Haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti banan ilaalchisee hanga ammaa kan beeknu

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

US fi Israa'el Guraandhala 28, 2026 ganama Iraanirratti haleellaa banan.

Pireezdaantiin US Donaald Traamp haleellaa kana "haleellaa guddicha" jechuun humnoonni mootummaa Iraan hidhannoosaanii akka lafa kaawan waamicha godhan.

Sana dursee, Ministeerri Ittisaa Israa'el, Israa'el haleellaan isheerarratti banamuun dura dursitee of ittisuuf haleellaa bante jedhan. Dhoyiinsi biyyattii keessatti bakka hedduutti dhagahame.

Kun doorsisa Iraanirratti godhamaa turee fi mariin sagantaa niwukilaraa Iraan irratti godhamaa turee torbaanota booda.

Hanga yoonaa taateewwan ta'an kan beeknu kunooti.

Iraan keessatti maaltu deemaa jira?

Gabaabumatti akka sa'aatii Teehraaniitti ganama sa'aatii 03:30, miidiyaan Iraan magaalaa guddoo biyyattii keessatti dho'iinsi dhagahamuu gabaase.

Suurota BBC'n baasen aarri magaalattii keessa addababaayii Jomhuuri fi Hassan Abad jedhamanitti mul'ate.

Dhohiinsi magaalota biyyattii kaan hedduu keessattis dhagahamuu gabaafame.

Magaalota akka: Isfaahaan, Qoom, Kaaraaj, fi Kermaanshaah jedhaman keessatti. Miidhamni hagamii akka gahe wayita kanatti hin beekamu.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasarra naanna'an namoonni naannoo dhoo'insaa kanatti rifaatuun yoo fiigan, sagaleen iyyaa fi boo'ichaas jalaa ni dhagahama.

Wayita haleellaan raawwatamee kaasee Iraan daangaa qilleensaa ishee cufuu ishee Tasnim News Agency gabaase.

Traampi oppireeshinii kana "guddaa fi kan itti fufu" jechuun ibse .

Teehraan bakka hedduutti aarri samii keessaa akka mul'atu viidiyoowwan mirkanaayan ni agarsiisu.

BBC Verify akka mirkaneeffatetti viidiyoo tokkorraa akka mul'atutti, gamoon dhiyeenya waajjira Hogganaa Olaanaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kaameenii irraa kiiloomeetira tokko lafa hin caalle irraayi aarri mul'ata.

Gamoon achi ture kallattiin haa haleelamu haa dhiisu viidiyoon kun waan mirkaneessu hin qabu.

Waajjirri pireezdaantii qiyyaafannoo akka ture gabaafame.

Suurri kan biraa mirkanaaye, naannichaa aarri yabbuun, kan dukkanaaye manneen jireenyaa fi suuqiiiwwanirraa samiitti ol aaru ni mul'ata. Kunneen gabaasa iddoo biraati.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchii biyyi isaanii "humna waraanaa qabdu hunda fayyadamuun" akka of ittistu ibsan.

Iraan mirga waraana ofirraa qolachuu qabduun humna ishee hunda akka fayyadamtu ibsan biyyoota galoo galaanaaf ergaa dabarsaniin.

Abbaas Araagchiin gitawwan isaaniii ministiroota dhimma alaa biyyoota galoo galaanaa jechuunis, Saa'udi Arabiyaa, UAE, Kaatar, Kuweet, Bahreen fi Iraaqiif bilbiluun Iraan tokkummaa ishee tiksuuf "humna of ittisuu fi dandeettii waraanaa qabdu hunda" ni fayyadamti jedhan.

Araagchiin Ameerikaa fi Israa'el humna waraanaa fi qubsuma isaanii karaa hin malleen,akka dhimma itti baane gaafatama isaanii akka bahan biyyoota kanneen hubachiisaniiru.

Ameerikaa fi Israa'el maal jedhan?

Tiraampi viidiyoo miidiyaa hawaasaa ofii Truth Social maxxanseen US haleellaa kana keessatti hirmaachuu mirkaneesse.

"Yeroo gabaabduu dura, waraanni US 'oppireeshinii guddaa' Iraan keessatti eegaleera," jedhe Tiraamp.

