'Ameerikaa fi Israa'el irratti balballi si'ool banamuuf jira' - Iraan

Humna waraanaa guddaa mootummaa Iraan kan ta'e Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan, Ameerikaa fi Israa'el irratti ''balballi si'oolii banamuufi'' jechuun doorsisan.

Guduunfaa

  • Israa'el humni lafoo daangaa Libaanos dabalataan akka qabatu beeksifte
  • Tarkaanfii Neetaaniyaahuu lubbuu Ameerikaanotaa gaaga'aa jira- Taker Karlisan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Ameerikaan ''kanaan booda haleellaa hamaan'' Iraan irratti akka raawwatu akeekkachiiste
  • Buufanni waraanaa US Bahreen jiru guutummaan manca'e- miidiyaalee Iraan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Libaanos gara waldhabdee babal'achaa jirutti seenaa jirti
  • Haleellaa Israa'el Libaanositti gaggeessiteen namoonni 50 ol ajjeefaman
  • Israa'el jiraattonni gandoota Libaanos 50 olii akka bahan itti himte
  • Ummati Beerut jiraatan sagalee dho'insaatti hirribaa ka'an
  • Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru
  • Tiraamp haleellaan Iraan waan itti fufuuf 'duuti US kana caalaa ta'uu mala' jedhe
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
  • Tiraamp Gaggeessaan Waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu bwayita beeksisetti

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hidhattoonni Arsiitti namoota 30 ol akkamiin haala 'suukaneessaan' ajjeesan?

    Hidhataa

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ibsa Dilbata ALI Guraandhala 22, 2018 baaseen, ''balaa hamaa lammiilee hordoftoota amantaa Ortodoksii Kiristaanaa keenyarratti raawwateen baay'ee gaddineerra,'' jedheera.

  2. Hoogganaa olaanaan waggaa 38'f Iraan bulchan Ayaatollaa Alii Kaameenii eenyu?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Hoogganaan Olaanaan Iraan, kan akka mallattoo biyyattiitti ilaalaman, haleellaa US fi Israa’el Sambata darbe (Guraandhala 28, 2026) Iraan irratti raawwataniin ajjeefamaniiru.

    Bara 1989 du’uu abbaasaanii Ayaatollaah Ruhollaa Homeeyinii booda aangoo kan qabatan Ayaatullaa Alii Kameenii, umriisaanii waggaa 86tti ajjeefaman.

    Dureen amantii, hoogganaa olaanaan, waggoota kurna afuritti siquuf Iraan bulchan kun eenyu?

  3. MM Abiy Emirii Kataar waliin maal mari'atan?

    Ministira Muummee Itoophiyaa, Ilma Mootii Kuweet fi Emirii Kataar

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Itoophiyaa, Ilma Mootii Kuweet fi Emirii Kataar

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Emirii Kataar waliin waraana Giddugala bahaatti adeemaa jiruurratti mari'achuun gabaafame.

    Mootummaan Kataar ibsa baaseen akka jedhetti, dureewwan lamaan gaafa Wiixataa mari'atan.

    MM Abiy haleellaa Iraan hordofee haala Kataar keessa deemaa jiruurratti gaafachuufi Itoophiyaan haala kana keessatti Kataar bira akka dhaabattu dubbatuun ibsameera.

    Akka ibsa kanaatti, MM Abiy Kataar haala amma jiru ''karaa nageenyaafi tasgabbii'' Kataar mirkaneessuun akka furan amantaa akka irraa qaban dubbataniiru.

    Emiriin Kataar Sheek Tamiim bin Hamaad Al Taanii gama isaaniin ''michummaa isaaniif'' gama isaaniin bulchaa Itoophiyaaf galata dhiheessuufi hariiroo gaarii biyyoonni lamaan qaban leellisan.

    Dureewwan lamaan naannicha nageenyatti deebisuuf mariifi furmaata dippilomasiif akka dursi kennamu dubbachuu isaanii ibsameera.

    Waa'ee marii kanaa gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

  4. Ameerikaan Sa'uudii Arabiyaaf akeekkachiisa kennite

    Imbaasii Ameerikaa Riyaad jiru

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Imbaasii Ameerikaa Riyaad jiru

    Imbaasiin Ameerikaa Riyaad jiru haleellaan misaa’elaa fi dirooniin baha magaalaa Dhahran bakka qoonsilaan Ameerikaa jiru irratti raawwatamuu akka danda’u akeekkachiise.

