Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknooloojii hawaan addunyaa to'achuuf kan jirtu Chaayinaan maal karoorfatte?
Chaayinaan buufata hawaa guddicha ijaaruuf karoorfatte eegalsiisuuf qorattoota hawaa sadi ji'oota ja'an itti aananiif garas ergiteetti.
Biyyattiin teeknooloojii hawaan addunyaa to'achuuf kan deemaa jirtu yoo ta'u, karoora kana milkeessuuf kun akka tarkaanfii guddaatti ilaalama.
Buufati hawaa Tiyaangoong maali?
Tiyaangoon ''Masaraa mootummaa samii irraa'' akka jechuuti. Chaayinaan bara darbe hojii jalqabaa giddu gala hundeessuu eegalte.
Biyyattiin Giddu gala kanatti kutaalee qorannoo hedduu dabaluuf kan jirtu yoo ta'u kanneen keessaa kutaan qorannoo ( laaboraatooriin) Mengitiyaan jedhamu xumura bara kanaatti hojii eegala.
Bara dhufu teleskoppiin hawaa 'Zuuntiyaan' jedhamu hojii eegala. Kunis giddugala hawaa kanatti dhiyaachuun tajaajila suphaa fi boba'aa guutuu kenna.
Tiyaangoong mala ittiin anniisaa elektirikii argatu kan mataasaa qabaata, wantoota lubbuun turuuf dhala namaa barbaachisanii fi kutaalee keessa jiraatanis hedduu qaba.
Chaayinaan qorattoota hawaa lama gara hawaa erguun giddu gala hawaa ijaaruudhaan addunyaarraa biyya sadaffaadha.
Raashiyaa fi Ameerikaan ishee dursu. Kanaaf Chaayinaan Tiyaangoon irraa abdii guddaa qabdi.
Bara 2031ti hojiin ala ta'a jedhamee kan eegamu Buufata Hawaa Addunyaa (ISS) bakka bu'a abdii jedhuun socho'aa jirti.
Chaayinaan maaliif saayinsii hawaan addunyaa dursuu karoorfatte?
Qoccolloon Ameerikaa fi chaayinaa damee kana keessattis bal'inaan mul'ata.
Qorattoonni hawaa Chaayinaa giddu gala qorannoo hawaa addunyaa keessaa akkaan qoollifatamaniiru.
Sababni isaa yoo gaafatame seera Ameerikaati. Seerichi dhaabbati hawaashee, Nasa'n, Chaayinaaf odefefannoo akka hin qoodne dhorka.
Chaayinaan addeessaa fi maarsii irra qubachuus feeti, fedhiinshee kana qofaas miti.
Waggoota muraasa booda wantoota caccabaa dhagaa fakkaatan kan samii keessaa dhiyeenyarraa gadi harca'an-astirooyidoota samuuda isaanii walitti qabuun qorachuuf karoora qabdi.
Bara 2030tti ogeeyyii hawaa ishee warra jalqabaa gara addeessaa erguuf karoorfatteetti.
Galmi ishee kan biraan ammoo Maarsii fi Juppitar irraa saamuuda qorannoo walitti qabuudha.
Biyyootni kaan waa'ee hawaa karoora maal qabu?
Chaayinaan bakkaa fi ga'ee hawaa keessatti qabdu bal'ifachuu feeti. Biyyoonni kaanis haaluma walfakkaatuun imala gara addeessaaf karoora qabu.
Jaarmiyaan hawaa guddichi-Nasa jedhamus bara 2025 irraa eegalee Ameerikaa fi qorattoota hawaa biyyoota addunyaa biroo waliin ta'uun gara ji'aatti deebi'uuf karoora qaba.
Rookeetii ISS guddicha giddugala hawaa Kenedii irraa ifa godheera.
Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Raashiyaa, Indiyaa fi Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) faanis gamasaaniin teeknooloojii hawaatiin tattaafataa jiru.
Indiyaan ammumaan ergama gara addeessaa karoorfatte ibsiteetti. Bara 2030 buufata hawaa mataashee qabaachuuf karoorfatteetti.
Ejansiin Hawaa Awurooppaa Nasa waliin ta'uun imala gara addeessaa irratti hojjetaa jira.
Seerota hawaa eenyufaatu baasa?
- Akkaataa seera waliigaltee hawaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 1967 irra ga'ameen kutaan hawaa kamuu qabeenyummaa biyya kamiinuu waamamuu hin qabu.
- Bara 1979 ammoo Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii waa'ee addeessaa irratti waliigalteerra ga'e. Akka waliigaltee kanaatti qaamni hawaa kamuu gabaatti baafamee qisaasamuu hin qabu. Chaayinaa, Ameerikaa fi Raashiyaan garuu mallatteessuu didan.
- Ameerikaan biyyoonni addunyaa akkamiin walta'anii albuuda hawaatti fayyadamu waliigaltee jedhu qopheessaa jiraachuu himti.
