Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru

Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin waajira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaan Iraan mirkaneesseera. Biyyattiin hogganaa biyyattii waggoota 37 bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsisteetti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Taankeriin boba'aa misaa'eliin haleelamanii gubachaa jiru - Iraan

    Dooniiwwan lama haleelamuun gubatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan taankeriin boba'aa sadii kan US fi Uk ta'an "misaa'elaan haleelamuun gubachaa jiraachuu" Humni Eegduu Warraaqasaa Iraan (IRGC) hime.

    Kan gabaase miidiya amootummaa Iraan IRNA.

    US fi UK'n ammoo gabaasa kana hanga ammaatti hin mirkneessiin jiru.

    UK Maritime Trade Operations akka jedhetti, gabaasa oolmaa guyyaa isaatiin naannoo sanatti"rakkoon nageenyaa galaanarraa baayyeen akka mudate gabaafameera."

    "Wanta waliin isaa hin beekamne itti dhukaafameen" dooniiwwan lama haleelamaniiru kan ibse dhaabbanni Uk kun, abiddi akka uumamus godheera jedheera.

    Dooniiwwan kunneen eessa akka dhufan ykn eessatti akka galmaa'an ifa miti.

    Taankeroonni kunneen Galoo Galaanaa fi istriit Hormuuz kan amma cufameeru keessatti haleelaman.

    Istriit Hormuuz kun addunyaarratti toora daandii galaanaa barbaachisaafi sakatta'insa boba'aan itti gaggeeffamudha.

  2. US doonii waraanaa Iraan tokko haleeluun dhidhimsite

    Doonii waraanaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Humni Waraanaa US doonii waraanaa Iraan tokko haleeluun dhidhimsuu beeksise.

    Ajaji Giddugaleessaa US fuula X gubbaatti akka beeksisetti, dooniin waraanaa Iraan kaleessa haleelamtee turte dhidhimaa jiraachuu ibse.

    "Dooniin waraanaa kun yeroo ammaa Galoo Galaana Omaan keessatti dhidhimaa jirti," jedha ibsichi.

    Dabaluunis, humnoonni Iraan meeshaasaanii akka lafa kaa'anis akeekkachiise.

    "Akkuma Pirezidaant Tiraamp jedhan, miseensonni humnoota waraana Iraan, Eegdota Humna Eegumsaa Islaamaa fi poolisiin meeshaasaanii hiikkachuu qabu," jechuun ibse Ajaji Giddugaleessaa US kun.

    Iraan gamasheen misaa'eloota bilaastikaa afur gara doonii waraanaa US Abaraham Linkon jedhamuutti dhukaasuu ibsitus, Ajaji Giddugaleessaa US garuu misaa'eloonni jedhaman bakka dooniin waraanaa US jiruttuu hin dhiyaanne jedhe.

  3. Loltoonni Ameerikaa sadii ajjeefamuu Humni Waraanaa biyyattii beeksise

    Doonii waraanaa US

    Madda suuraa, Getty Images

    Sambata erga Israa'el fi Ameerikaan Iraan irratti haleellaa bananirraa kaasee loltoonni Ameerikaa dirqamaaf bobba'anii turan sadii ajjeefamuu ajajaan waraanaa giddugaleessaa (Sentikoom) beeksise.

    Duuti loltoota kanaa maatii isaaniitti himamee sa'aatii 24 keessatti maqaan isaanii akka ibsamu ajajaan kun ibseera.

    Duuti loltoota kanneen sadanii duula kanaan du'a loltoota Ameerikaarra gahe isa jalqabaati.

    Warra du'aniin ala, loltoonni biroo shan "cimaa madaa'uu" waraanni Ameerikaa dabalee beeksiseera.

    Ameerikaan Israa'el waliin ta'uudhaan Iraan irratti haleellaa banuushee Pirezidant Tiraamp Sambata yeroo beeksisanitti, "akkuma waraana kamuu keessatti mudatu miidhaan nurra gahuu danda'a, gootonni Ameerikaa lubbuun isaanii darbuu danda'a," jechuun akeekkachiisee ture.

