Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Dooniin waraanaa Iraan Sirilaankaa qarqaratti dhidhimtee namoonni 140 bakki ba'an dhabame

Israa'el sirna awwaalchaa Ayaatollaa Alii Kaameenii booda hogganaa olaanaa bakka bu'u irratti xiyyeeffachuun haleellaa akka raawwattuu fi hoggansa bakka bu'u hunda adamsuun akka ajjeestu dhaadatte.

Guduunfaa

  • Sa'ud Arabiyaa haleellaa Iraaniif deebii kennuuf qophiidha jette
  • Waraana US-Israa'el fi Iraaniin lammiileen Iraan 1000 ol ajjeefaman
  • Buufanni CIA Sa'ud Arabiyaa jiru dirooniin haleelame
  • 'Ameerikaa fi Israa'el irratti balballi si'ool banamuuf jira' - Iraan
  • Xiyyaarota waraanaa Ameerikaa sadan eenyutu haleele ? Akkamitti ?
  • Israa'el haleellaa haaraa Iraan irratti banatte, US loltoota jalqabaa waraana kanaan ajjeefaman adda baaste
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Ameerikaan haa dursitu moo Israa'el haa dursitu jetta Tiraamp?' - Hoggana Tikaa Iraan

    Hogganaan Tikaa Iraan Alii Laarijaanii ajjeechaan Ayaatolaah Kameenii "shakkii tokko malee gatii hadhaawaa isin kaffalchiisuuf jira" jechuun Pireezdaantii US Donaald Tiraamp akeekkachiisan.

    Ayaatolaan Kaameenii haleellaa qilleensaa US fi Israa'eliin ajjeefamuun ni yaadama

    Alii Laarijaanii ergaa fuula X, Tiraamp "namicha waliin dhawu" Ministira muummee Israa'el Beenjaamiin Neetanaahuun "raafamuudhaan" "uummata Ameerikaa waraana Iraan waraana cubbuutitti oofe jedhe.

    "Amma Ameerikaan haa dursitu moo Israa'el haa dursitu jettaree?" jedhee Tiraamp gaafata Hogganaan Tikaa Iraan kun.

    Waraanni US fi Israa'el Iraanirratti Sanbat-duraa Guraandhala 28 banan Giddu-galeessa bahaa raasaa jira.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo US Israa'el tarkaanfii kana akka fudhattu dursinee beekna turee jedhan. Haleellaa "dursanii of ittisuu" waan ta'eef Ameerikaanis itti dabalamte jedhan.

  2. 'Iraan Tiraamp ajjeesuuf yaalii goote' - Ministira Waraanaa US, Qabxiilee ijoon Ministeerri Waraanaa US Piitar Heegset ibse maali?

    • Ministirri Waraanaa US Piitar Hegseet Iraan Donaald Traampi "ajjeesuuf" yaalii gochaa turuu hime.
    • Bara 2024,mootummaan US lammii Afaagnistaan Tiraamp filannoon dura ajjeesuf turerratti himannaa banee ture.
    • Namni kun Mana Murtii Manhaataan keessatti himanni irratti dhiyaatee ture. Abbaan alangaa kan karoora Tiraampi ajjeesuu Kaamenii kana Aangawaan Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa Iraan qajeelfamaa ture jedhee himate.
    • US Hogganaa tuuta yaalii ajjeechaa Tiraamp ajjeesuuf qophaayee adamsitee ajjeesuu hime.
    • Mootummaan Ameerikaa Shakeeriin Iraan keessa turuu amana.
    • Namni kun Farhad Shakeri yoo jedhamu, umriin 51 yoo ta’u, “karoora” Tiraampi ajjeesuu qopheessuuf ramadamee ture jedhe.
    • Piitar Heegseet Waraanni US doonii waraanaa Iraan Garba Guddaa Hidnii keessatti haleeluun dhidhimse jedhan. Kana mootummaan Siriilaankaas mirkaneesseera. Dooniin tun namoota 180 baatte. Namoonni 32 lubbuun baraarame. 140 achi buuteen isaanii hin baramne.
    • Sirni Iraan "waxalamaa jira" jechuun labse Heegseet, Ameerikaan "injifachaa jirti, akkaataa murteessaa fi araarama malee" jedhe.
    • Tarkaanfiin waraanaa dabalataa waan hin oolle, "Waraanni daran hamaa arguuf jirtu" jedhe. "Ganaa bal'inaan dachee Iraan hedduu keessatti gadi buunee haleelufi" jedhe.
    • Haleellaa mana barnoota dubartootaa Minaab irratti raawwatame irratti kan gaafatame Heegseet Ameerikaan qorachaa jiraachuu hime. Meeshaa biyya kamiitiin akka manni barumsichaa rukutame hin himne.
  3. Peentaagon viidiyoo humni galaana US doonii waraanaa Iraan rukutu mul'isu baase

