Dargaggeessa Oromoo mana hidhaa taa'ee baratee amma saayintistii addunyaa ta'e- Imala Dr. Jiinenus Fiqaaduu

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 18

''Ulfinni, guddinni fi kabaji keenya kan ittiin mirkanaa'u gonkumaa kufuu dhabuu keenyaan osoo hin taane yeroo kufaatiin nu mudatu hunda ka'uuf tattaaffii taasisnuun argama,'' falaasama jedhuun hoogganama.

Jechi kun kan nama falaasamaa beekamaa Chaayinaa Konfiyuushas.

Dr. Jiinenus Fiqaaduu ammoo baadiyyaa Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ba'ee amma saayintistii addunyaan akkaan barbaaddu ta'eera.

Jireenyi isaa guutummaatti fakkeenya cichoominaa, kutannoo fi rakkoo danda'uuti.

Kanaaf ammoo ganda rakkina, gogiinsa, walitti bu'iinsaa fi xaxaa siyaasaan faalamte keessaa ba'ee har'a saayintistoota qorannoonsaanii addunyaa fayyadu keessaa tokko ta'uusaa caalaa ragaan hin jiru.

Barnoota Faarmaasii hanga digirii sadaffaatti (PhD) barachuun yeroo ammaa Yuniversitii Wallaggaa fi Hong Kongitti ammoo City University of Hong Kong keessa hojjeta.

Rakkoon inni hin dhandamne hin jiru, osoo akka rakkootii mana barumsaa galee milkaa'uun hafee yoona lubbuudhaanuu hin jiru, kan haala jireenyaa walfakkaataan biraa kufan hedduudha waan ta'aniif.

Abbaansaa qonnaan bulaa fi daldalaa turan. Bosona keessa sorobbaa sorobuun waan argatan maatiif kennu, gaafa carrooman bineensa bosonaa ajjeesanii foon maatii sooru.

Haati isaas magaalaa fi baadiyyaa keessa deddeebi'uun waan walitti argataniin isaan guddisaa akka turte hime.

Dr. Jiinenus ijoollummaadhaan abbaasaa gargaaruun itti gaafatamummaa maatii dhandhamuu eegale.

Hojii qonnaa, ija mukaa funaanuu fi wantoota soorataman adamsee fiduu yeroo eegalu umriinsaa waggaa shan akka hin caalle hime.

Dr. Jiinenus wantoota soorataman kunneen bosona keessa naanna'uun soroba, kanarraa ka'uun wayita jireenysaa ijoollummaa ibsu: ''Nama caalaa bosona waliinan guddadhe,'' jedha.

Rakkoon maatiisaa Dr. Jiinenusiin harka hin kennachiifne, garuu kan inni abdii kutate wayita abbaansaa garmalee dhibaman ture.

Maatiin duraanuu hiyyummaan isaan dararaa ture waan qaban hunda wal'aansa abbaasaatti fixan.

Waan qaban hunda itti fixanii erga yaalchisanii booda abbaansaanii fooyya'e. Garuu erga fooyya'ee yeroo dheeraa booda dhibeen sirna narvii, sammuu fi ispaayinaakoordii isa mudate. Kanarraa bayyanachuu dadhabuun dhiheenya kana boqote.

AbbaansaauUtuma dhukkubsatuu Dr. Jiinenus dabalatee ijoolleesaa barnootarratti cimsaa ture.

Ilmi isaa Jiinenus akka doktara ta'uu eegaa ture, garuu osoo bu'aasaa hin agin dhiheenya boqote.

Jalqabbii imala barnootaa abdii kutachiisaa…

Dr. Jiinenus rakkoo kana hunda keessattis abdii hin kutanne. Hojii qonnaa dabalatee waan hojjetu hunda jaalalaa fi fedhii guddaadhaan hojjeta.

Abdii fi kaayyoo dhoksaa yoo qabaate malee jireenyi isaa waan danda'an hin turre.

Kana hunda keessa taa'ee waa'ee barnootaa yaada. ''Barnooti taliiga jiruu kooti'' jedha. Garuu daandiinsaa qoreedhaan kan guutamedha.

Dhiibbaa jireenyaa guddaa jala osoo jiruu Mana barumsaa Sadarkaa jalqabaa Imbaaboo jedhamutti imala barnootaa eegale.

