MM Abiy waa'ee TPLF fi Ertiraa Afaan Tigriffaan maal dubbatan?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.

Bulchaan Itoophiyaa dubbii kana gaaffiifi deebii Afaan Tigriffaan miidiyaa biyya keessaa, Tajaajila Oduu Itoophiyaa, waliin taasisanin kana jedhan.

Gama mootummaa federaalaa ''waraanni Tigraayirratti eegalu akka hin jirre'' nan mirkaneessa jechuunis himan.

Gaaffiifi deebiin isaanii Kibxata ALI Guraandhala 24, 2018 galgala miidiyaarra darbe gara caalu kan dhimma Naannoo Tigraay fi Ertiraa irratti xiyyeeffatedha.

MM Abiy mootummaan federaalaa dirqama waliigaltee Piritooriyaan irra ka'ame ''akka raawwate'' kan dubbatan MM Abiy, ''amma rakkoo ta'ee kan jiru [jiraattota] naannawa Walqaayitii buqqa'an kan ilaallatudha,'' jedhaniiru.

''Kunimmoo humna ejjennnoo mataa jabaatu kan qabuun hin milkoofne'' jechuun garee TPLF keessa jira jedhan itti gaafatamaa godhaniiru.

''Yeroo hedduu dubbanneerra ammallee amanteen keenya maal akka ta'e ummanni keenya beeka.

''Haa ta'u malee, ejjennoo mataa jabaatu [garee] qabuun milkaa'uu hin dandeenye,'' jechuunis dubbataniiru.

Waliigaltee Piritooriyaa keessatti ''hojiin manaa ijoo'' jedhanii kan fudhatan dhimma jiraattota ''Walqaayititii buqqa'an'' akka ta'e kan dubbatan MM Abiy, ''buqqaatonni dirqama gara qe'ee isaaniitti deebi'uu qabu'' jedhaniiru.

Waliigalteen Piritooriyaa waraana waggaa lamaa dhaabe ''guututti akka hin raawwanne'' sababa ta'an keessaa tokko ''TPLF heeraafi dhaabbilee kabajuu dhabuun'' waan mudate akka ta'e komatan.

''Seeraa Boordii Filannoo Biyyaalessaa hin fudhanne,'' jechuunis himannaa isaaniif fakkeenya eeran.

''Qaamoleen hunduu'' gahee isaanii yoo gumaachan ''rakkoon baay'ee ni furama'' amantaa jedhu akka qaban kan ibsan Ministirri Muummee Abiy, haa ta'u malee, hoggantoonni TPLF ''waraanaaf qophaa'aa jiru'' jechuun himataniiru.

''Gareen dhaabatee hafe qophii waraanaa bal'aarratti argama. Baay'ee kan nama dhibummoo ifatti humnoota farra Itoophiyaa waliin hiriiruu isaati,'' jedhaniiru.

Akka MM Abiyyitti garichi ''humnoota alaa kan abdate … abdiin ummataafi miseensasaarratti qabaataa ture waan laafaa'' dhufeefi jechuun dubbatan.

''Ummata Tigraay keessumaa dargaggeessi hidhattoota dabalatee waraannii nu gahe yoo jedhan argaa jirra,'' jechuun dubbataniiru.

Haa ta'u malee, ''humna qabuun sochii waraanaa gochaa jira'' kan jedhan MM Abiy, ''Warqii Tigraayiifi albuudota kaan saamaa bittaa meeshaa waraanaaf oolchaa jira,'' jechuun himataniiru.

TPLF ''sochii waraanaa'' kan gochaa jiru ''Boordii Filannoon haqame, buqqaatonni gara qe'eetti hin deebine'' eeruun akka ta'e dubbatan.

Rakkinoonni kunis kan ''ofiisaa uume'' jechuun dubbatan.

''Ejjennoon kiyya dubbiirra kan darbe qoccollaa yoo eegale 'akka durii seetee lolaan si fudhata' qofa jechuun danda'a,'' jechuunis akeekkachiisaniiru.

Dabaluunis, ''gama keenyaan tasa waraanni Tigraayirratti eegalu akka hin jirre mirkaneessuufi ibsuun barbaada.

''Tigraayitti fedhaafi yaada irra deebiin waraana eegaluu akka hin qabne ummanni keenya beekuu qaba,'' jechuun dubbatan.

Dubbiin Ministira Muummee Abiy yeroo mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduu muddama uumame walitti bu'iinsatti seenuu mala yaaddoon jedhu yeroo cimettidha.

Qaamoleen lamaan baatii Amajjii dabre bakkeewwan Naannoo Tigraayiifi Amaaraa daangessutti walitti bu'anii turan.

Waraana Tigraay booda bakkawwan falmsiisoo naannoo Amaaraa jalatti bulaa jiran naannoo Tigraayiin ala ta'uun, bakka bu'ummaa mana mareetiif filannoon akka gaggeeffamu murteen mana-marree Federeeshinii darbe murtee ammoo muuddamni akka daran ammaatuuf sababa ta'eera.

TPLF murtee kana mormuun ibsa baaseen, naannicharratti "marfamuun waraanaa cimaan" akkasumas "wantonni barbaachisoo ta'aniifi tajaajilawwan bu'uuraa akka dhorkaman," ibseera.

MM Abiy gaaffiifi deebii isaa kanaan mootummaan Federaalaa gara Tigraayitti "bajata ergaa jiraachuu" eeranis, bulchiinsi yeroo naannichaa Onkoloolessarraa kaasee baajata diggomaa [tumsaa], akkasumas dhiyeessiin boba'aa addaan cituu isaa jiraatonni BBCtti himaniiru.

Jiraattonni naannichaa baayyeen, keessumaa dargaggoonni waraanaka'uu malu baqachuun gara Finfinneetti imalaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

TPLF qophii waraanaa gochaa akka jiru ibsuun kan himatan MM Abiy gamasaaiin, gareen kun mootummaa Ertiraa waliin hariiroo akka qabu ibsa akeeku gaaffiifi deebii taasisan kana keessatti himaniiru.

Mootummaa Ertiraa irraa "waan gaarii argachuun kan hin yaadamnedha. Kana waan ta'eef, humna argannaan biya jeequurraa duubatti hin deebiyu," jechuun himatan.

Haata'u malee, bareechinee waan beeknuuf irra deebiin ummata keenya akka miidhan carraa hin kenninuuf. Tarii yoo Yaalan ammoo carraaqqii dhumaa ta'a jedheen amana," jechuun ergaa akeekkachiisa of keessaa qabu dabarsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa kana Asmaraa irratti irra deddeebiin dhiyeessullee, Ertiraan garuu himannaa kana ni waakkati.

Mootummaan Itoophiyaa "Ulaaga Galaanaa Walabaa" maqaa jedhuun "tuttuqqaa waraanaa" raawwachaa jiraachuu kaasuun himannaa dhiyeessiti Ertiraan.