  4. Iraan 'buufatawwan diinaa cabsaa jirti' - Pirezidantii biyyattii

    Pirezidantii Iraan Masud Pezesjkiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Iraan Masud Pezeshkiyaan TV mootummaarratti dhiyaachuun, biyyattiin 'buufatawwan diinaa cabsaa jirti' jedhe. Ergaan Pirezidantichaa kun viidiyoo n kan waraabamee gadhiifame fakkaata.

    Ajjeefamuu Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ilaalchisee gadda isaa ibsachuun manni-maree hoggansa yeroo ce'umsaa hojiisaa jalqabeera jedhe.

    Akka miidiyaa mootummaa Iraanitti, Masud Pezeshkiyaan ofiisaayyu qaama koree yeroo ce'umsaa nama sadii qabuu kanaa yoo ta'u, hanga qaamni amantii Iraan Gaggeessaa Waliigalaa itti aanu filatutti koreen kun qaawwa jiru guutuun hojiisaa hojjeta jedhe.

    Masud Pezeshkiyaan itti dabaluun, humnoonni biyyattii diinota 'aarsuun buufata isaanii cabsaa jiru' jedhe.

    Ergaa isaa biyyaaf dabartse kana saatii muraasa dursee barreeffama fuula X irratti baaseen, ajjeechaan mudate "mootummaan hojiisaa hojjechuufi itti gaafatamummaa isaa ba'achuurraa isa dhorkuu hin danda'u," jedheera.

  5. Haleellaa Iraan Emireetisirratti raawwattee namoota sadii ajjeeseen lammilee Itoophiyaafi Ertiraar miidhaman

    UAE keessatti haleellaa Iraan gaggeessite

    Madda suuraa, Shutterstock

    Iraan guyyaa lama keessatti haleellaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) irratti raawwatteen namoonni sadii yoo ajjeefman, kan Itoophiyaafi Ertiraa dabalatee lammilee biyyoota garagaraarra miidhaan irra gaheera.

    Ministeerri Ittisaa Emireetis akka jedhetti, Sambata guyyaa haleellaan kun itti raawwatamerraa kaasee misaa'eloonni 700 fi dirooniiwwan 500 Iraan irraa gara Yunaayitid Arab Emireetisitti dhukaafamaniiru.

    Kanneen keessaa baayyeen isaanii yoo fashalaa'an, hangi tokko naannoo manneen jireenyaafi hojii, akkasumas galaanarra bu'aniiru. Namarra miidhaan kan gahe kallattiin haleellaa gaggeeffameen osoo hin taane yeroo akka fashalaa'an taasifaman caccabaa uumamuun ta'uun ibsameera.

    Akka Gulf News gabaasetti, namoonni haleellaa kanaan lubbuun isaanii darbe sadan lammilee Paakistaan, Neeppaal fi Baangilaadishidha.

    Dbalataan Itoophiyaafi Ertiraan kan keessatti argaman lammileen biyyoota garagaraa 58 ammoo madaa'aniiru.

    Ameerikaafi ISraa'eliin haleellaan kan irratti raawwatame Iraan, bakka buufataaleen waraanaa Ameerikaa jiraniifi biyyoota Galoo Galaanaa michuu Ameerikaa tra'an irratti tarkaanfii haaloo ba'uu fudhachaa jirti.

  6. Iraan doonii waraanaa Ameerikaa goddicha USS Abrahaam Linkan haleeluu himte

    Doonii waraanaa USS Abrahaam Linkan

    Madda suuraa, US Navy via Reuters

    Loltoonni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) doonii waraanaa Ameerikaa xiyyaara baatu USS Abrahaam Linkan jedhamu haleeluu hime.

    IRGC ibsa baaseen, balastik misaa'elii afuriin haleellaa kana raawwachuu ibsuu miidiyaan mootummaa gabaaseera.

    Dooniin USS Abrahaam Linkan HUmna Galaanaa Yunaayitid Isteetis keessaa doonii xiyyaara waraanaa baattu Nimitz-class shanfaadha.