Mana barumsaa kiilomeetira 7 irraa fagaatu kana dhaquuf daqiiqaa 90 lukaan imala, galas akkasuma.

Hanqina nyaataa fi bishaanii keessatti haala kanaan barnoota eegalus rakkootti harka kennee duubatti hin deebine.

Haalli daran ulfaatus inni bu'aa barnootaa waan durumaan hubate fakkaata. Aarsaa, cichoomina, gatii barnootaaf kaffalamu hundaaf nama of qopheesse fakkaata.

Rakkoo Dr. Jiinenus keessa darbe ijoollee akkasaa hedduutu qooddatu, garuu kan cichoominaan keessa darbu muraasa.

Dr. Jiinenus haala hammaataa keessatti kufanii ka'uun jijjiirama fiduun akka danda'amu gochaan namoota akkasaatti mul'iseera, jiraatee agarsiisee fakkeenya ta'ee kakaaseera.

Akki itti Dr. Jiinenus barnoota jalqabe gaarii hin turre, qabxiin inni kutaa tokkotti argate barataa akkasaa salphaatti kan duubatti deebisu ture.

Barattoota hunda keessaa dhuma bahe, garuu qabxii darbiinsaa (harka 50) waan argateef barnootasaa kutaa itti aanu itti fufe.

Imala barnootaa isaa keessatti boqonnaan haaraa fi guddaan inni jalqabaa kan uumame yeroo inni kutaa afur ga'udha.

Kutaa afuritti Afaan Oromoon dubbisuu eegale, kutaa shanaffaatti ammoo Afaan Ingilishii dubbisuu jalqabe.

Yoona kanadha kan inni mi'aa barnootaa sirriitti dhandhamuu eegale. Yeroo kana kutannoon inni barnootaaf qabus karaa qabachuufi waliigalatti karaan barnootaa isaaf qajeeluu ibse.

Hamilee fi kutannoo irraa mul'atuun alatti gaafa sana qaamni isaa kan hiyyummaan miite akka ta'e sirriitti irraa mul'ata.

Hiriyoota waliin baratu keessaa umriinsaa xiqqaa ture, sanarratti nama hiyyummaan miite.

Yeroo garii eegdonni mana barumsaa barataa ta'uusaa akka shakkanfaa dubbate.

Wayita lukaan mana barumsaa deemu miidhaan miillasaarra ga'e ni mul'ata. Miilli luqqa'ee yeroo garii dhiigi irra yaa'a. Qeensi isaa sababa kanatti irraa ka'eera.

Dhoqqeen gannaa fi awwaarri bonaa dabaree irratti wal jijjiiruun bifi isaa daaraa fakkaateera.

Kana hunda danda'ee hamilee ofii cimsee, of jajjabeessee barnoota sadarkaa jalqabaa milkaa'inaan xumurate.

''Godaannisi koo kabaja kooti, ittiinan boona,'' jedha.

Dr. Jiinenus yerooma sana abdii maatii fi ollaa isaa ture. ''Barnooti kee kan jireenya hunda keenyaa jijjiiruudha,'' jechi abbaasaa kun yeroo mara gurrasaa keessaa bilbila.

Haala hammaataa keessatti cichoominaan hojjetee akka injifatuufis yeroo hunda hamilee ta'aaf.

Kutaa saddeettaffaatti ministirii qabxii 99.8 wayita fidu, qabxii guddaan kun addunyaa barnootaa keessatti egeree ifaa ta'e akka qabu mirkaneesseef.

Dr. Jiinenus barnoota sadarkaa lammaffaa Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Komboshaatti itti fufe. Mana maatii isaarraa gara mana barumsaa kana deemuuf Kiilomeetira 30 lukaan imalee ture.

Magaalaa manni barumsaa kun keessatti argamu keessa jiraachuun humna isaan oli.

Garuu wayita dirqama ta'u barattoota kaan faana kutaa tokko [hanga nama saddeetii ta'uun] kireeffatanii baasii qooddatanii jiraatu.

Dr. Jiinenus hiyyeessa ta'us kutannoo barnootaaf qabu hin hir'sne, inumaa itti cimaa deeme.

Gosa barnootaa akkaan isa hojjechiisanii fi sammuunsaa akka waa gaafatu isa taasisan irratti xiyyeeffataa yaadota qorannoo ganamumaan burqisiisuu eegale.