Dabaluunis "kaayyoon keenya balaa ifa ta'e, kan sirna Iraaniin aggaa'amu balleessuun uummata Ameerikaa tiksuudha," jedhe.

Galmi Waashingtan, Iraan niwukilarii akka hin qabaanne mirkaneeffachuu dha".

Uummanni Iraan dawoo keessa turaa, manaayis hin bahinaa jedheen.

"Yoo goolabnutti mootummaa keessan harkatti galfadhaa" jedhe. Mootummaa dhuunfachuun gahee keessan ta'a jedhe. Kun carraa keessan kan dhaloota hedduu keessatti al takka qofa argattani."

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuus uummata Iraaniif waamicha wal fakkaataa dabarseef.

"Yeroon lammiileen Iraan hundi waanjoo abbaa irree ofirraa darbatanii fi bilisummaa fi nagaa Iraaniif fidan gaheera" jedhe.

Neetaniyaahuun, Tiraampi galateeffachuun, Iraan balaa ilmaan namaa akka hin taane niwukilarii hidhachuu hin qabdu." jedhe.

"Tarkaanfiin waloo keenya lammiileen Iraan hiree isaanii harka isaaniitti akka deeffatan haala mijataa uuma."

Lammiileen Israa'el ajaja biyya keessaa kennamu akka hordoftaninis hubachiise.

Ministeerri Ittisaa Israa'el "Labsii addaa fi kan yeroo muddamaa" labseera.

Iraan bifa kamiin deebii kennite?

Waraanni Israa'el misaayeloota Iraanirraa dhukaafaman adda baafachuu hime. "Kanneenis yeroo barbaashisutti qolachuu fi haleeluuf" akka jiru beeksise.

Magaalaa Haayifaa fi Israa'el iddoowwan garaagaraa keessatti dhoo'insi dhagahameera. Haa qolatamuu ykn dhiibbaa haa qaqqabsiisuu wanti beekame hin jiru.

Riijinichatti, Miidiyaan mootummaa Baahreen akka gabaasetti wiirtuun tajaajila xiyyaara waraanaa US Navy 5th Fleet, kan Baahireen keessa jiru "misaayelaan haleelameera".

Kun kan ta'e ministeerri dhimma biyya keessaa Baahireen sagalee akeekkachiisaa dhageessisuun hawaasni akka tasgabbaawu fi iddoo of eeggannoo qabu dhokatu erga hubachiisee booda.

Ministeerri ittisaa Kaataar, "haleellaa biyyattii keessatti raawwatame hunda milkiin qolachuu" ibseera. Magaalaa Doha keessatti dho'iinsi dhagahamaa turuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

Kaataar biyya Baha Jiddu-galeessaa buufanni waraanaa guddaan Ameerikaa keessa jiru dha. Buufanni kun, Al Udeid Air Base jedhama.

Yunaayitid Arab Emireets gama isheetiin haleellaa Iraan isheerratti raawwatte balaaleffatte. Haleellaa qilleensaa irratti raawwatameen namni tokko caccabaa meeshaa waraana na jalaa ajjeefame jette.

Misaayeloota gara isheetti furgugfaman hedduu qolachuu himte.

Israa'el uummanni akka walitti hin qabamne, mana barnootaa akka hin deemne, dirqama yoo ta'e malee gara hojiis akka hin deemne akeekkachiifte.

Qajeelfamni kun hanga Wiixata galgala sa'aatii 02:00 tti tura jedhan aangawoonni ishee.

Daangaan qilleensaa Israa'el cufameera. Xiyyaaronni siviilii socho'uu hin danda'an akka miidiyaan Israa'el gabaasetti.

Gara Baha Jiddugaleessaa Imaluun danda'amaa?

Daandiiwwan qilleensaa addunyaa tokko tokko balallii gara Baha Jiddu-galeessaa adda kutanii jiru.

Daandiin qilleensaa Jarmanii Lufthaansaan balallii isaa sanbattanii gara Dubaayii fi Dubaayirraa haquu beeksise. Balallii gara magaalota Israa'el, Lebaanonii if Omaanis hanga Bitootessaa 07tti adda kutuu ibse.