    Pentaagon viidiyoo humni galaanaa US misaayela torpeedoo jedhamuun doonii humna galaanaa Iraan Garba Guddaa Hindiirratti rukutuu hime.

    Sa'aatiiwwan muraasa duraa, Ministirri Waraanaa Piitar Hegseet Ameerikaan doonii waraana US dhidhimsuu beeksisanii turan. Iraan dooniiwwan ishee qaamolee bishaanii addunyaarratti homtuu hin tuqu jettee yaaddi ture jedhan.

    Namoota 180 feetee turuu akka hin oolle, dooniiin Iris Diinaa jedhamtu tun , namoonni 32 baraaramuu himame. Aangawoonni Siriilaankaa reeffi namoota 80 argamuu BBC'tti himan.

  4. Haleellaan dirooniin biraa warshaa boba'aa Sa'udii irratti yaalame

    Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Sa'udi akka ibsetti haleellaa dirooniikan biraa warshaa boba’aa guddaa Sa’uudii Arabiyaa irratti taasifamu ibsan.

    Warshaan boba'aa kun kan haleellaa Iraan wixata darbe irratti xiyyeeffatedha.

    Warshaan boba’aa qulqulleessu Raas Taanuuraa jedamu bakka haleellaan kun itti raawwatame kan oomisha boba’aa guddaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti argamuti.

    Ministeerri Ittisaa Sa’uudii kun akka jedhutti: “ haleellaan kun dirooniitiin kan raawwatame ta'uu fi lubbuun namaa darbe akka hin jirre ibsa.”

    Warshaa qulqulleessituu kana haleellaan irra gaheera. Suuraaleen saatalaayitiin kaafaman hammam miidhaa warshaa qulqulleessituu kanarra akka gahe agarsiisa. Gamoon warshaa qulqulleessituu kanaa erga haleellaan irratti raawwatameen booda ibiddaan gubatee mul'ateera.

    Mootummaan Sa’uudii haleellaa irratti raawwatame hordofuun of eeggannoof jecha “kutaa murtaa’aa warshaa boba’aa qulqulleessu” cufuu beeksiseera.

    Warshaan boba’aa kun wiirtuuwwan boba’aa qulqulleessan gurguddoo Sa’uudii Arabiyaa qofa osoo hin taane akka addunyaatti argaman keessaa isa tokkodha.

  5. Iraan waraana yeroo dheeraaf qophaa’uu ibsite, Tiraamp ammoo oomishtoota meeshaa waliin mari'achufi

    Gorsaa hogganaa olaanaa Alii Kaameenii kan turan Mohammad Mokhabar, Iraan haleellaa kanaan booda Ameerikaa waliin mari’achuu akka hin barbaanne fi waraana yeroo dheeraaf qophaa’aa jiraachuu ibsan.

    Qondalli kun har'a akka jedhanitti biyyi isaanii ''Ameerikaa waliin mari'achuuf fedhii hin qabdu; waraana yeroo dheeraaf qophaa'aa jirtis,'' jechuun mariin akka hin jiraanne ibsan.