Yeroo isaa- qormaataa fi mirkaa'ina barnootaan walmake, kana keessatti Dr. Jiinenus barsiisota isaarraa tumsa murteessaa argachaa ture.

Barsiisonni ga'umsa isaatti gammadan gama barnootaan qofa osoo hin taane soorataa fi uffataan isa tumsaa turan.

Dr. Jiinenus barnoota sadarkaa lammaffaatti baayyee milkaa'e. Daree isaa keessaa tokkoffaa, akka waliigalaatti ammo lammaffaa ba'aa ture.

Qorumsa biyyaalessaa (maatirikii) kutaa 10ffaa qabxii 4.0 fide.

Muuxannoon barnootaa isaa kun, cichoominnii fi kutannoon rakkoo kamuu injifachuun gara boqonnaa milkaa'inaa fi egeree ifaatti ce'uuf bu'uura ta'uu isaaf mirkaneesse.

Dhiibbaa hiyyummaafi xaxaa siyaasaa jalatti akkamiin barnootaan milkaa'uu danda'e?

Dr. Jiinenus barnoota sadarkaa lammaffaa erga milkaa'inaan xumuree booda barnoota qophaa'inaa- kutaa 11 fi 12, Mana barumsaa Qophaa'inaa Shaambuutti barate.

Yeroo kana ammoo qormaati Dr. Jiinenus hiyyummaa qofa hin turre, xaxaan siyaasaas itti dabalame.

Guyyaa tokko osoo qormaata xumuraaf gara mana barumsaa deemuu waan isa mudate yoomuu hin dagatu.

Poolisoonni gareedhaan daandii irratti qabachuun baayyee miidhan, ilkaan tokko yeros irraa cabsan- balaa fi gadadoo jireenyaa isa mudatan kan isa yaadachiisan keessaa tokko kana ta'uu hima.

Dr. Jiinenus qormaata xumuruun qe'eesaa, bakka loltoonni mootummaa weeraranii turanitti, deebi'uun dirqama ture.

Erga deebi'ee torban booda ''hiriira mormii fi sochii siyaasaa keessatti hirmaate'' himannaa jedhuun poolisoonni federaalaa 71 ta'an manasaanii weeraruu hime.

Yeroo sana dargaggoo waan tureef poolisoonni dhaadannoo lubbuusaaf sodaachisu irratti dhaadatan.

Ajajaan waraana sanaa waan gidduu seeneef lubbuunsaa guyyaa sana baraaramus, garuu torban lamaaf mana dukkanaa keessatti hidhame.

Dr. Jiinenus mana hidhaa sana keessaa nan ba'a jedhee akka hin yaadnee fi ''gargaarsa Waaqaa'' qofaan akka ba'e hime.

Erga mana hidhaa sanaa gadhiifamees barnootasaa itti fufuun gara ga'umsa isaa duraatti deebi'e.

Kutaa 12ffaatti qormaata seensa yuniversitii erga fudhatee booda gara manaatti deebi'uun hojii qonnaan maatiisaa gargaaruu itti fufe.

Ammas rakkoo fi balaan inni hin eegne isa mudate. Namuma ollaasaatu ''mootummaarratti hamaa dubbata'' jechuun lubbuusaa baasuuf itti game.

Aanga'aa mootummaa sadarkaa olaanaa waliin ta'uun isa ajjeesuuf akka karoorsan hime.

Dr. Jiinenus doorsisa lubbuusaatti dhufe sana jalaas akkaataa hin eegamneen jalaa ba'e, isattiyyuu raajii ta'e.

Haata'u malee kun ta'ee torbanoota muraasa booda Dr. Jiinenus hidhaatti darbame. Wayita kana jireenyi maatiisaa baayyee jeeqame.

Manni isaanii namoota dhuunfaa mootummaa keessa turaniin weeraramuun qabeenya isaanii irraa buqqisuu fi maatiin isaas hidhaatti guuramuu hime.

Dr. Jiinenus jalqaba waajjira poolisii naannoosaa jirutti hidhamuun booda cancalaan hidhamee gara mana hidhaa godinaatti dabarfame.

Rakkinatti barus garuu jireenyi mana hidhaa inni alanaa baayyee akka itti ulfaate hime.

Qabiinsi akkaan gadi bu'aadha. Hanqina nyaataa, bishaanii fi iddoo ciisichaa cinaatti rakkoon qulqullinaa lubbuuf kan sodaachisu ture.