Daandiin qilleensaa Wizz Air gama isaatiin balalliiwwan isaa Israa'el, Dubaa'i fi Abuu Daabii fi Amman (Jordan) hanga Bitootessaa 07tti adda kutuu beekise.

Daandiin qilleensaa Virgin Atlantic gama isaatiin yeroodhaaf daangaa qilleensaa Iraaqii akka hin seenne beeksise. Balalllii Sanbata duraa kan Landan -Heathrow - Dubaayi haqe.

Abbaan taayitaa Aviyeeshinii Kuweet balalliiwwan gara Iraan godhamu kamuu hanga qajeelfamni biraa bahutti akka adda citan ajajuu miiidiyaan mootummaa gabaase.

Iraaqi fi Jordaan daangaa qilleensaa isaanii cufanii jiru.

UAE'n "gariin fi yeroo murtaayeef" balallii akka cufte miidiyaan mootummaa hime.

UK'n Qajeelfama imalaa baafteen lammiileen gara Jordaan, Sooriyaa, Lebaanon, Iraaq, Yaman, Turkii, Saa'udi Arabiyyaafi Omaan imalan of eeeggannoo akka godhan akeekkachiifte.

Addunyaan maal jechaa jirti?

Hogganaan mirgoota namoomaa UN Volker Türk "of eeggannoon akka godhamu, qaamoleen hunduu muddama akka hir'isan, gara mariitti akka deebi'an" waamicha godhan.

"Waraana Iraan keessatti ganama kanaa eegalee Ameerikaa fi Israa'eliin gaggeeffamaa jiruu fi tarkaanfii haaloo bahiinsaa Iraan nan balaaleffadha" jette.

"Akkuma yeroo hundaa waraana keessatti, lammiilee nagaatu gatii hadhaawaa kaffala, jechuun, lammiilee nagaatiif "akkaataa" seerota idil-addunyaatti eegumsi akka godhamu waamicha goote.

Dippiloomatiin Gamtaa Awurooppaa Kaajaa Kaalaas, taatee kana "balaafamaa" jechuun ibsite.

Gamtaan Awurooppaan Iraanirra qoqqobbii kaayeera. Dhimma niwukilariis taana furmaatni dippilomasii akka dhufu deeggarra jette. Dhimma kana ministiroota haajaa alaa Israa'elii fi biyyoota riijinichaa waliin dubbachuu X isheerratti barreessite.

"Eegumsi lammiilee nagaa godhamuu fi seerri namoomaa idil-addunya akka dursa argatu."

Dubbii himaan mootummaa UK gama isaaniitiin "biyyi isaanii muddamni walitti bu'iinsa bal'aa riijinichatti uumu akka jiraatu hin feetu" jedhan. "Dhimmi dursa kenninuuf nageenya lammiilee UK ti. 'nuti dantaa keenya kabajchiisuufis qophii dha" jedhan.

BBCn akka mirkaneeffatetti UK haleellaa US fi Israa'el banan kanatti hin hirmaanne.

Jarmaniin dursitee haleellaa kana dhagahuu fi Chaansilar Friedrich Merz ministiroota nageenyaa waliin mari'achuu ibsame.

Waajjiirri Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii naatoo lammiilee nagaa Iraaniif qabu ibse. Kabajni mirgoota namoomaa fi siyaasaaf akka godhamu gaafate. Melooniin muddamni jiru akka laafuf michootaa fi hogganoota riijinichaa waliin akka mari'atan ibse waajjirri ministeera muummee Xaaliyaanii.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaanis biyyi isaanii "sirna cunqursaa akka ofirraa buqqisuuf uummata goota Iraan waliin akka dhaabbattu" ibsan.

Raashiyaan Tarkaanfii kana balaaleffatte.

Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa, tarkaanfii Ameerikaa fi Israa'el fudhachaa jiran "akka feetee", jechuun ibse. Tarkaanfii seerota idil-addunyaa cabsuuti jedhe.

Raashiyaan gara furmaata siyaasaa fi dippilomasiitti deebi'anis waamicha goote.