'Nuti waraana hin eegalle garuu ni xumurra' - Ministira Waraanaa US

Ministirri Ittisaa Ameerikaa haleellaa Iraan irratti ajaja Donaald Tiraampin godhamaa jiru, Isa hamaa, wal xaxaa fi seenaa keessatti oppireeshinii qilleensaa addaa qiyyaafannoo isaa rukute jedhan.

Guduunfaa

  • Israa'el humni lafoo daangaa Libaanos dabalataan akka qabatu beeksifte
  • Tarkaanfii Neetaaniyaahuu lubbuu Ameerikaanotaa gaaga'aa jira- Taker Karlisan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Ameerikaan ''kanaan booda haleellaa hamaan'' Iraan irratti akka raawwatu akeekkachiiste
  • Buufanni waraanaa US Bahreen jiru guutummaan manca'e- miidiyaalee Iraan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Libaanos gara waldhabdee babal'achaa jirutti seenaa jirti
  • Haleellaa Israa'el Libaanositti gaggeessiteen namoonni 50 ol ajjeefaman
  • Israa'el jiraattonni gandoota Libaanos 50 olii akka bahan itti himte
  • Ummati Beerut jiraatan sagalee dho'insaatti hirribaa ka'an
  • Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru
  • Tiraamp haleellaan Iraan waan itti fufuuf 'duuti US kana caalaa ta'uu mala' jedhe
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
  • Tiraamp Gaggeessaan Waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu bwayita beeksisetti

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni qilleensaa UAE misaayeloota baalistikii Iraan dhukaaste sagal qolate

    Aara Dubaa'i keessaa haleellaa booda mul'ate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Aara Dubaa'i keessaa haleellaa booda mul'ate

    Humni qilleensaa UAE misaayeloota baalistikii sagal, misaayeloota kiruus jahaa fi diroonii 148 Iraanirraa furgugfaman qolachuu ministeerri ittisaa UAE beeksise.

    Erguma Iraan haleellaa eegaltee akka ministeerri ittisaa UAE jedhetti misaayeloonni baalistikii 174 gara UAE furguggifamuu kan mirkanaaye yoo ta'u, kanneen keessaa 161 yoo barbadaa'an, 13 immoo galaana keessatti kukkufan jedhameera.

    Dirooniwwan hanga ammaa Iraanirraa gara UAE dhukaafamuun mirkanaaye waliigalaan 689 yoo ta'an, 645 isaanii qolatamuu Yunaayitid Arab Emireetsi himte. 44 kan ta'an biyyattii keessatti lafa dhahan.

    Hanga ammaa namoonni sadi yoo du'an 68 immoo madaa sasalphaaf saaxilamuu ministeerri ittisaa biyyattii himeera.

    Sababa meeshaalee ittisa haleellaa qilleensaa kanaaf biyyattii keessatti sagaleen bakkeewwan garaagaraa akka dhagahamaa ture hime.

    Sirna ittisa haleellaa qilleensaa kanneenii miidhaa sasalphaa hanga giddugaleessaa fi qabeenya lammiilee qaqqabuu himeera ministeerri ittisaa hime.

  2. MM Abiy haleellaa Iraan balaaleeffatan

    Ministira Muummee Itoophiyaafi Ilma Mootii Kuweet

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota lammiileen Itoophiyaa akka hojjetaa manaatti baay'inaan keessatti dalagan keessaa tokko Kuweetidha

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwatte balaaleeffachuun gabaafame.

    Bulchaan Itoophiyaa kana dubbachuun isaanii kan ibsame haleellaa Iraan hordofee gaafa Dilbataa Ilma Mootii Kuweet Sheek Sabaah Kaalid Al Hamaad waliin bilbilaan marii taasisaniini.

  3. Tiraamp oppireeshinii babal'aan US Iraan irratti raawwattu itti fufuu dubbate

    Donald Tiraamp
    Ibsa waa'ee suuraa, Donald Tiraamp

    Pireezdaant Tiraamp, balaa sirna Iraaniin aggaamame dhabama gochuuf Ameerikaan haleellaa babal'aa Iraanirratti raawwattu itti fufuu ibse,

    Iraan akeekkachiisa US "ni didde", "carraaqqii niwukilarii hidhachuu itti fufte" jedhe.