Isa dhibameef wal'aansi fayyaa hafee dawaa ija tokkollee argachuun waan yaadamu miti.

Dr. Jiinenus hiyyummaasaa irratti dabalataan rakkoo kana wayita qooddatu ammallee harka hin kennine.

Mana hidhaa keessattis abdii kutatee hin teenye. Akkas jechuun waan keessa darbe ni dagata jechuu miti.

Garuu akka mana barumsaa tokkootti itti fayyadamuun bu'aa bayii jireenyaarraa barata. Akkuma miidhamu irraas fayyadama.

Nama mana hidhaatti isa gaafatu hin qabu, maatiin hunduu rakkoo keessa jiru.

Dr. Jiinenus rakkoosaa kana taa'ee taajjabuurra manuma hidhaa sana keessatti karaa ittiin maallaqa wayii argatu mala dhahuun dirqamasaa ture.

Teenisii taphachiisuun ''guyyaatti birrii tokko argachuun jalqabe,'' jedhe. Kunis baayyee buusuufii waan hin dandeenyeef ni dhiise.

Garuu dhiisee taa'e osoo hin taane mala biraa malate.

Fiilmii, diraamaa fi muuziqaa TV dhaan hidhamtootatti agarsiisuun waan ittiin jiraatu argachuuf tattaafachuu itti fufe. Kanarratti hanga tokko milkaa'eera.

Dr. Jiinenus kana cinaatti haqa isaafis qabsaa'aa ture. Jalqaba wayita manni murtii godinaa akkanni balleessaa hin qabne amanu qabsoonsaa waan milkaa'e itti fakkaatee ture.

Garuu wayita manni murtii kun of duuba deebi'ee hidhaa waggaa 7 fi walakkaa itti murteessu haqi isaa sarbamuu hubate.

Wayita murtoonsaa dubbifamu osoo imimmaan irra lola'uu akkas jedhe Dr. Jiinenus:

''An yakkamaa miti, nama qulqulluudha. Eenyuunuu hin miine. Himannaan kun maqa-balleessiidha. Maatii hiyyeessa keessaan dhufe. Kaayyoon koo barnoota fayyaa [medicine] baradhee uummata koo gargaaruudha.''

Jecha isaa kanaaf namuu gurra hin kennine. Inumaa abbaan seeraa amala inni agarsiise kanaaf akka adabbiisaatti waggaa dabalu itti dhaadate.

Booda tarkaanfii ittiin dhaadate kana keessa deebi'ee ilaaluun dhaddachi Dr. Jiinenus akka sa'a boodatti darbu ajaje.

Dhaddacha waaree boodaa irratti hidhaan dabalataa waggaa afurii kun irraa ka'uu murteesse abbaan seeraa itti dhaadate sun.

Guyyaa murtii adabbii- guyyaa lubbuusaa balleessuuf yaale…

Dr. Jiinenus adabbiisaa waggaa torbaa fi walakkaa fudhatee wayita gara mana hidhaatti deebi'u gadda hamaadhaan liqimfame.

Abdii kutannaarraa kan ka'e mana hidhaatii miliquuf akkasumas lubbuusaa balleessuuf yaaleera.

Mana hidhaa sanatti qaamaa fi qalbiin miidhame. Gaddasaa baasee yoo ibsate waan adabbiinsaa itti cimuuf dhoksee ykn keessa isaatti boo'a.

Yeroo sana Dr. Jiinenus yaadasaatu guddaadha malee qaamaan nama guddaa miti, humnas hin qabu.

Garuu akka hojii humnaa hojjetu dirqamsiifamaa ture. Guyyaa tokko eegdonni mana hidhaa ba'aa humnaa olii (dhagaa fi muka) itti fe'uun aduu keessatti kufe. Kaaniif qoosaa ta'us isaaf garuu godaannisa yoomuu hin dagatamnedha.

Dr. Jiinenus yeroo sana nama yuniversitii seenuu male ture. Barnootasaarraa duubatti hafuu caalaa wanti isa dhiphisu hin turre.

Duuba mana hidhaa Naqamteetti akka isa dabarsan aanga'oota mana hidhaa keessa jiruutti iyyachuu jalqabe.

Kaayyoon isaa Yuniversitii Wallaggaatti siqee manuma hidhaa keessa osoo jiruu carraa barnootaa yaaluuf ture.