- Raashiyaa fi Chaayinaan waliigaltee kana didaniiru, sababni isaa ammoo US akka seera hawaa baastuuf eenyutu mirga kenneef kan jedhuudha.
Seenaa damee hawaa Chaayinaafi baasii maallaqaa
Barri 1970ni Chaayinaaf bara seena qabeessa, sababni isaa biyyattiin yeroo jalqabaaf saatalaayitii gara hawaatti kan ergiteedha.
Yeroo sana biyyattii keessatti warraaqsa jiijjrama aadaatu gaggeeffamaa ture waan ta'eef goolamaa turte.
Bara sanatti addunyaarraa biyyoota afur- Ameerikaa, Gamtaa Sooviyeet( Raashiyaa ammaa), Firaansi fi Jappaan- qofatu hawaarra qubatee beeka.
Waggoota kurnan darban Chaayinaan rookeetiiwwan 200 caalan gara hawaatti furguggisteetti.
Saamuuda dhagaa walitti qabuuf jecha xiyyaar-samii nam-maleessa, Chang 5 jedhamu gara addeessaa ergiteetti.
Alaabaan Chaayinaa addeessarratti olka'ee mirmirfameera.
Biyyattiin beekaa kan kanaan dura ture-Alaabaa Ameerikaa irra ol caalchisuun alaabaashee dhaabdee akka mirmirfamu gooteetti.
Hanga ammaa qorattoonni hawaa Chaayinaa 13 ta'an hawaarra ga'aniiru. Lakkoofsi kun kan masaanuushee lamaanii waliin yoo walbira qabamu akkaan xiqqoodha.
Sababni isaa kan Ameerikaa 340 kan Raashiyaa ammoo 130 waan ta'aniif.
Chaayinaan guddina damee teeknooloojii hawaa biyyasheef wayita tattaafatu qormaata hedduu keessummeessite.
Bara 2021 rookeetiinshee tokko caccabuun Garba Atlaantik keessatti kufeera, bara 2020 ammoo rookeetiiwwan isheen gara hawaa erguuf turte lama jalaa fashalaa'aniiru.
Jaarmiyaan TV mootummaa Chaayinaa Shinuwaa jedhamu akka gabaasetti, pirojektii hawaa biyyattii keessa yoo xiqqaate namoonni kuma 300 hojjetaniiru.
Lakkoofsi kun hojjettoota Nasa amma hojjetaa jiran dachaa 18n caala.
Giddugalli Qorannoo Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaa bara 2003 kan hundaa'eedha.
Baajata ka'umsaa isaa kan waggaa doolaara miiliyoona 300 ture.
Biyyattiin bara 2016 ammoo indastirii teeknooloojii hawaa kubbaaniyyaawwan dhuunfaaf banaa goote.
Kubbaaniyyaawwan kunneen guddina damee kanaaf maallaqa doolaara biiliyoona 1.5 irratti baasuu miidiyaan biyyattii gabaasaniiru.
Chaayinaan maaliif damee hawaarratti xiyyeeffatte?
Chaayinaan teeknooloojii hawaa guddisuurratti kan xiyyeeffatteef, to'annoo haala qilleensaa, guddina telekominikeeshinii, raaga fi sakatta'iinsa haala qilleensaa, akkasumas guddina dameelee biroof ta'uu himti.
Saatalaayitoonni ishee hedduun garuu ergama waraanaas kan qaban jiru. Humnoota masaanuu isaanii ta'anis ni basaasu.
Akkasumas misaa'eloota fageenya dheeraa imalan akka milkaa'aniifis ni tumsu.
Yuuniversitii Portsmouth keessatti Hoogganaa Pirojektii Hawaa kan ta'an Luusiingi Kiing akka jedhanitti, Chaayinaan ergama hawaa sadarkaa gurguddaan jiran irratti qofa miti kan xiyyeeffatte.
''Damee hawaa hunda irratti filatamoodha. Kaka'umsa siyaasaa fi qabeenya sagantaalee karoorasan hunda maallaqaan deeggaruuf isaan dandeessisu qabu,'' jedhan.
Imalli gara addeessaa Chaayinaa ergamaawwan biroos qaba. Sibiilota gati jabeeyyii akka liitiyemiifaa argachuun galma tokko.
Yuuniversitii Landanitti Daarektara Dhimma Imaammata Hawaa fi Dhaabbilee seeraa kan ta'an Pirofeesar Sa'id Mosteshar, Chaayinaan albuudota barbaacha imalli isheen deddeebitee gara addeessaatti taasistu bu'a qabeessa ta'uu dhabuu mala jedhan.
Sagantaan hawaa Chaayinaa ergama biraa kan qabuudha jedhu. Innis addunyaa kaaniin dinqisiifatamuuf fedhii qabdurraa kan ka'eedha jedhan Pirofeesar Sa'id Mosteshar.
Gabaabumatti ''Guddina teeknooloojiin addunyaarraa dursa argachuudha,'' jedhan.