Tarkaanfii Neetaaniyaahuu lubbuu Ameerikaanotaa gaaga'aa jira- Taker Karlisan

Madda suuraa, Getty Images
Dhimma Ameerikaa irratti yaada kennuun kan beekamu, michuun Tiraamp sirna duriitti cichu, Taker Karlisan US ''Beenjaamiin Neetaniyaahuu akka olaantummaa irratti hin qabaanne ykn akka fedhetti akka biyyattii hin ajajne gochuu qabdi,'' jedhe.
''Dhiifama, kun faallaa Semetizimii miti. Tarkaanfiin bulchaa biyyaa kanaa lubbuu Ameerikaanotaa gaaga'aa jira. Carraa fi seenaa egeree addunyaa jijiiraa jira. Keessattuu ammoo egeree US miidhaa jira,'' jechuun Tucker Carlson Network irratti dubbate.
Duraan Fox News irratti keessummeessaa sagantaa kan ture namni kun ''US mootummaa Israa'eliin 'kan nu hoogganu si miti' jechuu qabdi.
Kan akka bulchiinsa kanaa murtee mootummaa Israa'eliin oofamu hin turre jechuun bulchiinsa Tiraamp qeeqe.
Michuu Tiraamp kan ta'e Karlisan akka US tarkaanfii waraanaa hin fudhanne dhiibbaa uumaa tureera.
New York Times akka gabaasetti namni kun inumaa Waayit Haawusitti Tiraamp waliin yeroo baayyee walarguun haleellaarraa akka of qusatu gorseera.