    Imbaasichi haleellaan Iraan naannawa sana irratti xiyyeeffachuu akka maluu fi lammiileen Ameerikaa bakka bakkatti socho'uu akka xiqqeessan, akkasumas ''haleellaan yoo mudate karaa itti nageenyaa isaaniif dursa kennan'' irratti xiyyeeffachuu akka qaban gaafateera, jedha ibsi akeekkachiisaa kun

    Dhahran qarqara bahaa Sa’udii Arabiyaa irratti kan argamtu yoo ta’u, wiirtuu guddaa indaastirii boba’aati.

  5. Sudaan Itoophiyaa akeekkachiifte

    Diroonii waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni Sudaan kana dura 'biyya ollaa' maqaa osoo hin dhahiin Humna Addaa deeggarti jechuun himataa turan

    Sudaan dirooniiwwan Itoophiyaarraa ka'an daangaa ishee seenaa haleellaa raawwataa jiru jechuun ifatti himatte.

    Dirooniiwwan kuni birmadummaa isheerratti ''haleellaa ifatti'' raawwate ta'u ibsuun kunis ''gocha dubbii barbaaduuti'' jechuun kan himate Ministeera Dhimma Alaa Sudaan ibsa baaseeni.

  6. Haalli fayyaa ilma Ali Kaamenii maalirra jira?

    Mojtaba Kameni

    Madda suuraa, Isna

    Ibsa waa'ee suuraa, Mojtaba Kameni

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, ilmi hogganaa olaanaa duraanii haleellaa Ameerikaa fi Israa'eliin ajjeefamanii Mojtabaa Kaamenii “fayyaa guutuu qaba.”

    Dhaabbanni Oduu Mehr akka gabaasetti nami kuni “yeroo ammaa dhimma wareegamtoota maatii irratti hojjechaa, sochiiwwan to’achuu, gorsaa fi dhimmoota barbaachisoo biyyattii keessa jiran hordofaa jira.”

    Guyyaa afur dura, jalqabbi waraana Israa'el fi Ameerikaa irratti, haleellaa boombii waajjiraa fi mana Alii Kaameni irratti rawwatameen Ali Kaamenii ergasii ammoo haati warraa isaanii fi maatiin biroo ajjeefamuun gabaafamaa tureera.

    Gorsaa abba isaa fi dhimma iccitii biyyalessaa hedduu of harkaa qabaachuu akkasumallee bakka abbaa isaa bu'uu danda'aa kan jedhamu Mojtabaa Kaameni haleellaa kanaan miidhaan irra gahuu fi dhiisuu irratti ijoo dubbii ture.

  7. 'Ameerikaa fi Israa'el irratti balballi si'ooli banamuuf jira' - Eegdota Warraaqsa Iraan

    Dubbi himaan Eegdota Warraaqsaa Birgaadeer Jeneraal Ali Mohammad Nahiim

    Madda suuraa, Tasnim International News Agency

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbi himaan Eegdota Warraaqsaa Birgaadeer Jeneraal Ali Mohammad Nahiim

    Humna waraanaa guddaa mootummaa Iraan kan ta'e Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan, Ameerikaa fi Israa'el irratti ''balballi si'oolii banamuufi'' jechuun doorsisan.

    Dubbi himaan Eegdota Warraaqsaa Birgaadeer Jeneraal Ali Mohammad Nahiim, kan hogganaan garichaa haleellaa Tehran keessatti raawwatameen ajjeefame, waraanni isaanii ''diina'' kan akka Israa'elii fi Ameerikaa rukutuu itti fufa jedhan.

    Jeneraalli kun ibsa dhaabbata oduu mootummaa Tasnimiif kennaniin, haleellaan Iraan misaa'ela ammayyaa isheetiin biyyotsa kanneen irratti raawwattu akka cimu ibsan.

    Iraan haleellaa ishe irratti raawwatame guyyaa 4ffaa qabate kanaaf deebii kennuudhaan Israa’elii fi michoota Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa irratti haleellaa misaa’elaa fi diroonii itti fufteetti.