Deddeebi'ee erga iyyatee booda eeyyama argatus gara mana hidhaa magaalaa Naqamteetti imaluun isaaf qormaata biraa ta'e.

Rakkoo meeqa dandamatee achi ga'us qormaati guddaan isa mudate. Kutaa sirreeffamtoota 365 qabatetti dabalame. Sanuu inni waan bakka hin qabneef lafa (simmintoorra) ciisuuf dirqame.

Torbee lama booda bakka meeshaan hidhamtoonni itti fincaa'an kaa'amu, kan ganama keessaa dhangalaafamu, cinaadhaa iddoon inni ciisu kennameef.

Bobbaan fagoottuu ajaansaa nama hin teessifne bakka Dr. Jiinenus ciisutti yaa'a. Taateen kun hamileesaa baayyee tuqe.

Boo'icha, gadadoo, yaaddoo… jiruusaa guyyuu ta'an. Isaa boo'uu poolisiin yoo arge ija shakkiitiin ilaala.

Guyyaa tokko poolisiin tokko osoo inni boo'uu argee akkas jedheen: ''Mana hidhaa biraa irraa dhuftee asittis guyyuu boossa, miliquuf karoora qabdaa?''

Poolisiin sun yoo inni ajaja fudhachuu didee akkanaan itti fufe akka cancalaan lukasaa hidhu akeekkaciise.

Garuu kan barri miite, kan wanti hundi itti dabe akkamiin imimmaan qabataree? Dr. Jiinenus rakkoosaa imimmaanitti obsuu ittuma fufe.

Guyyaa tokko osoo inni biiroo bira dhaabatee boo'uu hoogganaan mana hidhaa isa argee waame. Kun waan yaadasaa ibsachuuf carraa ta'eef.

Yuniversitii Wallaggaatti barnootasaa akka itti fufuu barbaaduu fi kaayyoo qabu bal'inaan ibseef.

Wayita kana aanga'oonni poolisii mana hidhaa sanaa garaa laafaniifii yaadasaa dhaggeeffatanis, garuu haala kana keessatti hidhamuunsaa seera qabeessa ta'uu yaada kennan.

Jalqabuma erga yaada akkanaa qabaatee maaliif akka hidhame gaaffii itti ta'e.

Dr. Jiinenus gaaffiin dhiheeffate fudhatama dhabus abdii kutatee hin teenye.

Barattoota akkumasaa barnootasaanii adda kutanii hidhaman barsiisuu eegale.

Baayyinaan barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessaa qabamanii isa waliin hidhaman gargaaruutti yeroosaa dabarsuu eegale.

Sochiinsaa kunis dhokatee hin hafne, kutannoon inni barnootaaf qabuu fi kaanis barnoota irratti gargaaruuf qabu bulchiinsa mana hidhaa sana biratti fudhatama guddaa argate.

Mana hidhaatii deddeebi'ee baratee qabxii olaanaan eebbifame

Dr. Jiinenus sirreeffamtoota bara haaraatti dhiifamni akka godhamuuf ulaagaa guutan keessa ture.

Garuu kutannoon barnootaaf qabu akkaan olaanaa ta'us iyyati isaa fudhatama hin arganne.

Inni garuu ammas barnootasaarraa abdii hin murre. Mana hidhaatii yuniversitiitti deddeebi'ee barachuuf gaaffii dhiheeffate.

Dandeettii fi kutannoo Dr. Jiinenus kan hubate hoogganaan mana hidhaa sanaa Yuniversitii Wallaggaatti galmaa'ee simisteera tokkollee baratee yoo barnootasaa adda kutellee yeroo biraa deebi'ee akka barachuu danda'uuf haala mijeessuufii eegale.

Akka Dr. Jiinenus guyyaa baratee galgala gara mana hidhaatti deebi'uufillee xalayaadhaan yuniversiticha gaafateera.

Garuu pirezidantiin yuniversitichaa ''yakka itti murtaa'ee fi haala mana hidhaa barnootaaf hin mijanne'' akka sababaatti eeruun fudhachuu dide.

Dr. Jiinenus ammas didamuu kanaan abdii hin kutanne. Poolisiidhaan dabaalamee kallattiidhaan gara yuniversitichaa deemuun pirezidantii itti aanaa argatee yaadasaa ibsate.