    Gorsaan kun ibsa televijiinii mootummaaf kennaniin, ''Ameerikaa waan hin amanneef mariidhaaf fdhiin hin jiru,'' jedhan. "Hanga barbaannetti waraana itti fufuu dandeenya."

    Gama biraatiin Pirezidaanti Tiraamp qondaaltota olaanoo dhaabbilee meeshaa waraanaa biyyattii waliin Jimaata dhufu Waayit Haawusitti wal arguuf beellama qabaachuu isaanii ejensiin oduu Rooyitars gabaaseera.

    Mariin kun haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatte hordofuun kuusaan misaa’ela baay’een Ameerikaan qabdu hir’achaa waan jiruuf dhaabbileen oomisha akka dabalan jajjabeessuuf kan yaadame ta’uu himameera.

    Kana malees, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa meeshaalee waraanaa Baha Giddu Galeessaa fi bakka biraatti fayyadaman bakka buusuuf baajata dabalataa hanga doolaara biiliyoona 50 gaafachuuf qophaa’aa jiraachuu Rooyitars gabaaseera.

    Mootummaan Ameerikaa oomishtoonni meeshaa waraanaa oomisha isaanii akka dabalu dhiibbaa gochaa kan ture yoo ta’u, Pirezidaanti Tiraamp bara darbe dhaabbilee sadarkaa barbaadamuun oomishaa hin turre adda baasuuf ajaja kennaniiru.

    Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa tarree dhaabbilee kanneenii ni baasaa jedhamee eegama. Sana booda tarkaanfii raawwachiisummaa fudhachuun waliigaltee isaanii addaan kutuuf ta'uu ragaaleen kan mul'isan

  6. Turkiin misaa'ela Iraan irraa itti dhukafame qoladhe jette

    Waraana Iraan guyyaa 5ffaa qabate keessatti, biyyoota baha giddu galeessaa buufanni Ameerikaa keessa jiru kan Iraan itti hin dhikaasne Turkii qofa turte.

    Har'a garuu misaa'ela biliaastikii Iraan irraa itti dhukaafame meeshaa ittisi NATO'n qolachuu ibsite.

    ''Misaa'ela balistikii Iraan irraa furguggifame osoo inni naannoo qilleensa Turkii hin seenin dura ttisi NATO addaan kuteera'' jette.

    Misaa’elli balistikii Iraan kun erga naannoo qilleensaa Siiriyaa fi Iraaq bira darbee booda gara naannoo qilleensaa Turkiitti qajeele sirna ittisa qilleensaa fi misaa’ela ⁠NATO'n baha Galaana Meditiraaniyaanii keessatti barbadaa’uu Ministeerri Ittisaa Turkii kan ibsan.

    Ministeerichi ibsa isaan lubbuun namaa darbe ⁠ykn miidhaan irra gahe akka hin jirre beeksise.

    Turkiin tarkaanfii diinummaa ishee irratti raawwatamu kamiifuu deebii kennuudhaaf mirga akka qabdu ibsuun, qaamoleen ⁠tarkaanfiiwwan waldhabdee kana hammeessuu danda’an irraa akka of qusatan akeekkachiiste.

  7. Sirni awwaalcha Alii Kaamenii yeroo biraatti darbe – Miidiyaa mootummaa Iraan

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti, sirni awwaalcha hogganaa olaanaa Iran kan turan Ayaatollaah Alii Kameenii yeroo biraatti dabarfamee jira.

    Sirni awwaalcha guyyoota sadiif akka turu karoorfame har'a gara boodaatti ni jalqaba jedhamee eegama ture. Suuraaleen miidiyaa hawaasaa irratti qoodamanis qophii sirnichaaf taasifamu agarsiisu.

    Haata’u malee, sagantichi hanga qophiin barbaachisoo ta’an taasifamanitti yeroo hin beekamneef dabarfamuu qindeessitoonni himaniiru.