    Dubbi himaan kun akka jedhanitti, Eegdonni Warraaqsaa hoggansa ajajaa isaa haaraa muudame Ahmad Vahidiin ergama isaa humna guutuun itti fufuun diinota isaa haaloo ba’a jedhan.

  8. Buufanni galaanaa Iraan Jask Port manca'e

    Buufata Jask Port

    Madda suuraa, Planet Labs PBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Jask Port

    Buufanni galaanaa Iraan Jask Poort manca'e

    Ragaan saatalaayitii har'a bahe akka mul'isutti kibba Iraanitti kan argamu buufanni galaanaa Iraan Jask poort manca'e. Riqichawwan isaa keessaa tokkos haleellaa qilleensaan manca'uu hin oolle.

    Aarri buufata kanarraa ka'u suuraa saatalaayitiirrraa mul'atu buufatichi haleellaa kaleessaa irratti raawwatameen manca'uu mirkaneessa.

    Suurichi aara yabbuu, gurraacha samiitti ol ka'u iddoo bal'aa buufata galaanaa galoo galaana Omaan keessa jirtu tanaa uwwisee mul'ateera.

    Suurri kun ka;leessa oonlaayiniirra bahuus mirkanaaye.

    Nasa's Fire Information for Resource Management System (FIRMS), Wixata abiddi naannichatti uumamuu adda baasuu mirkaneeffate

    Abidda buufata Jask Port

    Madda suuraa, X

    Ibsa waa'ee suuraa, Abidda buufata Jask Port
  9. Waraanni Israa'el ummata Iraaniif ergaa dabarse

    Teehraan haleellaa booda waan fakkaatu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Teehraan haleellaa booda waan fakkaatu

    Israa'el haleellaa babal'aa Teehraan irratti eegaluu fi jiraattotni akka baqatan waraanni Israa'el hime

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) ibsa baasee akka beeksisetti, Israa'el haleellaa babal'aa Teehraan irratti eegalte jedhe.

    Haleellaan kun bu'uuraalee magaalaa guddoo Iraan irrattillee kan xiyyeeffatu ta'uu himte.

    Kanaafis lammiileen nagaa Iraan naannawa industirii fi buufata xiyyaaraa Payam Tehran keessaa akka baqatan ajaje.

    Waraanni Israa’el naannoo namoonni akka baqatan ajajanitti sa’aatii itti aanan keessatti hojii akka raawwannu akeekkachiiseera.

    Ameerikaan kanaan dura lammiileen Iraan bakka waraanaa fi Eegdota Warraaqsa Iraan irraa akka fagaatan gaafattee turte

  10. Iraan Netaaniyaahuu fi bakka walga'ii isaa hunda hordofaa jira jette

    .

    Madda suuraa, Iranian official news agency

    Gorsitoota olaanoo hogganaa duraani Iraan ajjeefaman Alii Kaamenii keessaa tokko kan ta'an bakka MM Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu jiru hordofaa akka jiran himan.

    Qondaalli Iraan kun bakkeewwan Netaaniyaahuun walga’ii itti gaggeessu fi baay'inaan socho'u itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran ibsaniiru.

    Iraan erga hoogganaa olaanaa Iraan Alii Kaamenii ajjeefamee as hoggantoota Israa'el irratti akka xiyyeeffattu kan ibsite yoo ta'u, gorsaa Kaamenii kan turan kunis “Iddoowwan walga’ii Netaaniyaahuu irrattis hordoffii guutuu'' taasisaa jiraachuu ibsan.

  11. UAE Sanbat-duraa kaasee misaayeloota 172 fi diroonota 755 qolachuu himte

    Abudaabii haleellaa Iraan booda

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Abudaabii haleellaa Iraan booda

    Ministeerri Ittisaa UAE erguma Iraan riijinichatti haleellaa eegaltee sirni ittisaa qilleensaa isaanii misaayeloota Iraan 172 barbadeessuu hime.

    Dubbii himaan ministeerichaa waliigalaan misaayeloonni 186 gara isaanii dhukaafamuu fi 13 galaana keessatti kufuu, tokkommoo dachiidhuma UAE irratti lafa dhawuu hime.