    Dooniin kun jeettii waraanaa raadaarii cabsee seenu F-35 ammayyaa dabalatee qabata.

    Dooniima USS Abrahaam Linkan kana jalatti xiyyaarota boombii Tomahawak kiruuz misaa'elii fayyadamuun hanga garaa lafa jalaatti deemee barbadeessuu danda'us qaba. Qaamuma doonii waraanaa kana kan ta'e ammoo doonii humna nukilaraan hojjetu galaana jala deemus qaba.

    Akka suura saate;laayitii BBC erify mirkanneesseetti dooniinkun Guraandhala 15 ture kan g=qarqara galaaanaa Omaanitti mul'atte.

    US hanga ammaa haleellaa Iraan raawwadhe jettu kanaas deebii hin kennine.

  7. Waraana US - Israa'el fi Iraan hammaate garamitti baha?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin waajira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaan Iraan mirkaneesseera.

    Biyyattiin hogganaa biyyattii waggoota 37 bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsisteetti.

  8. Daangaan qileensaa Baha Giddugaleessaa cufannaan balaliiwwan haqaman

    Haleellaa Israa'el fi Ameerikaan Iraan irratti rawwataniifi tarkaanfii haaloo bauuf Iraan fudhacha ajirtu balaliiwwan xiyyaaraa gara Baha Giddugaleessaatti taasifanan hqmaniiru.

    Waraanni kun balaliin biyyoota Baha Giddugaleessaarraa ta'eefi garas deemus sababdaabgaan qilleensaa cufateef haqamaniiru.

    Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa guddichi Dubaay, akkasumas buufanni xiyyaaraa Maaktum guutummaatti balalii haqaniiru.

    Dabalataan Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa dubaay hojjettoonni isaa afur miidhaan irra gahuu ibseera.

    emireetis ammoo hanga wixata boruutti balaliiwwan dubaayirraa ka'an haqamuu beeksiseera. Itihaad ammoo balaliiwwan ka'umsa isaanii Abu Daabiirraa tahe haqaerra.

    Biriitish Eerway balalii gara Tel Aviiv fi Baahireenitti taasisu hanga Roobiitti haqeera. Balaliiwwan gara Abu Daabii, Omaan, Dohaa fi Dubayitti taasifamanis akka haqaman ifa godheera.

    Varjiin Atilaantik, Singaappoor Eeyirlaayinsiifi Eeyir Indiyaafi daandiiwwan qilleensaa biroo balalii gara Baha Giddugaleessatti taasisan haqaniiru.

    Biyyoota Baha Giddugaleessaa
  9. Puutin ajjeefamuu Ayaatolaa Kameeniirratti dubbate

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin 'ajjeechaa cubbuu' jedheen du'uu Ayaatolaa Alii Kameeniin gadda isaa ibsateera.

    Akka miidiyaa mootummaa TASS gabaasetti, ajjeechaan kun safuu namaa fi seera idil-addunyaa kan cabsedha.

  10. Ajjeechaan Ayaatolaa Kameenii 'waraana musliima hundarratti banameedha' - Pirezidantii Iraan

    Pirezidantii Iraan Masud Pezeshkiyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Iraan, Masuud Pezeshkiyaan, ajjeechaan hogganaa olaanaa Iraan ''Musliimota irratti waraana banamedha, keessumaa warra Shiyaa addunyaarra jiranitti.''

    Chaanaalii Telegiraamii mootummaa Iraan irratti maxxaneerratti Pezeshkiyaan waan biyyattiin gochuuf deemtu dubbatani.

    Iraan ''yakka seenaa [irratti raawwateen] dhiigaafi haaloo bahuuf yaaduu'' dubbatani.

    Kanneen badii narratti raawwatan jedhan irratti haaloo bahuun ''waanuma sirrii'' jechuun ibsan.

    Aangawoota biyyattii ajjeefamaniiru jedhaman keessaa maqaan isaanii ka'aa ture.

    Dubbii himaan waajjira isaanii garuu ''nagaadha'' jedhaniiru.

