Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoo meeshaa haaraafi Niwukilaraa: Waraana Yukireen keessatti torban sodaachisaa
Waraana Yukireeni fi Raashiyaa keessatti yaaddoon hanga torban kanaa hammaatee hin beeku.
Waraanni Yukireen-Raashiyaa erga eegalamee torban kana guyyaa 1000ffaa wayita darbe kanatti biyyoonni Lixaa meeshaa waraanaa Yukireeniif dhiyeessan haalaan dabalan.
Kiremlin ammoo boombii niwukilaraatiin isin haleellaa jechuun doorsisa tibbana doorsisa hammeessiteetti.
Gargaarsa biyyoonni Lixaa Yukireeniif laatan
Dilbata darbe Pirezedantiin Ameerikaa bara hojiisaanii goolabaa jiran Joo Baayiden, Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu ATACMS jedhamun Raashiyaa keessatti haleellaa akka raawwattu eeyyaman.
Tarkaanfiin kun Waashingitan biratti akka jijjirama imaammataa guddaatti ilaalame.
Turti ji'ootaan lakkaa’amuuf Yukireen misaayilota biyyoota Lixaatti gargaaramuuf gaafattus daangaa biyyattiin alatti haleellaa ittin raawwachuuf eeyyama hin arganne ture.
Murteen kun miidiyaaleerratti erga dhiyaate, misaa'eloonni ATACMS Yukireenirraa gara bulchiinsa Raashiyaa Birayaaniskitti dhukaafaman.
Kiremlin akka jedhetti, misaa’ilota jahatu dhukaafame, isaan keessaa, shan qolanneerra jetti.
Qondaaltonni Ameerikaa maqaan isaa hin ibsamne Raashiyaan misaayiloota saddeet itti dhukaafame keessaa lama ofirraa qolatte.
Misaa’eloonni Ameerikaa waraana kana keessatti yeroo jalqabaaf daangaa Raashiyaa haleellaa raawwachuuf oolera.
Sana booda Roobii darbe Yukireen misaa’ela UK’n dhiyeessiteef ‘Storm Shadow’ jedhamu bulchiinsa Raashiyaa Kuriskitti dhukaaste.
Kuriskitti loltoonni Yukireen lafa Raashiyaa tilmaamaan iskuweer km 600 ta’u qabataniiru.
Dhiyeenya kana, Baayiden Yukireen fanjiiwwan namoonni yeroo itti dhiyaatan dho’an Yukireen akka ittigargaartu eeyyaman.
Fanjiiwwan kanatti gargaaramuun falmiisisoodha, dirree waraanaa baha Yukireenitti sochi waraanaa Raashiyaa xiqqeessuuf gargaara.
Doorsisa niwukilaaraa Raashiyaa
Guyyaa 1000ffaan waraana Yukireeni fi Raashiyaa wayita yaadatamutti Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin qajeelfama itti fayyadama boombii niwukilaaraa biyyattii geeddaran.
Qajeelfamni haaraan kun haleellaan biyya boombii niwukilaaraa hin hidhannee, biyya niwukilaara hidhatte deeggaramuun Raashiyaarra qaqqabu akka haleellaa walootti ilaalama jedha.
Sana booda Kiremlin gosa misaa'ela haaraa ‘Oreshnik’ jedhamuun magaalaa Yukireen Dinipro haleelte.
Puutin misaayilichi saffisa sagalee dachaa 10 ta’uun furguggifamuu fi meeshaa kana ‘qolachuun akka hin danda’amne’ himan.
Taajjabdoonni harki caalaan haleellaan kun akeekkachiisaf kan qophaa’e ta’uu himu: Raashiyaan yoo barbaadde misaa’ela haaraa kanaan haleellaa niwukilaraa raawwachuu dandeessi jedhan.
Ejjannoo akkasi yeroo tokko biyyoota Lixaa yaaddessee ture. Amma garuu hangas mara miti.
Waggaa sadii dura yeroo lolli jalqabee as Puutin irra deddeebiin biyyoota Lixaa boombii niwukilaraan doorsisaa ture.
Gama kaanin Beejiing dhiibbaa qoqqobbii Ameerikaa fi biyyoonni biroo Raashiyaarra kaa’an laaffisuuf michuu Raashiyaa ijoo taatetti.
Waraana sadarkaa idil-addunyaatti ce’aa jiraa?
Pirezedantiin Raashiyaa Kamisa galgal TV irratti, waraanichi ’bifa
idil-addunyaa hanga tokko qabateera’ jechuun akeekkachiisan.
Ministirri Muumme Poolaandi Doonaald Taaskii haaluma kanan wal fakkaatuun ‘’waraana sadarkaa addunyaatti ce’uu malaa yaaddoon qabatamaa fi hamaatu jira'' jedhan.
Ameerikaa fi UK amma yeroo kamiyyuu caalaa itti hirmaataniiru.
loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaan lolaaf bobbaasuun ammoo biyyi boomibii niwukilaraa hidhatte biraa waraanichatti hirmaachuu akeeka.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un Kamisa darbe, yaaddoon waraana niwukilaaraa kan durii caala hammaatera’’ jechuun, Ameerikaan imaammata diinummaa” Piyoongiyaangirratti hordoftii jechuun himate.
Tiraamp aangootti deebi’uun maal geeddara?
Pirezedantiin Ameerikaa haaraa filatame Doonaald Tiraamp Amajjii 20 bara 2025 Waayit Haawusitti deebi’a.
Tiraamp yeroo duula filannootti waraana Yukireeniifi Raashiyaa sa’aatii 24 keessattin goolaba jedhee ture.
Pirezedantii ittaanaan haaraa filataman JD Vaansillee yaaduma kana fakkaatu qabu.
Yukireen naannoo Donbas fi Kiremiyaa Raashiyaa kennuun waraanichi goolabamuu hin oolu jedhamaa jira.
Kun eejjannoo Bulchiinsi Joo Baayiden faalleessa.
Kanaaf torban kana keessa otoo Tiraamp aangoo hin qabatiin hanga danda’ametti Yukireen gargaaraa jiru.
Pirezedaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin bara 2025tti waraanicha biyyisaanii“karaa dippilomaasiitiin” xumuruu akka barbaaddu dubbataniiru.