    Iraan hanga ammaa diroonota 182 gara UAE kan furgugsite yoo ta'u, 755 qolanneerra, 57 immoo dachii keenyarratti kukkufan jedhe dubbii himaan.

    Misaayelootni kiruuz saddeet nutti furgugfaman kan jettu UAE'n miidhaas qaqqabsiisuu himte. Kanaanis namoonni sadi yoo du'an 68 immoo miidhaa sasalphaaf saaxilamuu himte. Balaan qabeenyarras gaheera.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Drone strikes tower block in Bahrain's capital
  12. Mari'achuu barbaadu, 'Baay'ee barfattaniirtun jedheen!' - Tiraampi

    Donaald Tiraampi

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraampi

    Preezdaant Donaald Tiraampi waayee waraana deemaa jiruu miidiyaa hawaasaa ofii Truth social irratti barreesse.

    "Ittisni qilleensaa isaanii, Humni Qilleensaa, Humni Galaanaa, fi Hoggansi isaanii raawwatee jira" jedhe. Waayee aangawoota Iraan dubbachaa jiraachuun isaa hin oolu. Ergaa kana barruu Washington post qabatee bahe "the birth of the Trump Doctrine" jedhu waliin maxxanse.

    ''Mari'achuu barbaadu, 'Baayee barfattaniirtun jedheen!'''

  13. Gatiin zayitaa fi boba'aa ol ka'e, kan aksiyoonaa gad bu'e, gabaan raafamte

    Qaalayiinsa gabaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Qaalayiinsa gabaa

    Waraana US fi Israa'el waloon Iraanirratti bananiin wal qabatee Gatiin zayitaa fi boba'aa ol ka'e, kan aksiyoonaa gad bu'eera. Gatiin sharafa dolaaraa immoo ol ka'eera.

    Walitti bu'iinsi kun gatii zayitaa fi gaazii uumamaa ulaa galoo galaana Parshiyaarraa dabarfamuu cufamuun akka malee ol kaase.

    Gatiin ka'umsaa zayita Bireent barmeela tokkoo erga Adoolessa 2024 as yeroo jalqabaaf dolaara 85 galeera.

    Gatiin ka'umsaa gaazii uumamaa UK termiin tokko paawundii 160 caaleera. kun erga bara 2023 as gatii isa olaanaa dha. Gatiin kun dachaa gatii Jimaata darbe waaree booda gurgurameeti jedhameera.

    Gatiin aksiyoona gabaa awurooppaa gad bu'eera, DAX indeeksiin Jarmanii 3.76%'n gadi bu'e, FTSE 100 gara 2.57%'n, aksiyoonni Eeshiyaa akka malee gadi bu'eera. KOSPI indeeksiin Kooriyaa 7.24%'n yoo gadi bu'u, Nikkeeyi'n Jaappaan 3.06%'n gadi bu'e.

    Gatiin sharafa dolaara Ameerikaa ol ka'e. Waraanni kun gabaa addunyaa raasaa jira.

  14. Wiirtuun niwukilarii Iraan barbadaawuu ragaaleen saatalaayitii mul'isan

    Wiirtuu gabbisa niwukilaraa Iraan miidhame
    Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuu gabbisa niwukilaraa Iraan miidhame

    BBC Verify suuraa saatalaayitii haaraa wiirtuu niwukilarii Iraan Naataanz miidhame ilaaleera.

    Suuraan kaampaanii Intelejensii Vantor jedhamuun Wixata maxxanfame, akka agarsiisetti gamoowwan sadi wiirtuu niwukilarii kana keessa ta'an Giddu-galeessa Iraanitti argaman rukutamuu mul'isu.

    Xiinxalli Vantor akka agarsiisutti toorri kun seensa "hojjettootaa fi konkolaattotaa gara gabbisa wiirtuu boba'aa lafa jalaatti geessu dha".

    Ejensiin Atomik Inarjii Idil-addunyaa (IAEA) bifuma wal fakkaatuun sakatta'iinsa gaggeessera,"miidhaa raadiyoolijikaalaa dhaqqabsiisa jedhamee hin eegamu" jedhe.