  11. Paakistaanitti namoota Iraan deeggaruun qiintsilaa US'tti hiriira bahan keessaa sagal du'an

    Deeggartoota Iraan Paakistaan keessatti

    Madda suuraa, Getty Images

    Paakistaan magaalaa Karaachii keessatti namoonni Iraaan deeggaruun bakka qoontsilaan Ameerikaa argamuti hiriira bahan poolisii waliin walitit bu'anii yoo xiqqaate namoonni sagala du'anii, 32 ammoo madaa'uun dhaga'ame.

    Hakiimiin olaanaa Sivil Hospitaal Kaaraachii keessatti argamu reeffi namoota sagalii gara hospitalicha geeffamuu BBCtti himeera.

    Haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti raawwatan hordofee deeggartoonni Teehraan dhibbaan lakkaa'aman magaalota Karaachii, Laahor fi Islaamaabaad keessatti daandiiti bahuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

  12. Amma nu gahe, Ajajaan haaraa Egdota Warraaqsaa Iraan muudame

    Loltoota Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan ajajaa olaanaa haaraa muuduu beeksise.

    Namni haaraa muudaman kuni Ahimad Vaahidii jedhamu.

    Ajajaan duraanii, Janaraal Mohaammad Paakpur, haleellaa waloo Israa'eel fi Ameerikaan gaggeessaniin gaafa Sambataa ajjeefame.

    Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan biyyatti keessatti humna waraanaa, siyaasaafi dinagdeeti.

    Caasaan waraana kanaa waraana biyya kanarraa addadha.

  13. Qondaalonni olaanoo Iraan ajjeefaman - Gabaasa

    Haleellaa Tehiraanitti raawwateen konkolaataa mancaate

    Madda suuraa, ISNA/WANA/Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Tehiraanitti raawwateen konkolaataa mancaate

    Miidiyaan Israa'el Channel 12 jedhamu akka gabaasetti, humni qilleensaa biyyattii haleellaa raawwateen qondaalonni olaanoo Iraan 30 ajjeefamaniiru.

    Kanneen ajjeefaman keessa hogganaa olaanaa Iraan Alii Kaamenii ni jiru.

    Akka gabaasi miidiyaa kanaa mul'isutti, qondaalonni waraanaafi siyaasaa Israa'el ''kuni jalqabbiidha, fuuldura keenya duula guyyaa baay'ee qabna,'' jechaa jiru.

    Gabaasni miidiyaalee biroo immoo qindoomina waraana US fi Israa'el gabaasaa jiru.

    Haa ta'u malee, xiinxalaan waraanaa Yowaav Limoor biyyoota lamaan gidduu garaagarteen jiraachuu mala jedha.

    Gaazexeessaan buleessi Naahum Barniyaa immoo Israa'el ''obsa'' waraana kana guyyoota dheeraaf gaggeessu qabdi, Tiraamp garuu akkana obsuu dhabuu malu jedha.

    ''Ameerikaaf kuni waraana filannooti, Israa'eliif garuu waan barbaachisaadha.''

  14. Iraanonni du'a gaggeessaa isaaniin gadda ibsachuuf daandiitti bahan

    Iraanota du'a gaggeessaa isaaniin gadda ibsachuuf daandiitti bahan

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo waggoota 40 siquuf Iraaniin akka gaggeessaa waliigalaa ta'uun kan bulchaa ture Ayatolaa Alii Kameenii ajjeefamuu hordofee lammileen daandiitti bahanii gadda isaanii ibsachaa jirru.

    Haleellaa Israa'el fi Ameerikaan raawwataniin miseensota maatiisaa dhiyoofi aanga'oota olaanoo biyyattii waliin kan ajjeefaman gaggeessaan waliigalaa kun Iraanota bakka lamatti qoodeera.

    Lammileen biyyattii biyya keessaafi biyya alaa jiran du'uu gaggeessaa kanaan gaddaafi gammachuu yoo ibsataa jiran gabaafameera.

    Iraan ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii hordofee guyyaa gaddaa 40 labseera.