    Iraan niwukilarii hidhachuun 'balaa obsinu miti' yaaddoo Baha Giddu-galeessaa fi Ameerikaati jedhe.

    Sagantaan misaayelaa Iraan, kan isheen misooma niwukilarii itti jirtu ittiin dhokfattu akka ta'e dubbate Tiraampi.

    Ameerikaan yeroo waan kana dhaabsisuu barbaaddutti "hunduu dugda nutti galee ture".

    Mootummaan Iraan niwukilarii fi misaayeloota fageenya giddu-galeessaa hidhachuun "waan obsamu miti balaa" Baha Giddu-galeessaa fi uummata Ameerikaati jedhe.

    Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti kallattiin shororkeessitoota hidhachiisuu, maallaqaan deeggaruu fi hogganuu hin qabdus jedhe.

    Galmi oppireeshinii Iraan keessaa itti jirruu "ifa" jedhe. Innis, akka niwukilarii hin hidhannee daangesssuu qofa osoo hin taane, humna misaayeloota ishee "barbadeessuu" fi "humna galaanaa ishee diiguu" dha jedhe.

    Ameerikaan loltoota ishee oppireeshinii Iraanirratti dhuman afraniif akka gadditu dubbate.

    "Yaadannoo isaaniif ergama kana gara jabinaan, balaa shororkeessitootaa Ameerikaanotaaf yaaddoo ta'e cabsuun itti fufna" jedhe.

    Oppireeshinii itti jiran yeroo karoorfameef dursee raawwataa akka jirus dubbateera Pireezdaant Tiraampi.

    Torban afuriif karoorfamuu kan dubbate pireezdaantichi, garuu dandeettii dursanii xumuruu qabu" jedhe.

    Loltoota Ameerikaa tajaajila kanarra jiranis galateeffateera.

  4. Tiraampi 'Iraan haleellaan 'haalaan jabaa' si'achi agarti jedhe

    Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pireezdaant Tiraamp dubbii bilbilaan CNN waliin godheen Iraan irratti oppireeshinii hamaa gaggeessuf jirra jedhe haleellaa kana duraatii ol raawwachuuf akka jiran yoo ibsu.

    "Akka gaariitti deemaa jira. Haleellaa baay'ee hamaa dha. Waraana cimaa addunyaa keenyaati kan qabnu, itti fayyadamaa jirra" jedha Tiraamp.

    "Sirriitti isaan haleeluu hin eegalleeyyu. Danbaliin haleellaa guddichi hin raawwatamne. Dhiyootti raawwachuuf jirra."

    Waraanni kun hanga yoomii itti fufa kan jedhameef Tiraampi yoo deebisu, gara ji'a tokkoo jedhe. "Akka dheeratu hin fedhu. Torban afur akka hin caallen yaadaa ture. Inumaayyuu kan yaadnee ol raawwachaa jirra," jedhe.

    Haleellaan haaloo bahiinsaa Iraan biyyoota Arabaa ollaashee akka Kaataarii fi Yunaayitid Arab Emireetsi irratti raawwatte akka isa ajaa'ibe dubbate Tiraampi.

    "Baay'ee nu ajaa'ibe" jedhe. "Itti himnee turre, kun akka ta'u ni beekna ture, amma lola barbaadu, cimanii ofirraa lolaa jiru.Xinnuma itti hirmaatu ture, amma garuu dirqamaan itti hirmaachuuf jiru."

  5. Neetaniyaahuun iddoo Iraaniin haleellaan nama itti fixxe daawwatan

    Neetaniyaahuun iddoo Iraan haleelte daawwate
    Ibsa waa'ee suuraa, Neetaniyaahuun iddoo Iraan haleelte daawwate

    Ministirri muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu iddoo Iraan Dilbata darbe haleellaa misaayiloota baalistikiin nama itti ajjeefte daawwate.

    Bakka haleellaan itti raawwatame Bee'it Shemesh - kan Teel Aviiv fi Jerusaalem gidduutti argamu kanatti ijoollee dabalatee lammiilee Israa'el sagaltu ajjeefame.

    Neetaniyaahuun, Iraan yoo niwukilarii hidhatte 'ilma namaa hundaaf' yaaddoodha jedhe.