    Guyyaan sirni awwaalcha haaraan itti raawwatamu garuu hin ibsamne

  8. Gamoowwan magaalaa Teehraan daaraatti dabalaman

    Suuraawwan kunneen guyyaa har'aa magaalaa Teehraan keessaa kaafaman. Haleellaan US-Israa'el hagam akka magaalaa miidhe mul'isu.

  9. Daawwadhaa: Haleellaa qilleensarraan raawwatamee gamoo diigee lubbuu galaafate keessa hojjetoonni lubbuu baraaran yeroo socho'an

    Rescue workers at site of deadly airstrikes in Lebanon

  10. Tiraamp marii araaraa akka 'hojii daldala riil isteetiitti' ilaala-Ministira Dhimma Alaa Iraan

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii Tiraamp "ta'e jedhee marii araaraa balleessaa jira" jechuun ergaa miidiyaa hawaasaarratti baaseen himate.

    "Yeroo dhimmi wal xaxaa akka waliigaltee nukilaraa bifa hojii daldalaa riil isteetiin ilaalamuufi sobni dhugaa haguugu, waan dhugaatti hin jirre eeguu waan nta'eef bira ga'uu hin danda'amu," jedhe.

    "Bu'aan isaa marii nagaa akka hin horoomnetti mancaasuu ta'a."

    Tiraamp "dippilomaasiifi Ameerikaanota warra isa filate gane," jedhe itti dabaluun.

  11. Daawwadhaa: Viidiyoo yeroo Teehraan Lixaa qilleensarraan haleelamu aara mulatu agarsiisu

  12. Sirni awwaalcha Ayaatolaa Kameenii har'a gaggeeffamuuf

    Sirni awwaalcha gaggeessaa olaanaa Iraan, haleellaa US-Israa'eliin ajjeefamanii, Ayaatolaa Alii Kameenii, har'a magaalaa Tehraan keessatti akka gaggeeffamu miidiyaan biyyattii gabaase.

    Sirni awwaalchaa kun har'aa kaasee guyyaa sadiif kan gaggeeffamu akka ta'es ibsame.

    Ayaatolaa Alii Kaameenii haleellaa US-Israa'el Sambata darbe gaggeessaniin du'uunsaanii ni yaadatama.

    Erga isaan du'anii booda ilmisaanii Mojtaabaa Kameenii gaggeessaa olaanaa Iraan ta'uuf morkataa cimaa ta'ee dhiyaachuu maddeen Iraan waabeffachuun Niwu Yoork Taayims gabaase.

    Iraan sirna gaggeessaa Ayatolaa Alii Kameenii yeroo raawwataa jirtuufi Ayaatolaa haaraa muuduf yeroo jirtutti, Israa'el gaggeessaa haaraa filatamus ajjeesuuf dhaadatteetti.

    Ministiirri Ittisaa biyyattii Israa'el Kaatz ibsa kenneen, gaggeessaa haaraan Iraan "badii Israa'el hawwu, UStti yaaddoo ta'uufi lammiilee Iraan hacuucu kamiyyuu qiyyaafannoo keenya" jedhe.

    Odeefannoo biroo kanaan walqabatan:

  13. Israa'el waajjiraalee humnoota nageenyaa Iraan heleele jette

    Israa'el haleellaa Iraan keessatti gaggeessaa jirtuun buufataalee waraanaafi wiirtuwwan qaamolee nageenyaa Iraan bakkee garaa garaa jiran haleeluu beeksifte.

    Humni Waraanaa Israa'el ibsa baaseen, wiirtuwwaniifi buufataalee humnoonni nageenyaa Iraan garaa garaa itti fayyadaman haleelamuu ibse.

    Keessumaa biiroo muummee humnoota Baasiij magaalaa Tehraan keessatti argamurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu beeksise.

    Humnoonni Baasij jedhaman Iraan keessatti mormiin uummataa akka hin gaggeeffamnee ukkaamuun beekamu jedhama.

    Israa'el dabalataan qiyyaafannoowwan waraanaafi bakkeewwan Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Iraan irraa misaa'ela dhukaasan irratti xiyyeeffachuun magaalaa Tehraan keessatti haleellaa gaggeessuu ibsite.

