Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa 'hidhattoota Faannoon' Abee Dongorootti lubbuun darbe - Jiraattota
Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti raawwatan jedhameen yoo xiqqaate milishoonni 9 ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.
Haleellaan kuni jalqaba torban kana gaafa Wiixataa raawwate jedhan.
"Kaleessa [Wiixata] milishaa naannoo keenya jirurrattidha kan waraana banan. Magaalattii (Tulluu Waayyuu) marsanii baay'ee tumaa turte.
''Nuyis magaalaa keessa turre" jedhan jiraataan aanichaa BBCn haasofsiisefi nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan.
"Sababa kanaan milishoonni 9 ta'an kan hanga ammaatti adda bahan wareegamaniiru," jedhan.
Jiraataan aanichaa biraan immoo lakkoofsi milishoota haleellichaan lubbunsaanii darbe 14 akka ta'eefi namoonni nagaa lamas ajjeefamuu dubbatan.
Hidhattoonni kun guyyichatti naannoo sa'aa 10 yommuu ta'u bakka addaa Maasarii jedhamufi magaalaa aanaa Abee Dongoroo kan taate Tullu Waayyuurraa naannoo km 5 kan fagaaturratti haleellaa banuu jiraattonni himaniiru.
Hidhattoota kunneen ofirraa qolachaa kan turanis milishootafi Poolisoota Farra Riphee Lolaa lakkoofsaan "xiqqaa" ta'an akka turan himaniiru.
"Isaantu deebise. Magaalaa osoo hinseenin kan hafan sababa isaaniitini" kan jedhan jiraataan aanichaa oduun 'hidhattoonni Faannoo magaalaa Tulluu Waayyuu to'ataniiru' jechuun qoodamaa jiru garuu soba ta'uu himaniiru.
Gama biraatiin halkan naannoo sa'aa 7'tti humni Komaandoo Oromiyaa jedhamu magaalaa Tulluu Waayyuu seenuu kan himan jiraattonni ammallee yaaddoo cimaa keessa jiraachuu dubbataniiru.
"Ammallee sodaa guddaatu jira. Waraanni kun ammallee asirraa hin fagaanne, 'marsee jira' jedhama" jedhan jedhan jiraataan aanichaa.
Haleellaa guyyaa Wiixataa kana ilaalchisee yaada akka nuuf laataniif Bulchaa Aanaa Abee Dongoroo kan ta'an Obbo Katamaa Waaqumaarraa odeeffachuuf yaallus hin milkoofne.
Jalqabbii haleellaa tibbanaa
Waggoota darban keessa hidhattoonni Faannoo aanaa Abee Dongoroo keessatti yeroo garagaraatti haleellaa raawwachaa akka turan jiraattonnifi angawoonni aanichaa himaa turaniiru.
Haleellaan tibbanaas Raayyaan Ittisaa torbee lama dura iddoowwan aanicha keessa turee bahuu hordofee kan jalqabe akka ta'e jiraattonni himu.
Achii bahuu Raayyaa Ittisaa hordofee hidhattoonni kun aanicha keessa iddoo Miciree jedhamuun beekamuu ka'uun gandoota aanichaa Daalachoo, Qilxuu Limmuu fi Hayya Warabboo jedhaman galuusaanii jiraataan aanichaa himu.
"Raayyaan Ittisaa erga bahee guyyuma tokko bulanii gandoota sadeen weeraran. Sana boodas gandoota birootti faca'an" jedhan jiraataan Aanaa Abee Dongoroo.
Itti aansunis hidhattoonni kun torbee darbe keessa Itti Gaafatamaa Gurmaa'insa Gandaa ganda Loomicaa kan ta'an nama Obbo Dachaasaa Assaba jedhaman ajjeessuusaanii himan.
Dabaluunis hidhattoonni kun gandoota aanichaa Caruu fi Dabbisii akkasumas Magaalaa Tulluu Gaanaa keessatti haleellaa banuun manneen gubuu, jiraattota buqqisuu fi buufata fayyaa saamuu himaniiru.
Jiraataan aanaa Abee Dongoroo inni biraan Kamisa ALI Guraandhala 19/2018 haleellaa hidhattoonni kun ganda Caruu keessatti raawwatan kaasu.
"Ganda kana sa'aatii 12:00'tti itti galanii osoo ummatni rafaa jiruu tarkaanfii irratti fudhatan. Qabeenyi hawaasaa badeera, horiin saamameera, lubbuun namaas darbeera" jedhan.
Kana malees hidhattoonni kun yeroo garagaraatti namoota butuun maallaqa akka gaafatan jiraattonni aanichaa himaniiru.
Hidhattoonni kun gandoota aanaalee Godina Wallagga Bahaa jala jiran kan akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu fi Haroo Limmuu irraa "waldeeggaruun" haleellaa akka raawwatanis jiraataan aanichaa himaniiru.
Kaayyoon hidhattoota kunneenii maali?
Sababni hidhattoonni kunneen aanicha keessatti haleellaa irra deddeebii raawwataniif kaayyoo godina addaa hundeessuu qabatanii akka ta'e jiraattooni yeroo himan dhagahama.
Jiraataan aanichaa BBC'f yaada kennanis "Nuti hanga beeknutti kaayyoonsaanii aanaa kanarraa kutatanii godina addaa hundeeffachuu barbaadu" jedhan.
"Yoo giddugaleessa bulchiinsa gandaa qabachuu dhiisaniyyu (gandoota hunda keessa) inuma jiru" kan jedhan jiraataan aanichaa inni biraan immoo, "Kaayyoonsaanii lafa kanarraa ummata kana buqqisuun babal'ifatanii irra taa'ufi" jedhan.
Waggaa tokko dura dhimma hidhattoota kanaa ilaalchisee BBC'tti kan dubbatan bulchaan Aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa Waaqumaa, "Kaayyoon isaanii saba uummata Oromoo kana buqqisuudha. Naannoo Addaa gochuufis wanti isaan yaalan jira" jedhan.
Garuummoo dhimma godina addaa ta'uun walqabatee gaaffiin karaa seera qabeessa ta'een dhiyaate kan hinjirre ta'uu himanii ture.