Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarota waraanaa Ameerikaa sadan eenyutu haleele ? Akkamitti ?
Waraanaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti banan hordofee waraanni cimaan Baha Giddu Galeessaatti dhalateera.
Haleellaa kanaaf deebii kennuudhaaf Iraan Israa'el qofa osoo hin taane, michoota Ameerikaa hedduu Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleelaa jirti.
Iraan qabeenya Ameerikaa guutuu Baha Giddu Galeessaa jiran irratti xiyyeeffachuun misaa'elaa fi diroonii dhukaasuu itti fufteerti.
Sa'uudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet, Kuweet, Baahireen fi biyyoonni naannichaa biroon haleellaa Iraan kanaan kanneen haleelamaniidha.
Biyyoonni haleellaan irratti raawwatame kunneen kanneen buufatni waraanaa Ameerikaa keessatti argamaniidha.
Waraana kana irratti Wixata kaleessaa, xiyyaaronni Ameerikaa sadii Kuweet keessatti haleelamuu isaanii gabaasni ba'eera.
Haala waraanaa irraa kan ka'e hedduun xiyyaaronni kunneen haleellaa Iraaniin kufaniiru jedhanii fudhatan.
Gabaasni ajaja waraanaa Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) jeettiiwwan isaa F-15E sadii Kuweet keessatti ''itti dhukaafamuun'' kufuu isaanii mirkaneessera.
Garuu eenyutu haleele kan jedhu irratti deebiin inni kenne xiyyaarotni kunnneen haleellaa Iraaniin kan kufan yaada jedhu kan faallessedha. Isa dura dhimma kana irratti Kuweet maal akka jette?
Ibsa mootummaa Kuweet
Ministeerri Ittisaa Kuweet ibsa kaleessaa baaseen xiyyaaronni Ameerikaa hedduun kuffifamuu isaanii mirkaneessee jira.
Ibsichi akka jedhutti hojjettoonni xiyyaara kana keessa turan miidhaan kan irra hin geenye ta'uu fi qorannoo fayyaaf gara hospitaalaatti geeffamaniiru.
Ministeerichi itti dabaluudhaan sababoota balaa xiyyaarichaa adda baasuuf michoota isaa Ameerikaa waliin hojjechaa akka jiru ibseera.
Ajajni Giddugaleessaa waraana Ameerikaa CENTCOM dhimma kana ilaalchisuun waanti ibse maali?
CENTCOM maal jedhe?
CENTCOM akka jedhetti xiyyaaronni isaa sadan 'F-15E Strike Eagle' jedhaman ergama Iraan irratti duula gaggeessuurratti hirmaataa turan, taatee dhukaasa michoota irraa dogongoraan erga itti dhukaafame booda Kuweetitti kufaniiru jedhe.
Ibsi CENTCOM akka mul'isutti " xiyyaaronni waraanaa humna qilleensaa Ameerikaa sadii utuu duula waraanaa Iraan irratti hirmaataa jiranuu dogoggoraan dhukaasa ittisa qilleensaa Kuweetiin kufaniiru," jedha ibsichi.
Akka CENTCOM jedhutti, hojjettoota xiyyaarichaa keessaa namoonni jaha lubbuun hafaniiru, haala fooyya'aa keessa jiru.
CENTCOM Humni Ittisaa Kuweet taatee sana boodaa deeggarsa taasiseef akkasumas duula ittisaa Iraan irratti hirmaachuu isheetiif galateeffateera.
Akka marsariitiin humna qilleensaa Ameerikaa jedhutti, ''F-15 Strike Eagle'' xiyyaara waraanaa olka'iinsa gadi aanaa irratti balali'uu danda'udha.
Akkasumas halkanii fi guyyaa haala qilleensaa rakkisaa keessattillee ajajaja raawwachuu danda'uudha.
Odeeffannoon marsariitii humna qilleensaa Ameerikaa irratti maxxanfame akka ibsetti xiyyaarri kun fageenya dheeraa irratti diina irratti xiyyeeffachuu akka danda'u, akkasumas sirna raadaraa APG-70 kan fageenya irraa xiyyeeffannoo lafa irraa adda baasuu danda'u kan qabudha.