Taateen kun utuu filannooon Itoophiyaa fuulduratti adeemsifamuuf jiruu kan raawwatame ta'uu fi haalli kun gaazexeessitoota Itoophiyaaf “yeroo yaaddessaa” ta’uu ibseera.
Mariiwwan marsaa lama ergamaa addaa Ameerikaa Steve Witkoff fi soddaa Tiraamp Jared Kushneriin qindaa'an bakka bu'oota Raashiyaas ni hirmaachise ture. Bu'aan jabaan irraa hin argamne malee.
Marii xumuraa darbe yoo sa'aatiin muraasti hafu, Raashiyaan haleellaa dirooonii 420 fi misaayelootaa 39 kutaalee Yukreen jaharratti bante. Hedduutu madaaye jedhan Prezdantiin Yukireen Volodimir Zeleniskii.
Yukireen wal harkaa fuudhinsa reeffa loltootaa kanarratti homaa hin jenne.
Raashiyaa fi Yukireen marii magaalaa guddoo Yunaayitid Arab Emireetis ji'a kana jalqabaarratti booji'amtoota waraanaa wal jijjiiruuf waliigalanii turan.
Erga waraanni bara 2022 eegalee as garuu murtoo Puutiniin yeroo hedduu reeffa loltoota kumaatamaa wal jijjiiraniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Qabxiwwaan Pirezdaantichi ibsan keessa tokko, Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuun ishee waliigaltee biyyoota Arabaa fi Israa'el kan Waligaltee Abrahaam jedhamu mallatteessuu of keessatti hammate irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Garuu ministirri haajaa alaa Somaliland kun dhugaa ta'uu BBC'tti himaniiru.
Somaalilaandi mataan ishee amma waliigaltee Abrahaamtti makamuu amanuu fi tarkaanfiin kun gara biyyattii gara nagaa fi hariiroo idil-addunyaatti tarkaanfachiisa jechuun ibsite.
Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa "michuu ta'uu" akka danda'an kan dubbate Kiim, kun kan ta'u garuu yoo Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuushee fudhatteedha jedheera.
Haasaan hogganaa Kooriyaa Kaabaa kora paartii isaaniirratti taasifame kun Pirezidant Tiraamp Ebla dhufu yeroo Chaayinaa daawwatutti marii waliin taasisuuf carraa banuuf kan yaadamedha jedhameera.
Haata'u malee, Kiim Kooriyaa Kibbaa "diina guddoo" jechuun hariiroo dippilomaasii ollaashee kana waliin jiraachuu malu kan abdii hin qabne godheera.
Ameerikaan "nukilara qabnu kan kabajju yoo taateefi imaammata diinummaashee kan kaastu taanaan... sababiin itti waliif hin galle tokkollee hin jiru," jechuun Kiim Kora Paartii Hojjetootaa irratti dubbachuusaa sabaahimaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Hogganaan kun itti dabaluun, hariiroon gara fuula duraa Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa, "guutummaan guutuutti Ameerika airratti kan hundaa'edha" jechuun "nageenyas ta'e gaarerfannaa itti fufu taanaan lamaan isaafiyyu qophiidha, filannoon isaa kan keenya osoo hin taane kan isaaniiti," jedheera.