Qondaalli yuniversitichaa erga yaada Dr. Jiinenus dhaggeeffatee booda yeroofillee ta'u akka barnootasaa eegalu jajjabeesse.

Haala kanaan galmaa'ee wayita barnoota eegalu barattoonni daree isaa kaan torban lama barataniiru.

Barnooti ganama sa'atii lamaa hanga waaree booda sa'atii 11tti kennama, manni hidhaa ammoo ganama sa'atii saditti banamee waaree booda 11tti cufama.

Haala kana keessatti Dr. Jiinenus guyyuu daree tokko ykn lama osoo isa darbuu barataa ture.

Dabalataan to'annoo poolisii jalatti barnootasaa hordofuun dhiibbaa irratti uumeera, poolisii isa dabaaluufis kan durgoo kaffalu isa.

Ganama yeroo hunda poolisii isaaf mallatteessee fuudhee isa ba'u barbaada. Adeemsi kun akkanni yeroodhaan barnoota daree hin qaqqabne dhiibbaa itti uuma.

Garuu poolisiin tokko fedhumasaatiin simisteera tokkoof akka isa dabaalu wayita murteessu Dr. Jiinenus irraa ba'aa wayiitu bu'e. Ammoo rakkoon maallaqaa ammallee hudhee qabeera.

Guyyuu gatii geejjibaa argachuu waan hin dandeenyeef mana hidhaarraa hanga yuniversitiitti fageenya sa'atii tokkoo lukaan deemuuf dirqameera.

Waldaalee amantii fi dhaabbilee adda addaa gargaarsa gaafatus argachuu hin dandeenye, kun barnootasaarratti dhiibbaa guddaa uume. Imala galma isaa baayyee qore.

Mana hidhaa inni keessa turetti barnoota qayyabachuun waan salphaa miti, hin yaadamuyyuu.

''Ibsaan hin jiru, wayita roobu kutaan isaanii ni dhimmisa, roobni waan seenuuf uffataa fi meeshaalee barnootaa isaa balleessaa bula,'' jechuun rakkoowwan isa mudatan keessaa muraasa eera Dr. Jiinenus.

Kanuma keessaa yeroo qo'annaa isaa kan duraan sa'atii tokko ykn lama ture itti dabaluun ifa dungootiin dubbisaa ture.

Dr. Jiinenus garee warra daabboo hojjetanii waliinis galuun hojii gargaaraa ture. Galmi isaa inni guddaan garuu ifa abiddaa warra mana hidhaa keessatti daabboo ittiin tolchaniin dubbisuudha.

Halkan sa'atii saddeetitti wayita isaan ka'an waliin ka'ee ifa abiddaan dubbisa.

Yeroo garii abiddi uffatasaa guba, inni garuu daaraa uffatasaa tuqe sirriitti irraa miiccee abiddaan qoorsee ganama daree gala.

Rakkoon itti hammaattus Dr. Jiinenus simisteera jalqabaa qabxii 4.0 (A ja'aa fi A+ lama) fiduun milkaa'inaan xumure.

Qabxii guddaan xumuruunsaa akka xiyyeeffannaa argatu isa taasise. Hoogganaan mana hidhaa barnoota simisteera lammaffaas akka itti fufu eeyyameef.

Dr Jiinenus yeroo hunda wayita milkaa'ina akkanaa barnootasaan argatu waan of yaadachiisuu fi of amansiisu tokko qaba:

''Kan mul'ate kana caalaa hojjechuu nan danda'a,'' jedha. Milkaa'inni akka daangaa hin qabne amana.

Wayita inni barnootasaa itti fufutti dhiibbaan gama aanga'ootaa, miidiyaa fi qaamolee mootummaan irratti hammaate.

Hoogganaan mana hidhaallee sababa kanatti rakkoo seenuu fi doorsisi isa mudachuu dubbate Dr. Jiinenus.

Akkasis ta'ee xumura barnootasaa simisteera lammaffaarratti oduu aagaa dhagahe. Manni Murtii Waliigalaa yakka ittiin adabamerraa qulqulluu ta'uusaa amanuun akka inni gadhiifamu murteesse.

Taateen kun gadadoo, rakkinaa fi yaaddoo Dr. Jiinenus irratti walga'aniif beenyaa kaffale.

Miirri mo'ichaa, cichoominaa fi kutannoon rakkoo dura dhaabatanii injifachuu ammas isa dhuunfate.

