Sudaan dirooniin Itoophiyaatii ka'e daangaashee seenuu himatte

Diroonii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni Sudaan kana dura 'biyya ollaa' maqaa osoo hin dhahiin Humna Addaa deeggarti jechuun himataa turan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sudaan dirooniiwwan Itoophiyaarraa ka'an daangaa ishee seenaa haleellaa raawwataa jiru jechuun ifatti himatte.

Dirooniiwwan kuni birmadummaa isheerratti ''haleellaa ifatti'' raawwate ta'u ibsuun kunis ''gocha dubbii barbaaduuti'' jechuun kan himate Ministeera Dhimma Alaa Sudaan ibsa baaseeni.

Dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa deebiin kenname hin jiru. Yaaliii BBC'n taasisees hin milkoofne.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Wixata ibsa baaseen baatii guyyoota jalqabaa Amajjiifi Guraandhala keessatti dirooniiwwan Itoophiyaatii ka'an gara daangaa isaa seenaa turuu hordofaa akka ture ibse.

Dabaluunis, dirooniiwwan kuni bakkeewwan Sudaan keessa jiran irratti qiyyaafatanii haleellaa raawwachuu isaanii dubbate.

Haa ta'u malee, bakkeewwan haleellaan itti raawwateefi miidhaa dhaqqabee waan dubbate hin qabu.

Mootummaan Sudaan haleellaa diroonii gama Itoophiyaatii raawwateera jedhe kana ''gocha maal na dhibdeefi fudhatama hin qabne'' jechuun rakkoo biraa hordofsiisuu akka danda'u akeekkachiiseera.

Ibsi mootummaa Sudaan Afaan Arabaan bahe gochi jedhe kuni kan itti fufu yoo ta'e birmadummaafi daangaa tokkummaa isaa ofirraa ittisuuf mirga akka qabu akkasumas ''karaa garagaraa'' deebii kennuuf humna akka qabu hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC'n himannaa Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan dhiheesse irratti Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Waraana waliinii waraana Sudaaniifi Humna Addaa Sudaan (RSF) gidduu adeemaa jiru keessatti waraanni Sudaan Al Burhaaniin hoogganamu Itoophiyaan morkataa isaanii deeggarti jechuun himata.

Gama mootummaa Itoophiyaas yeroo adda addaatti Sudaan keessaa hidhattoonniifi meeshaan waraanaa gara daangaashee akka seenu irra deddeebin ibsamaa ture.

Kana dura Rooyitars bakkee Itoophiyaa Sudaan waliin daangessutti kaampiin Humni Addaa Sudaan itti leenji'u akka jiru maddeen garagaraafi suuraaleen saatalaayitii akka ragaatti fayyadamuun gabaasa dhiheessee ture.

Kana ilaalchisuun mootummaan Itoophiyaa waan jedhe hin qabu.

Qaamolee waraana Sudaan keessa qooda fudhataa jiran keessaa biyyoonni garagaraa gartuu tokko akka deeggaran gabaasonni garagaraa bahanis biyyoonnii waakkataa turaniiru.

Keessumaa michuu jabduu Itoophiyaa kan taate Yunaayitid Arab Emireet gartuu Humna Addaa Sudaan Janaraal Hamdaa Dagaaloon durfamu deeggarti jedhuun dura aantummaan himatamti.

Biyyattiin garuu kaampii hundaa'e jedhame dabalatee waakkatteetti.

Sababa Hidha Haaromsa Itoophiyaan Itoophiyaa waliin dhibdee kan seenan dureewwan Sudaan hariiroon Itoophiyaa waliin qaban laafuu ibsamaa tureera.

Itoophiyaafi Sudaan bakkee Al Fashagaa jedhamuufi lafa qonnaaf mijataa ta'eerratti dhibdee akka qabanis ni beekama.