    "Kanaafuu of tiksaa jirra, yoo of tiksinu kana immoo hedduurraa tiksaa jirra," jedhe daawwannaa Bee'it Shemesh irratti.

    "Michuu cimaa keenyaa fi hogganaa jabaa addunyaa keenyaa kan ta'e Donaald Tiraampiif carraaqqii addunyaa baraaruu gochaa jirruuf tumsa nuuf godheef galata addaa galchuufiin barbaada" jedhe Neetaniyaahuun.

  6. Haati warraa Ayaatolaa ajjeefamte - Miidiyaa Iraan

    Sirna gaggeessaa Ayaatolaah

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna gaggeessaa Ayaatolaah

    Haati warraa hogganaa duraanii Iraan Ayaatolaa Alii Kaamenii, Mansureeh Kojaaste Baagerzadeh ajjeefamuu Televizhiniin mootummaa Iraan lama mirkaneessan.

    Haati warraa Ayaatolaa tun kan ajjeefamte "mana keessatti" jedhameera.

    Miidiyaalee Iraan kunneen Baagerzaadeh jalqabumaa ofwallaaltee akka turte gabaasan.

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti intalli Ayaatolaa Kaamenii, akaakuun isaa fi soddaan isaas ajjeefamaniiru.

    Kaameenii fi haati warraa isaa ilmaan jaha horan. Afur dhiira yoo ta'an, lama dubara.

  7. Waraana kana nuti hin eegalle, garuu ni xumurra - Ministira Waraanaa US

    Ministira waraanaa US Piitar Biriyaan Hegseet
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira waraanaa US Piitar Biriyaan Hegseet

    Ministirri waraanaa Ameerikaa Piitar Biriyaan Hegseet haasawa amma godhaniin, haleellaa Iraan irratti ajaja Donaald Tiraampin godhamaa jiru, Isa hamaa, wal xaxaa fi seenaa keessatti oppireeshinii qilleensaa ilaamaa isaa kan rukute addaa jedhan.

    "Waraana kana nuti hin eegalle, garuu ajaja Pireezdaant Donaald Tiraampiin, xumuruuf jenna," jedhan.

    Hegseet, Ameerikaan "turtii waraana kanaa jalqabaa hanga xumuraa murteessitee itti seente" jedhan.

    ''Ummanni Iraan hiree ajaa'ibaa argate kana akka fayyadamu abdiin qaba" jedhan.

    Humnoonni nageenyaa Iraanis "ogummaa fi hubannoon" filannoo ofii akka murteessan waamicha godhan.

    "Injifannoof lolla, yeroo fi lubbuu qisaasessuu hin feenu," jedhan.

    Ameerikaan loltoota ishee waraana kanarratti lubbuun darbeef gaddaa jirtis jedhan.

    Isaan "qaqqaliiwwan Ameerikaati" jedhan.

    "Waraana kanas karaa kabaja isaanii ol kaasuun goolabna, araarama tokko malee, shakkii tokko malee," jedhan.

    "Kun boqonnaa haaraa dhalootaa waggoota hedduuf eegaa turre" jedhan.

    Oppireeshiniin Iraanirratti eegalle "waraana dhuma hin qabne hin ta'us" jedhan Heegseet. Ameerikaanis misaayelootaa fi caasaawwan nageenyaa Iraan diiguuf kaayyeffatte jedhan.

    Sirni Iraan keessaa " duuti Ameerikaaf duuti Israa'eliif" dhaadannoo jedhuun kan dhangi'amedha"

    "Waraanni kun waraana sirna jijjiiruu miti, "sirni qabatamaan ni jijjiirama, addunyaan ni obbaafattis" jedhan.

    Mootummaan akka Iraan meeshaa niwukilaraa hidhachuu hin qaban jechuun aangawaan US kuni dubbataniiru. Namni kamuu lammiilee Ameerikaa ajjeesu yookiin doorsisu Ameerikaatiin ''araarama tokko malee'' ni adamfamu jedhan.

    Biyyi akka Iraan meeshaa niwukilaraa hidhachuu akka hin qabne beekamaadhas jechuun dubbatan.