Dr. Jiinenus waggaa lama dabaan erga hidhamee booda bilisa ba'uun gara mooraa yuniversitii seenuun doormii galee qormaata xumuraaf qophaa'uu itti fufe.

Dukkana mana hidhaa keessatti qo'ataa turee wayita mooraa yuniversitii seenu addunyaa biraa itti fakkaate.

Ibsaa elektirikiitiin qo'achuu, mana kitaabaatti dubbisuu fi barattoota faana jiraachuun haaraa itti ta'e.

Doormiis maqumaaf seene malee bakka irra ciisu hin qabu. Waan uffatus hin qabu. Kanaaf hiriyootasaa kaanirratti hirkatee jiraachuuf dirqame.

Haalota akkaan hamaa ta'an keessatti cichoominnii fi kutannoon Dr. Jiinenus agarsiise yuniversitii keessatti firii godhachuu eegale.

Sirna simannaa barattoota idileef taasifame irratti badhaasa barataa cimaaf kennamu argateera.

Birrii 500 wayita badhaafamu jireenyisaa boqonnaa haaraatti akka ce'e hubate.

Dr. Jiinenus wayita waggaa sadaffaatti darbu dhibame. Miidhaa mana hidhaatti irra ga'etu rakkoo fayyaafi isa saaxile.

Hanqinni nyaataa mana hidhaatti isa mudate dhukkuba garaachaa fi mar'imaanii itti ta'e. Kanaanis hospitaalatti deddeebi'uuf dirqame.

Dr. Jiinenus rakkoo fayyaan wal'aansoo qabaa qormaata ykn daree barnootaa tokko dabarsee hin beeku.

Kutannoonsaa hamma giluukosii harkatti baatee daree seenuun barnoota hordofuutti ture.

Haata'u malee dhibeen kun itti hammaachuun gara kaansarii garaachaatti jijjiirame, wayita kana wal'aansa dabalataaf gara Finfinnee imaluun dirqama itti ta'e.

Tumsa maallaqaa barattoonni fi tola ooltonni taasisaniifiin wal'aansa ga'aa argatee yaalii baqaqsanii hodhuu malee irraa bayyanate.

Dr. Jiinenus bararattoota Itoophiyaa ciccimoo 22 yuniversitiiwwan biyyattiirraa filamanii bara 2011 carraa gara Chaayinaa imaluun sagantaa Shenzen Summer Universiade 26ffaa irratti hirmaachuu argatan keessa ture.

Barattoonni Itoophiyaa kunneen waan sagantaa kanarraa baratanii fi taajjaban qixeessuun wayita gara biyyaatti deebi'an akka dhiheessan hoji-maneen kennameefii ture.

Dr. Jiinenus wayita deebi'u imalasaarratti waan taajjabee fi waan barate qixeessee dhiheesse.

Dokumantiin inni dhiheesse aanga'oota Itoophiyaa biratti fudhatama guddaa argate. Dirree siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi aadaa Itoophiyaa keessatti barreeffama bu'aa guddaa qabu ta'uu hubatanii ol kaayyatan.

Haata'u malee ammas gufuun biraa hin deebine. Bara 2013 Naqamteetti utuu hospitaala irraa gara mooraa yuniversitiitti deebi'uu balaan konkolaataa isa mudate.

Balaa sanaan hedduun miidhamanis, Dr. Jiinenus garuu fayyaa ba'e.

Wayita yuniversitii turetti dirqama hogganummaa adda addaa fudhatee hojjetaa ture. Kun ammoo akka dandeettii jaarmiyaa hoogganuu fi waa qindeessuu gabbifatu isa gargaare.

Kilaboota mooraa keessa jiran hedduu keessatti hirmaannaa qaba, ni qindeessas.

HIV/AIDS, nageenya, kubbaa miillaa fi bulchiinsa yuuniyenii barattootaa keessatti qooda olaanaa qabaachaa ture.

Hiyyummaa, mana hidhaa, dhukkuba, itti gaafatamummaa bulchiinsaa…kana hunda keessa darbee dhumarratti qabxii olaanaa, 4.0 fiduun eebbifame.

Bara 2013 wayita eebbifamu badhaasa meedaaliyaa fi waancaa argate.