    Haleellaa dabalataa bu'uuraa mootummaa Iraan irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu akka itti fufus beeksise.

    Odeeffannoo dabalaaf:

  14. Aangoon Tiraamp waraana labsuurrattti qabu yeroo jalqabaaf qoramuuf

    Erga haleellaan Iraan irratti eegalamee yeroo jalqabaaf aangoon waraana labsuu Tiraamp qoramuuf jedha.

    Aanga'oonni biyyattii walga'ii godhachuuf deeman irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu ilaalchisee daangaa aangoo Tiraamp irratti gaaffii kaasu jedhamee eegama.

    Senetaroonni US kora kana mata duree Aangoo Waraana Labsuu- War Powers Act jedhuun Roobii har'aa gaggeessu.

    Tarkaanfiin kun aangoo Tiraamp waraana labsuu irratti qabu kan daangessuudha.

    Garuu iccitiiwwan waraana kana marsanii jiranii fi bulchiinsa duraanii keessattis seerri akka waraana labsaniif hojiirra oole kan hin turre ta'uun, adeemsi kun akka qoramu taasisa.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo ''pirezidantiin aangoo labsuuf eeyyami seeraa barbaachisu hin jiru,'' jedhe.

    ''Bulchiinsi pirezidantii qajeeltoo Aangoo Waraana Labsuu- War Powers Act jedhamu heerawaa godhee itti fayyadame hin turre. Pirezidantonni Rippaablikaanotaas kan Dimokiraatotaas kana hojiirra oolchanii hin beekan,'' jedha.

    Senetaroonni wixinee kana dhiheessan- Tim Keeyin (miseensa Dimokiraat Varjiiniyaa irraa) fi Raand Pool (Rippaabilikaan Kentakii irraa), waa'ee tarkaanfii bulchiinsa kanaa senetaroonni waan yaadan ibsuu qabu jedhan.

    ''Ijoollee keenya waraanatti erguu ilaalchisee Senetaroonni sagalee isaanii irratti kennuu qabu. Lubbuun ijoollee keenyaa qaaliidha. Waraana yeroo booda xumuramuuf jiruuf lubbuu qaalii biyyi kun qabdu aarsaa gochuun sagalee Senetarootaan murtaa'uu qaba,'' jedha Keeyin.

  15. Oppireeshiniin Iraan kan bara 2003 Iraaq irratti gaggeeffame dachaa lama ta'e- US

    Ajaji Giddugalaa US haleellaa Iraan irratti gaggeessaa jiran ilaalchisee haala jiru irratti odeeffannoo jiru ibseera.

    Ajajaan giddugala kanaa X irratti oppireeshinii Iraan irratti eegalan kana bara 2003 Iraaq irratti raawwatan dachaan caaluu ibse.

    ''Haleellaan sa'atii 24 darban keessatti raawwatame kan bara 2003 dachaa ta'eera,'' jedhe qondaalli waraanaa US kun.

    Hanga ammaatti humni Ameerikaa Iraan keessatti qiyyaafannoowwan 2,000 ta'an rukutuu fi dooniiwwan waraanaa Iraan 17 ta'an barbadeessuu dubbate qondaalli kun.

    ''Yeroo ammaa dooniin Iraan Galoo Galaanaa Arabaa, Hormuz, keessa yabalu tokkollee hin jiru,'' jedhe qondaalli waraanaa gameessi US Admiral Brad Cooper.

    Oppireeshiniin Iraan irratti eegalame kun loltoota kuma 50 caalan, xiyyaarota waraanaa 200 fi xiyyaarota gurguddoo fi dooniiwwan xiyyaarota waraanaa baatan akkasumas boombiiwwan humna guddaa qaban kan hammateedha jedhe qondaalli waraanaa US kun.

    ''Kun oppireeshinii Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti raawwattu isa guddaadha,'' jedhe.