    Suurri haaraan kun ammas, miidhama haleellaa qilleensaa Ameerikaatin iddoowwan gabbisa niwukilarii Iraanirra waggaa darbe oppireeshinii halkan walakkaa (Midnight Hammer) jedhamuun gahee tures ni mul'isa.

  15. Israa'el waajjira pirezidantii Iraan haleeluu himte

    Haleellaa Tehraan

    Madda suuraa, Telegram/VahidOnline

    Humni waraanaa Israa'el-IDF mooraa bulchiinsa Iraan irratti haleellaa raawwachuu ibseera.

    IDF ibsa Telegram irratti kenneen, ''dhukaasonni hedduun'' mooraa pirezidantii fi hoogganaa olaanaa haleeluu hime.

    Akkasumas dhaabbati leenjii humna waraanaa fi ''iddoowwan murteessoon mootummaa biyyattii'' haleelamuu ibse.

    Hooggnaa olaanaa Iraan kan turan Ayaatollaa Alii Kaameenii mooraa haleelame kana keessa turan.

    Alii Kaameenii haleellaa Sambataan mooraa isaanii keessatti ajjeefaman.

  16. Iraanitti lakkoofsa namoota du'anii 787 gahe

    Hospitaala haleelame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hojjattoonni Hospitaala Gaandii haleelame keessaa caccabaa yeroo qulqulleessan

    Haleellaa US-Israa'el Sambata darberraa kaasee Iraanirratti gaggeessaa jiraniin hanga ammaa namoonni du'an 787 gahuu Waldaan Addeessa Diimaa Iraan beeksise.

    Daabbanni Iraan mirga namaaf falmu HRANA jedhamu ammoo namoonni nagaan 742 du'uu beeksise. Kanneen keessaa 176 ammoo daa'immaan ta'uu ibse dhaabbatichi.

    Haleellaa kanaan hospitaalonni Iraan sagal haleelamuu miseensa paarlaamaa Iraan kan taate Faaximaa Mohaammadbigi ibsite.

    Hospitaalota Iraan haleelaman jedhaman keessaa Hospitaalli Gaandii magaalaa Tehraan keessatti argamu yo ta'u, Israa'el garuu "hospitaalicha irratti hin xiyyeeffannne" jette.

    Ministeerri Fayyaa Iraan haleellaa hospitaala irratti gaggeeffame jedheef USfi Israa'el himate.

  17. Buufanni doonii daldalaa Omaan dirooniin haleelame

    Haleellaa buufata doonii Omaanitti gaggeeffame

    Madda suuraa, UGC

    Biyyi Iraanifi US jaarsummaan walitti fidaa turte, buufanni doonii daldalaa ishee dirooniin haleelamuu miidiyaan biyyattii gabaase.

    Haleellaa diroonii Buufata Doonii Duqm jedhamutti gaggeeffameen taankarii boba'aatti abiddi qabachuun ibsame.

    Haleellaa diroonii kanaan miidhan namarra gahe akka hin jirreefi balaan abiddaa mudate to'annaa jala ooluu miidiyaan Omaan gabaase.

    Biyya ollaa kan taate Kaataaritti ammoo haleellaa Iraan gaggeessiteen gaasiin uumamaa dhangala'aan omishisaa kaleessa, Wiixata, irraa eegalee dhaabbateera.

    Saawudii Arabiyaanis haleellaa buufata boba'aa guddicharratti gaggeeffameen omisha adda kutuu beeksiftee turte.

    US-Israa'eel wal-ta'uun Iraanirratti haleellaa osoo hin banin dura, Omaan biyyoota lamaan marsaa sadiif walitti fiduun dhimma nikulara Iraan irratti mariisisaa turte.

  18. MM UK Kiir Istamar fi Tiraamp waraana Iraan irratti wal dhaban

    Tiraamp fi Istarmar

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp dhimma haleellaa Iraan irratti yaada Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar kennan qeeqe.

    Istarmar ''hin fayyadu'' hariiroon keenyas ''akka kanaan duraa hin ta'u,'' jedhe Tiraamp.

    Miidiyaa Sun jedhamutti wayita bilbilaan dubbatu ministirri muummechaa ''bu'aa buusaa hin jiru. Akkasitti eegee hin beeku. UK irraa kana arga jedhee tasuma hin eegne,'' jedhe Tiraamp.

