aan qorannoosaanii akka mul'isutti, biyyoota kunneen keessatti dandeettiin sochii ykn imaluu ispermii ji'oota Waxabajjii fi Adoolessa keessaa baayyee olaanaadha.

    Waktiiwwan fi sochii ispermii kana qixa sirriin hubachuun walhormaata sirreeffachuu ykn hormaata gaarii qabaachuu keessatti guddoo gumaacha jedhan qorattoonni.

    Wal'aansa fayyaa walhormaataaf taasifamu keessatti ga'ee murteessaa qaba jedhan.

  13. Eegdonni galaanaa Kuubaa bidiruu saffisaa US haleeluun namoota afur ajjeesan

    Alaabaa Kuubaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhukaasa humnoonni nageenyaa Kuubaa galaana eegaa turan, bidiruu maqaa Ameerikaan galmoofte kanarratti raawwataaniin, lammiileen Kuubaa bidiruttiidhaan imalaa turan afur ajjeefamaniiru.

    Lammiileen Kuubaa bidiruu kanaan imalaa turan wayita gara isaaniitti dhihaattu hidhattoonni Kuubaa qarqara galaanaa turan dhukaasa banuun balaan kun mudachuu Ministeerri dhimma biyya keessaa Kuubaa ibseera.

    Ibsi mootummaan Kuubaa baase bidiruttii keessa namoonni 10 akka turan eera.

    Kanneen keessaa duraan himati kan irra jiruu fi meeshaa kan hidhatan akkasumas ''ergama shororkeessummaa fudhachuun'' lo'anii seenuuf kan yaalan turan jedha.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo taatee kanaan ''gonkumaa waan hin baratamnee fi hin eegamne'' jechuun ibsuun, biyyisaanii qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.

    Bidiruu saffisaan imaltu kanarratti shugguxiiwwan, qawwee hedduu, dhootuuwwan fi meeshaaleen waraanaa kaan fe'amanii turan.

    Dhukaasa banameen eegdota qarqara galaanaa Kuubaa keessaa tokko miidhamuu mootummaan Kuubaa ibseera.

    Maarkoo Ruubiyoo biyyisaanii ibsa Kuubaan baastetti akka hin quufneef ofii qorannoo gaggeessuun akka mirkaneessan ibsaniiru.

    Taateen kun erga Kuubaa michuushee, Venezuweelaa, irraa boba'aa fudhachuu Ameerikaan dhorkitee mudate.

    Tarkaanfii Ameerikaa kana hordofee hanqinni boba'aa Kuubaa keessatti kan mudate yoo ta'u, kun ammoo Ameerikaa waliin muddama hamaa keessa ishee galcheera.

    Ameerikaan pirezidantii biyya michuu ishee taatee, Venezuweelaa- Maduuroo, humnaan to'achuu booda boba'aan Venezuweelaan gara Kuubaa ergitu akkaan hir'ateera.

  14. Tarkaanfiin Yunivarsiitii Salaalee isa 'Salaaleetti aannanirra bishaan warshaatu qaalidha' jedhamu jijjiiraa?

    Aaannan lafatti naqamaa jiru

    Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Kuyyuu

    Yunivarsiitiin Salaalee dhaabbata rakkoo qonnaan bultoota Salaalee omisha aannaniin beekaman furu hundeessaa jiraachuu himeera.

    Yunivarsiitichi Inistitiyuutii Saayinsiifi Tekinoloojii Aannanii Aanaa Wacaaleetti hundeessuuf tibba kana iddoo angawoonni yunivarsiitichaafi aanichaa argamanitti walharkaa fuudhinsi lafaa taasifameera.

    Tarkaanfiin yunivarsiitichaa kun qonnaan bultoota Salaalee bira darbee akka Baha Afrikaatti jijjiirama akka fiduuf kan itti abdatame akka ta'e Yunivarsiitii Salaaleetti barsiisaafi ogeessi damee horsiisa looniifi jijjiirama qilleensaa Dr. Abrahaam Abarraa BBCtti himaniiru.

  15. Somaaliilaand ambaasaaddara jalqabaashee Israa'elitti muudde

    Mohaammd Omaar Haagii Mohaammad

    Madda suuraa, @AmbMohamedHagi

    Somaaliilaand dippilomaatii olaanaa ambaasaddarashee jalqabaa gochuun Israa'elitti muudde. Israa'el Mudde darbe Somaaliilaandiif beekamtii biyyumaa kennuun biyya jalqabaaa taateetti.

    Waajirri Pirezidantii Somaaliilaand Mohaammd Omaar Haagii Mohaammad Israa'elitti ambaasaaddara biyyattiifi ergamaa dhaabbataa akka ta'uu muudamuu isaa xalayaa muudamaa baaseen beeksiseera.