  15. Daawwadhaa: Buufata Xiyyaaraa Dubaayitti yeroo haleellaan gaggeeffametti caccabaan lafatti kufe mul'atutti

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Buufata Xiyyaaraa Dubaayitti yeroo haleellaan gaggeeffametti caccabaan lafatti kufe mul'atutti
  16. Daawwadhaa: Aara guddaa magaalaa Iraan, Teehraan irratti Dilbata mul'atu

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Aara guddaa magaalaa Iraan, Teehraan irratti Dilbata mul'atu
  17. Teehraan bakka garagaraatti dhohinsi dhaga'amaa jira, aarris ni mul'ata

    Namoonni ijaan arganiifi dhaga'an akka jedhanitti, magaalaa guddoo Iraan, Teehraan keessatti bakka garagaraatti sagaleen dhohinsaa dhaga'amaa jira, aarris mul'achaa jiraachaa jira.

    Miidiyaaleen Iraanis, magaalaa Teehiraan bakkeewwan garagaraatti dhohisni jiraachuu gabaasaa jiru.

    Kun kan ta'e ammoo Humni Ittisaa Israa'el (IDF), magaalaa Teehraan keessatti bakkeewwan mootummaa Iraan waliin hidhata qabu jedherratti xiyyeeffachuu haleellaa walirraa hin cinne akka gaggeessu beeksisuu hordofeeti.

    Aara Teehraan keessatti haleellaan booda mul'atu

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

    Aara Teehraan keessatti haleellaan booda mul'atu

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

  18. Jeettiin Iraan buufata US Baha Giddugaleessaa keessa jiru haleele - Miiniyaa mootummaa

    Iraan paayiletoonni humna qilleensaashee haala milkaa'aa ta'een buufataawwan US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiraniifi naannoo Iraaq Kurdistaan keessa jiran haleeluu himte. Burqaa oduu mootummaa IRNAtu gabaase.

    Paayiletoonni buufataaleen marsaa baayyeen haleeluu kan bse humni waraanaa Iraan, "wiirtuuwwan waraanaa diinotaa" naannicha keessa jiran hundi bakka jeettiiwwan waraanaa Humni Qilleensaa qaaqabudha jedheera.

  19. Aaraafi abiddaa haleellaa Iraan Galoo Galaanaatti raawwatte hordofee mul'ate

    Haleellaa haaloo ba'uu Iraan biyyoota Galoo Galaanaa michoota US ta'anirratti raawwatte hordofee suuraawwan aaraafi abiddi mul'isan bahaniiru.

    Suuraawwan haleellaa halkan darbeefi ganama kana magaalaa guddoo Baahireen Manamaa fi UAE, Dubaay keessatti ammoo ulaan Jebel Alii irraa aarriifi abiddi mul'ateera.

    Aaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Iraan magaalaa guddoo Baahireen, Manaamaatti raawwatteen gamoon rukkutame yeroo gubachaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Iraan UAE, Dubaay keessatti ulaa Jebele Alii irratti raawwatte hordofee aara gur'acha mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

  20. Waggoota 37'f Iraan kan bulche, Ayaatolaah Ali Kameenii, eenyu ture?

    ayaaolaa Alii Kameenii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Gaggeessaan Waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa'el Teehiraan irratti gaggeessaniin Bitootessa 28, 2026 ajjeefame.

    Ayatolaah Alii Kameenii gaggeessaa hafuuraa [amantaa] Iraan yoo ta'an, biyyattii keessatti aangoo hundaa ol ta'e qabu ture.

    Biyyattii keessatti dhimmoota mootummaa ilaallatan hundarratti murtee dhumaa namni kennu Ayatolaah Alii Kameeniidha.

    Dursaan amantaa waggoota 37f Iraan bulche kun, abbaafi hundeessaa Rippablika Iraan Ayaatolaah Ruhollaa Komeenii du'uu hordofee ture bara 1989 kan gara hogganaa olaanaa ta'an.

    Yeroo sanarraa kaasee, siyaasa Iraaniifi humnoota hidhatan irratti olaantummaa qabachuun sirna bulchiinsaafi aangoo biyyattii kamiiniyyu ol ta'anii jiraataa turan.

    Kun garuu amma dhumateera.