    ''Hariiroon keenya akka duraa ta'uu dhabuusaatti baayyeen gadda.''

    Kiir Istarmar Wiixata paarlamaa biyyattiitti dhihaachuun dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti wayita yaada kennan ''jijjiirama sirnaa haleellaa qilleensaan dhufutti'' akka hin amanne dubbataniiru.

    UKn jalqabarraa akka US buufataalee ishee fayyadamuun Iraan haleeltu hin eeyyamne.

    Booda haleellaa Iraan ofirraa ittisuuf buufataalee ishee akka eeyyamtu ibsite.

    Tiraamp ''Firaansi gaarii jirti. Hunduu gaariidha. UKn warra kaanirraa adda,'' jedhe.

  19. Waraana US-Israa'el fi Iraan guyyaa afraffaa qabateen hanga ammaa waan jiru

    Haleellaa magaalaa Beeruut irratti raawwatame booda aara samiitti olka'e

    Madda suuraa, epa

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa magaalaa Beeruut irratti raawwatame booda aara samiitti olka'e

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyaa afraffaadhaaf itti fufeera. Israa'el haleellaa haaraa Tehraan fi Beerut irratti eegalteetti. Iraanis embasiiwwan fi buufataalee waraanaa US biyyoota Arabaa keessa jiran haleeluun haaloo ba'uu itti fufteetti.

    Waraana guyyaa afraffaa qabate kanaan hanga ammaa waan jiru:

    • Israa'el haleellaa qilleensaarraan Beeruut fi Iraan irratti cimsiteetti. Qiyyaafannoowwan adda baaste haleelaa jirti.
    • Iraan Embasiin Ameerikaa magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa, Riyaad jiru dirooniiwwan lamaan haleelteetti.
    • Buufati Ameerikaa Bahreen jiru guutummaatti barbadaa'uu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.
    • Qondaalli Iraan tokko dooniiwwan ulaa galaanaa boba'aa addunyaa geejjibsiisuuf murteessaa ta'e ''Hoormuuz'' darban hunda akka haleelan akeekkachiisaniiru.
    • Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo humni waraanaa US ''ammaan booda haleellaa cimaa'' Iraan irratti raawwata jedhan. Qondaalli kun erga Tiraamp ''yaaddoo Tehraan keessa jiru balleessuuf''' haleellaan Sambataa ''carraa dhumaa fi akkaan filatamaa ta'edha,'' jechuun dubbatee booda akeekkachiisa kana kennan.
    • Erga waraanni kun eegalee loltoonni US ja'a ta'an ajjeefamaniiru. Kaleessa xiyyaaronni waraanaa US sadi rukutamuun lafatti kuffifamaniiru.
    • Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar ''jijjiirama sirnaa waan jedhutti akka hin amanne,'' kaleessa paarlaamaa biyyattiitti himaniiru. Garuu haleellaa ''ofirraa ittisuuf'' raawwatamuuf buufata waraanaa biyyattii akka eeyyaman ibsaniiru.
  20. Israa'el humni lafoo daangaa Libaanos dabalataan akka qabatu beeksifte

    Libaanos bakka haleellaan itti gaggeeffame

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu loltoonni biyyattii daangaa Libaanos iddoowwan tarsiimawaa ta'an akka qabatan ajajuun himame.

    Haleellaa Hezboollatiin uummanni daangarra jiraatu akka hin miidhamne gochuuf loltoonni biyyattii Kibba Libaanos iddoowwan murteessoo ta'an akka qabataniif ajaji darbuu Minsitirri Ittisa Israa'el Kaatz beeksiseera.

    "Humni Waraanaa Israa'el Libaanoos keessatti Hezbollaa haleeluu itti fufa. Dhaabbanni shororkeessaa Israa'elitti dhukaasuu isaaf gatii baasaa jira, gatii baasuu itti fufa," jedhe Ministiirri Ittisaa Israa'el.

    Gama biraan ammoo Israa'el haleellaa haleellaan qilleensarraa Iraanifi Libaanos keessatti har'as itti fuftee gaggeessaa jiraachuu beeksiste.

    Hezbollaanis ibsa baaseen buufataalee waraanaa Israa'eel haleeluu beeksise.