  8. Xiyyaaronni Ameerikaa Kuweetitti kufuu fi babal'achuu waraana Iraan, Israa’el fi US

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Biyyoonni Galoo Galaanaa michoota US ta'an daafoo haleellaa Iraaniin goolamaa jiru.

    Ministeerri Ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) Dilbata waaree booda misaa'eloota fageenya dheeraa imalan (ballistic) 165, xiyyarota nama maleeyyii misaa'ela dhukaasan lamaa fi dirooniiwwan 541 Iraan irraa dhukaafaman keessummeessuu ibse.

  9. Kaataar oomisha boba'aa uumamaa qulqulleessuu dhaabde

    Boba'aa Kaataar

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Boba'aa Kaataar

    Qabeenya mootummaa Kaataar kan ta'e kaampaaniin boba'aa,QatarEnergy, oomisha boba'aa uumamaa qulqulleessuu (LNG) dhaabuu beeksise.

    Kun haleellaa Iraan bu'uuraalee oomisha boba'aa isheerratti bante hordofeeti.,

    Iraan iddoowwan oomisha boba'aa qulqulleesan lama Qaataar Raas Laafan fi Misaa'id jedhaman irratti haleellaa raawwachuu himte Kaataar.

    Kaataar, Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Raashiyaadhaan wal maddii biyyoota oomisha boba'aatiin addunyaa dursa keessaayi.

  10. Eegdonni Islaamaa Iraan mormiin akka hin jiraanne akeekkachiisan

    Humna Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan

    Madda suuraa, EPA

    Ergaa humnoonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan erge BBC'n ilaaleera.

    Ergaan kuni qaama tikaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) irraa kan darbe yoo ta'u lammiileen daandiitti bahanii akka hin mormine akeekkachiisa.

    Hiriirri mormii taasifamu kamuu ''hookkara daandiirraa'' kan ''diinaan qindaa'e'' jechuun ibsa.

    ''Sochiin nageenya danqu kamuu diina waliin wal ta'uutti ilaalama.''

    Ergaa biraan lammiileen sochii ''farra nageenyaa'' ta'e yoo argan akka gabaasan gaafateera.

    Erga hogganaan olaanaa Iraan Ali Kaamenii ajjeefamanii as BBC'n viidiyoo lammiileen biyyattii gammachuu ibsan mirkanesseera.

    Haaluma wal fakkaatuun, miidiyaaleen Iraan garee namootaa du'a Ali Kaameniin gaddan gabaaseera.

    Iraan keessatti ammallee lammiileen hedduu intarneeta hin qaban. Sababni immoo waan cufameefi.

    Sababa kanaan waan biyyattii keessa jiru ifatti hubachuun nama rakkisa.

    Lammiileen muraasni garuu intarneeta saatalaayitii kanneen akka Istaarlinkiin intarneeta fayyadamu.

  11. Gochoonnii Iraan "balaafamoofi kan muddama hammeessani" - US fi biyyoota galoo galaanaa

    Kaartaa biyyoota Galoo galaanaa Iraaniin haleelamanii
    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa biyyoota Galoo galaanaa Iraaniin haleelamanii

    Gochoonni Iraan naannichatti raawwataa jirtu"balaafamaa muddama hammeessu", tasgabbbii Baha Giddu-galeessaaf yaaddoo ta'edha jedhan Ameerikaa fi michuuwwan ishee biyyoonni Galoo galaanaa ibsa waloo baasaniin.

    "Lammiilee nagaa fi hidhannoo-maleeyyii irratti xiyyeeffachuu amala akkafeetee tasgabbii balaarra buusu," jedha ibsi - ministeera dhimma alaa Kuweetiin qoodame kun.

    Ibsi kun jalqaba Afaan Arabaatiin kan maxxanfame yoo ta'u, - ibsa biyyoonni Kuweet, Saa'udi Arabiyaa, Baahireen, Kaataar, Jordaan, UAE fi US waloon baasanii dha.

    "Mirga ofirraa qolachuu keenya mirkaneessuu feena" jedha yeroo haleellaan naannichatti raawwatamaa jiru kanatti ibsi baasan.

    Ibsi kun Baahireen, Iraaq (kutaa Kurdistaan dabalatee), Jordaan, Kuweet, Omaan, Kaataar, Bulchiinsa Saa'udi Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireets keessatti haleellaan raawwatamuu ibseera.

