Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ispoortii: Atileetii daa'imman guyyaa tokko dhalatan akka maqaashee moggaafatan taasifame
Dubartoonni Mooroko yeroo ammaa umuriisaanii ganna 36ffaa kabajataa jiran hedduun maqaa Nawaal jedhamu qabu.
Sababni isaas erga Nawaal El Muutawakkal Adoolessa 8 bara 1984 Loos Anjalas keessatti dorgommii Olompiikii injiffatte boodadha.
Injifachuu Nawaal hordofee Mootii biyyattii yeroo sanii kan turan Hasan II dubartoonni guyyaa sanarra dhalatan maqaansaanii Nawaal jedhamee akka moggaafamu ibsan.
Nawaal dorgommii Olompikiirratti dubartii lammii Morookoo jalqaba waqee kan argatte turte. Dubartiin kun fiigicha gufachiisaa dheerina 400tiin ture kan injifatte.
Olompikii Loos Anjalas bara sana turerrattis Moroookoo bakka bu'uudhaan dubartiin argamte ishee qofa ture. Dubartii Arabaa Afrikaarraa Olompikiitti injifannoo gonfatte jalqabaas turte.
Dorgommiif guyyaa tokko yeroo hafutti sodaa keessa akka turte dubbatti Nawaalan.
“Garee Morookoo bakka bu’ee dorgommichaaf imale keessaa dubartiin ana qofa ture,” jetti.
“Galgala guyyaa dorgommii dura, waa’ee dorgommii boruu yaadaa hirriballee hin rafne ture. Baay’een sodaataa ture, yeroo saffisa gad aanaa fiiguu natti mul’ataa ture, kanaaf hin rafne.”
‘Yeroonkee amma’
Dorgommii kanarratti dandeettiisheerratti amantee jennaan waan tokko uumuu akka dandeessu of abdattee turte.
“Sadarkaa saddeetaffaa fa’a baha jedhee yaadee ture, ta’us garuu leenjisaan kiyya jabinna kiyyatti akka amanu natti himee ture akkasumas ofitti amanummaa akka qabaadhu.
“Injifachuu waan danda’uuf jalqabummarraa jabinaan akka jalqabu natti himaniiru.”
Isheenis milkaa’uu akka dandeessu amanuun milkaa’inasheetiif murteessaa akka ture irra deddeeiin ofitti himaa ture.
“Yeroonkee amma, magaalaan kunooti, sa’aatiin keeti, akka si hin darbine,” wantoota muraasa ofiitti himaa turte keessaa isaan muraasa.
Waahilashee dorgommichaa lammii Ameerikaa Juudii Biraawun daawwattoonni isteediyeemii keessa turan Nawaaladhaaf deeggarsa taasisa hin turre.
Jalqabbii sobaa – sodaan keessa Nawaal jiru haalicha itti hammeesse.
Yaalii lammaffaarratti akka “rasaasaatti dhukaate”.
“Shaakala tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaarratti miila bitaatiin utaale achiisa hamma dorgommicha xumurutti miila lachuu jijijjiiraa fiige. Isheen addunyaa mataashee keessa turte – isheenis ammallee jalqabbii sobaa akka taasifteefi yeroo irra deebiin waamamtu hin dhageenye ture.
“’Isaan hafan hoo’, akkamitti ani qofti fiiga?’ jedheen yaadee ture.”
“Dhugaan ture garuu anatu dursaa ture. Jalqabbii dorgommiirraa ani qofti fiigaa akka hin turre mirkaneessuuf jecha bitaafi mirga ilaalaan ture. Dorgomtoonni biroo jiru turan garuu na duuba turan.”
Miira walmakaa
Nawaalan dorgommicha yeroo xumurtutti suuta jettee fiiguurra saffisa ishee dabaltee fiiguun sa’aatii dhuunfaashee seekondii tokkoon fooyyeessuun seekondii 54.61 dorgommicha xumurteetti.
Juudii Biraawun ammaoo seekondii 55.20’tti xumuruun lammaffaa baateetti.
Yeroon sun Nawaaladhaaf baay’ee gammachiisaa ta’us namni ishee hamma dhumaatti deeggaruun bakkicha jiraachuu dhabuusaatitti gadda keessa turte.
“Yeroo sarara dhumaa qaxxaamuru baay’ee gammadeen ture – gama biraatiin ammoo gaddee ture. Abbaan kiyya nama hamma dhumaatti na gargaaru ture, injifannoo kiyya kana osoo hin argine ji’oota muraasa dura ture kan du’e. Kun ammoo baay’ee akkan gaddu na taasiseera,” jetti.
Maatiinshee namoota ispoortii keessatti hirmaatan waan turaniif Nawaal yeroo hundaa ni deeggaru turan. Kanaaf, ture kan osoo barnootasheerra jirtuu ispoortiidhaaf kan gara Ameerikaa deemte.
“Biyya kiyyaaf waan ulfaataa ture. Namni kamuu shamarreen Morookoo takka dorgommicharratti warqee argachuu miti atileetota biroo waliin bakka argachuuf yaalii gootu yaaduun isaanitti ulfaata ture… waan lammii Morookoo keessatti yeroo hundaaf turudha,” jetti Nawaal El Muutawakkal.
“Yeroo seena qabeessa sammuufi onnee kiyya keessa yeroo hundaa turudha.”
Shamarran Morookoo keessa jiran qofaaf osoo hin taane isaan kaanifillee balballi banaadha, ta’us garuu biyyoota Arabaafi bulchiinsota Musliimaa keessatti hedduunsaanii dhorkamaniiru.
“Achii booda dubartoota Morookoo heddu yeroo injifatan argineerra – isaan Aljeeriyaa, Tuuniiziyaa, Bahreen, Masiriifaallee argineerra,” jetti.
“Biyyoonni dubrtoonnisaanii Olompiikiirratti al-tokkollee hin hirmaanne qaban jiru. Kana booda isaan dorgommicharratti hirmaachuuf osoo hin taane injifachuuf hirmaatu.”