    Dippilomaatiin olaanaa ambaasaaddarummaan muudaman kun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaan digirii kan qabu yoo ta'u, kanaan dura dhimma alaarratti gorsaa olaanaa pirezidaantichaa, akkasumas Taayiwaanitti bakka bu'aa Somaaliilaand ture.

    Somaaliilaand akka biyya walabaa taatetti of ilaaluun waggoota 30 oliif Somaaliyaarraa adda baatee turteetti. Osoo kanaan jirtuu ture Israa'el ji'a muraasa dura beekamtii biyyummaa kennuuf addunyaarraa biyya jalqabaa kan taate.

    Somaaliyaan ammoo murtee Israa'el kana "haleellaa walabummaa isheerratti raawwatamedha jechuun kan balaaleffatte yoo ta'u, biyyoonni, akkasumas dhaabbileen idil-addunyaa beekamtii kana mormuun deeggarsa tokkummaa daangaa Somaaliyaaf qaban ibsaniiru.

  16. Boombii nuklaraa yaaliif dhukaasuun akkamiin gaggeeffama? Biyyoota kam fa'aatu yaalii gaggeesse?

    Gabbisanukilaraa

    Madda suuraa, Stocktrek Images / Getty Images

    Chaayinaan yaalii nikulara dhukaasuu xiqqaa ta'e dhoksaan gaggeessaa jirti jechuun US komatte.

    Ittaanaa Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Kiristoofar Yeewu US wiirtuu to'annoo Kaazaakistaan keessa jiru fayyadamuun Chaayinaan yeroo isheen yaalii dhukaasa boombii nikularaa taasistu adda baasuu himan.

    Qondaalli US kun akka jedhanitti, gaafa Waxabajjii 22, 2020 lixa Chaayinaatti dhohiinsi maagniitiyuudii 2.75 ta'e uumameera.

    Embasiin Chaayinaa Washingitanitti argamu himannaa US kana "dhugaarraa kan fagaate" jechuun US yaalii shaakala boombii nikularaa dhukaasuu itti fufuuf qabduuf haala mijeeffachuuf jechuun deebii kennee ture.

    Meeshaan waraanaa nikularaa bifa lamaan yaaliif dhukaafama: lafa irraafi lafa jala.

  17. Tiraamp dhiibbaa fi doorsisa cimsus, US fi Iraan marsaa sadaffaaf mari'achuuf

    Ayatollaa fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters/ EPA

    Wayita Pirezidant Tiraamp Iraan akka waliigaltee nukilaraarra geessuuf dhiibbaa fi doorsisa cimsaa jirutti, Iraan fi US marii marsaa sadaffaa Siwiizarlaand, Jeniivaatti gaggeessuuf jedhu.

    Tiraamp sagantaa nukilaraa Iraan irratti yoo walii hin galamne haleellaa raawwachuu akka danda'u dhaadata.

    Biyyoonni lameen erga humni waraanaa US Baha Giddugaleessaa buufatee eegale.

    Humni US kun erga weerara Iraaq 2003 as isa guddaadha.

    Iraan gamasheen harka kennuu caalaa akeekkachiisa Ameerikaaf deebii kennuutti cichiteetti.

    Mariin alanaa kun carraa isa dhumaa biyyoota lameen karaa nagaan walitti fidu ta'uu danda'u, biyyoonni lameen marii kanaanis waliigalteerra ga'uu akka danda'an wanti akeeku hin jiru.

    Tiraamp rakkoo jiru furuuf karaa marii dippiloomaasii akka filatu ibsus, garuu aanga'oonni Iraan akka waliigaltee inni jedhe fudhataniif haleellaa murtaa'aa ta'e akka raawwatu ibsa.

    Iraan gamasheen daangaashee keessatti yuraaniyemii gabbifachuu akka hin dhaabne ejjennooshee ibsiti.

    Garuu yoo US qoqqobbii kaasuuf fedhii agarsiiste sagantaa nukilaraa ishee keessaa waan dhiistu akka qabdu ibsiteetti.

    Biyyoonni lameen tibba darbe marii Omaan booda, Jeniivaatti mari'atanii turan. Dhimmoonni mariif dhihaatan (gama Ameerikaan) sagantaa nukilaraa fi misaa'elaa Iraan akkasumas Iraan hidhattoota Baha Giddugaleessaa tumsuu akka dhaabdudha.

    Biyyoonni lameen hanga yoonaa dhimma irratti waliigalan hin ibsine.

  18. Akkam jirtu?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

    Tamsaasa kallattii kaleessa ture asii argattu.

    Nu hordofaa!