    Iraan haleellaa irratti raawwatame haaloo ba'uuf misaa'eloota fageenya dheeraa imalan (ballistic missiles) 500 caalan fi dirooniiwwan 2000 ta'an dhukaasteetti jedhe qondaalli waraanaa kun.

  16. Israa'el jiraattonni Libaanos qubsuma Hezboollaa keessa socho'an akka haleelaman akeekkachiiste

    Humni waraanaa Israa'el iddoowwan Hezboollaan keessa socho'u irratti haleellaa cimsuu ibsuun namoonni nagaa bakkeewwan kunneen keessaa akka ba'an akeekkachiise.

    Magaalotaa fi gandoota qubsuma Hezboollaan keessa socho'u keessatti haleellaan raawwatamu lammiilee nagaas miidhuu akka danda'u dubbi himaan waraana Israa'el Avichay Adraee ibseera.

    Qondaalli Israa'el kun jiraattonni Libaanos iddoowwan qiyyaafannoo Hezboollaa ta'anirraa yoo xiqqaate kiilomeetira 1 fagaachuu akka qaban akeekachiise.

    Haleellaa kibba Libaanositti Israa'el raawwatteen yoo xiqqaate namoonni ja'a ajjeefamuu mootummaan Libaanos ibseera.

    Gandoonni fi magaalonni akka namoonni keessaa ba'an Israa'el akeekkachiiste:

    Rabaa Thalathin, Hawla, Qalaat Dibba, Qabrikha, Touline Khirba, Shaqra, Sawana, Majdal Selm, Tamriya, Tayri, Talousa, Safad, Batikh, Jmeijmeh, Bani Hayyan jedhamu.

  17. Sa'ud Arabiyaa fi Israa'el misaa'eloota itti dhukaafaman qolachuu himan

    Ministeerri ittisaa Sa'ud Arabiyaa kibba magaalaa guddoo biyyattii, Riyaad irratti Kiruuz misaa'elii lama itti dhukaafame qolachuu himuu isaa burqawwan oduu Roohitarsiifi AFPn gabaasan.

    Addatti Pirees Ejensiin Sa'udii ammoo dirooniiwwan sagalan qolatamuu addatti gabaaseera.

    Dirooniiwwaniifi misaa'eloonni kunneen eessarraa kka dhukaafaman aanga'oonni Sa'udii hin ibsine.

    Gama kaaniin humni waraanaa Israa'el haleellaa haaraa walirraa hin cinne biyyattiin gaggeessaa jirtu Iraan deebii haaloo bahuu kennaa jirti jedhe.

    Saatiiwwan muraasa darban keessa, Israa'el misaa'eliin Iraanirraa itti dhukaafamuu hordofee sagalee akeekkachiiftuu dhageessifteetti.

    Kana malees, waan Libaanos bakka Hazboollaan jiru irratti xyyeefattee haleela ajirturraa itti fuguggifamus hordofaa jiraachuu ibsiteetti.]Misaa'eloonniifi meeshaan kaan furguggifaman waan qolatamaniif ammatti namni du'uun gabaafame hin jiru jettetti ISfraa'el.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  18. Suuraawwan Baha Giddugaleessaa keessatti mancaatii agarsiisan muraasa

    Waraana US-Israa'el hordofee biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti bakki baayyeen manca'eera. Suuraawwan bakka haleellaatiin barbadaa'an agarsiisan muraasni kunooti.

  19. Sa'ud Arabiyaa haleellaa Iraaniif deebii kennuuf qophiidha jette

    Sa'ud Arabiyaan biyyattiin nageenya ishee eeggachuuf, akkasumas jiraattotaaf eegumsa gochuuf tarkaanfii barbaachisu hunda akka fudhattu beeksisuu dhaabbanni pireesii mootummaa beeksise.

    Akka ibsi bahe agarsiisuutti, michoonni yeroo haleellaa Iraan irraa isanitti dhufeef deebii kennaa jiranitti "humna jiru hundumaa sochoosuun isaan bira akka dhaabatamu" kaabineen biyyattii himeera.