  12. Amma nu gahe, Waraanni US afraffaa haleellaa Iraaniin du'uu US beeksiste

    Haleellaa Iraan jalqabaan kan miidhame waraanni Ameerikaa tokko du'uu isaa Ajajaan Waliigalaa Waraana Ameerikaa beeksise.

    Iraan naannawa Giddugala Bahaatti haleellaa cimsitee fufteetti.

    Haa ta'u malee Ameerikaan bakka waraanni kuni miidhame hin dubbanne.

    Waraana Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti raawwataa jiraniifi Iraan immoo haleellaa itti fufteen hanga yoonaa waraanni Ameerikaa afur du'aniiru.

  13. Jeettiiwwan ishee sadii Kuweet keessatti caccaban sababa dhukaasa gita keenyarraa raawwatameeni jette US

    Jettiiwwan Ameerikaa caccaban
    Ibsa waa'ee suuraa, Jettiiwwan Ameerikaa caccaban

    Duratti, Waraanni Kuweetii Jeettiiwwan waraanaa US Kuweet keessatti caccabuu beeksisee ture. Sababni taatee kanaas qoratamaa jiraachuu waraanni Kuweet beeksisee ture.

    Ajaji Giddu-galeessaa US amma akka beeksisetti immoo Jettiiwwan isaa F-15 kan duula Iraanirratti godhamu "Operation Epic Fury" tumsaa turan Kuweet keessatti "dhukaasa gita keenyarraa irratti raawwatamuu hin oolle" ibse.

    Tuutni loltoota Jeettiiwwan kana keessa turan jahanuu nagaan bahuu hime.

    Ragaaleen BBC VERIFY akka agarsiisanitti jettiin kunneen magaalaa Kuweet cinaatti kufanii caccaban.

  14. Waraanni Israa'el haleellaa dabalataa Teehraan irratti jalqabuu beeksise

    Humni waraanaa Israa'el (IDF) magaalaa guddoo Iraan Teehraanirratti "haleellaa dabalataa babal'aa" eegaluu beeksi

    Haleellaa kanaan "Qiyyaafannoo sirna shororkeessaa Iraan irratti taasifamu" jechuun ibse.

  15. Mallattooleen buufatni niwukilaraa Iraan miidhamuu agarsiisu hin jiru jedha dhaabbati niwukilaraa to'atu

    Buufata gabbisa niwukilaraa Bushehr,

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata gabbisa niwukilaraa Busher,

    Hogganaan dhaabbata to’annoo niwukilaraa UN, Raafaa’eel Giroosii, haleellaa Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti raawwataniin booda, “ Buufanni gabbisa niwukilaraa Bushehr, Riyaaktarii qorannoo Tehran ykn dhaabbileen buufata niwukilaraa biroo Iraan kamiyyuu miidhamuu ykn rukutamuu isaanii” ragaan agarsiisu hin jiru jedhu.

    Ejensiin Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) qaamolee niwukilaraa Iraan to'atan qunnamuuf yaalaa ture garuu ''hanga ammaatti deebii hin arganne'' jedhe.

    Iddoowwan niwukilaraa Iraan fi biyyoota naannichaa biroo, Bahrain, Iraaq, Kuweet, Omaan, Qaxar fi Sa’uudii Arabiyaa dabalatee jiran ilaalcha keessa galchuun “hojii waraanaa hunda keessatti of-eeggannoo olaanaan” akka taasifamu gaafateera.

    IAEA keessatti ambaasaaddarri Iraan Reezaa Najaafii BBC'tti akka himanitti, Dilbata darbe iddoon niwukilaraa Nataanz rukutamuu eeranis garuu bal'isan isaa sitti hin ibsine.

  16. Israa'el miseensota olaanaa Hizbollaah haleelu ibsite

    Haleellaa Israa'el Beerutitti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el Beerutitti

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) miseensota olaanaa Hizbollaah Beerut keessa jiran irratti qiyyaafachuu ibse.

    Waraanni Israa'el dhimma kana irratti odeeffannoo kennuu baatus miseensota garichaa olaanoo heddu ''sirritti rukuteera'' jedhe

  17. 'Waranni Iraan baatii tokkoof turuu danda'a' -Tiraamp

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun ummati Ameerikaa lola Iraan waliin taasisan irratti miidhaan waraanaa dabalataa mudachuu akka danda’uuf qophaa’uu akka qabu himaniiru.

    Traamp waraana Iraan kana keessatti loltoonni Ameerikaa kana caala ajjeefamuu akka danda'an akeekkachiisan

    Hanga ammaatti loltoonni sadii du'uun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, kanneen shan ta'an ammoo akka malee madaa'aniiru.

    Tiraamp NBC waliin haasawa taasisaniin irratti waraanni kun yoo xiqqaate ji’a tokko turuu danda’a jedhan.

    Garuu Eegdota Warraaqsa Iraan akka harka kennachuun waraanicha gabaabsan barbaadu. Kun waan ta'u fakkaata?

  18. Iraan keessatti namoonni 550 ajjeefamuu Addeessi Diimaaa hime

    Waldaan Addeessa Diimaa Iraan haleellaa US fi Israa'el guutummaa magaalota Iraan 130 keessatti bananiin namoonni 555 ajjeefamuu hime

  19. UK, Faransaay fi Jarmaniin dantaa isaanii eeguuf Iraan irratti ''tarkaanfii fudhachuuf'' qophii ta'uu himan

    MM Biriteen Keeyir Istaarmar balaa Iraan irraa dhufu dhaabuuf furmaanni jiru misaa'eloota ishee madda isaaniitti dhabamsiisuu qofa ta'uu ibsaniiru.

    Madda suuraa, X / Keeir Istaarmar

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Biriteen Keeyir Istaarmar balaa Iraan irraa dhufu dhaabuuf furmaanni jiru misaa'eloota ishee madda isaaniitti dhabamsiisuu qofa ta'uu ibsaniiru.

    UK, Faransaay fi Jarman ibsa waloo baasaniin Iraan haleellaa misaa'elaa ollaa ishee irratti raawwatte balaaleffataniiru.

    UK'n Ameerikaan buufata waraanaa Biriteen kaayyoo ittisaaf akka itti fayyadamtu akka hayyamtu beeksifteetti.

    MM Biriteen Keeyir Istaarmar, Pireezidantiin Faransaay Amaanu'eel Maakrooniifi Chaansilarri Jarman Firiidrich Merz Iraan haleellaa ishee akka dhaabdu gaafataniiru.

    Biyyoonni kunneen dantaa Baha Giddugaleessaa keessatti qaban eeguuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

    "Faayidaa mataa keenyaa fi kan michoota keenya naannicha keessa jiran ittisuuf tarkaanfii ni fudhanna. Kun tarkaanfii ittisaa barbaachisaa fi madaalawaa ta'ee fi dandeettii misaa'elaa fi diroonii Iraan madda isaanii irraa dhabamsiisu ta'uu danda'a," jedhan.

    Ergaa viidiyootiin Ministirri Muummee UK Istaarmar Ameerikaan buufata waraanaa biyyattii akka fayyadamtu ni hayyamna jedhan.

    Itti dabaluunis, “Michoonni keenya Galoo Galaanaa keessa jiran isaan ittisuuf caalaatti akka hojjennu nu gaafataniiru''jedhan.

    "Garuu karaan balaa kana dhaabuu dandeenyu misaa'eloota Iraan madda isaaniirra dhabamsiisu qofa'' jedhan.

  20. Xiyaaronni waraana US Kuweet keessatti kufan

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Video appears to show F-15 fighter jet crashing in Kuwait

    Oduu amma Kuweet irraa dhufee - "xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa baayyee ganama kana kuffiifamaniiru," jedhe Ministeerri Ittisaa Kuweet.

    Gareen hojjetoota xiyyaarotaa "osoo miidhaan irra hin ga'iin oolanii" bakka sanaa fuudhamanii fayyaan isaanii akka ilaalamuuf gara hospitaalaa geeffamaniir jedhameera. Haalli gareen hojjetota xiyyaaraa kunneen keessa jiranis "gaariidha" jedhameera.

    Ministeerri Ittisaa kun itti dabaluun, "waa'ee bala amudatee kanaa", akkasumas "ka'umsa balaa kanaa" qorachuurratti biyya michuu taate US waliin qindoominaaan akka hojjetu ibseera.