Dhaabbata Qorichaa Itoophiyaa fi jaarmiyaalee hedduurraa badhaasa gosa adda addaa argateera.

Milkaa'ina inni galmeesse kanaaf beekamtii kan kenne Ministeerri Barnootaa laaptooppii badhaaseera.

Kun addunyaa barnootaa Dr. Jiinenus keessatti boqonnaa haaraa fi akkaan murteessaa ta'edha.

''Barnooti gaachana kooti''

Dr. Jiinenus erga eebbifamee Yuniversitii Wallaggaatti hafee akka barsiisu carraa argatus, carraa iskoolaarii barbaachaaf garuu gadi taa'ee hin beeku.

Haata'u malee bara 2015 barnoota Clinical Pharmacy jedhamuun digiriisaa lammataa (mastarsii) Yuniversitii Jimmaatti eegale.

Bara 2017 barnootasaa kana qabxii guddaa 3.94 ta'een xumuruun qorannoo fudhatama guddaa argate qorachuun erga xumuree booda gara Yuniversitii Wallaggaatti deebi'uun tajaajiluu itti fufe.

Haata'u malee yeroon kunis Dr. Jiinenusiif yeroo qormaataa ture. Sababa matta'aa fi malaammaltummaa irratti qabsaa'eef hidhaa bu'uu dabalatee rakkoo danuutu isa mudate.

Yeroo sana haala rakkisaa keessa taa'ee ''Barnoonni meeshaa kooti, gaachana kooti,'' jechuun ifatti labse Dr. Jiinenus.

Fuulduratti ba'ee dubbachuunsaa diina baayyee itti hore. Namoonni dhuunfaa humna qaban irratti qindaa'uun lubbuusaa baasuuf yaaluu dubbate.

Dr. Jiinenus balaa isa mudate kana dheessuuf kutaalee mooraa yuniversitichaa fi magaalaa keessa naanna'ee bakka dhokannaa barbaaduuf dirqame.

Haata'u malee haalli kun kutannoo inni of fooyyessuu fi muuxannoo bulchiinsaa horachuuf qabu duubatti hin deebisne.

Hojii barnootaa idileen alatti hojii dabalataa irratti hirmaachuu itti fufe. Namoota HIV/AIDS qaban, kanneen hidhaan itti murtaa'e fi daa'imman yatiima dabalatee qaamolee hawaasaa miidhaman gargaaruutti ciche.

Miindaa isaa kanneen rakkatan waliin qooddata, inumaa dhumarratti maallaqi kiisii isaa keessaa hamma dhumutti nama gargaara.

Fedhii namoota tajaajiluuf qaburraa kan ka'e bara 2019 jaarmiyaa tola ooltummaa – Dhalooti Dhalootaaf (Generation For Generation Charity- GFGC) jedhamu hundeessee ture.

Kaayyoon jaarmiyaa kanaa dhalootatti abdii horuudha. Hojii ijoonsaa daa'imman haadhaa fi abbaa hin qabne kanneen rakkoo diinagdee, dhibee HIV/AIDS fi bakka jiraatan dhabuun gidirfaman gargaaruudha.

Dr. Jiinenus cunqursaa haqa dhabuun irra ga'e fi hiyyummaa hamaa dandamachuun bayyanatee of qofa kiisuurratti hin xiyyeeffanne. Kallattummaan namoota jireenya akkasaa dhandhamaa jiran gargaaruutti seene.

Damee ispoortii keessatti hirmaannaa guddaa qaba. Keessattuu kubbaa miilaa fi Taekwondo keessatti baayyee hirmaata.

Federeeshinii Taekwondo Idiladdunyaarraa qabattoo gurraacha (black belt) fi digirii- Daanii jalqabaa argateera.

Akkasumas kubbaa miillaan Yuniversitii Wallaggaa dabalatee kilaboota adda addaa keessatti hirmaachuun taphateera.

Yuniversitii Wallaggaatti hooggansi isaa fedhii dhuunfaa bira kan darbu ture. Barattoota saayinsii gorsuu, sochii barnootaa barattoota fayyaa hordofuu akkasumas tumsuu, qorannoo barattoota digirii jalqabaa fi lammaffaa hordofuurratti xiyyeeffata.

Barnoota hojii qabatamaan deeggaramee fi qorannoorratti akka xiyyeeffatan gorsa ogummaa kennuun beekama.

''Haalli rakkisaan bakka itti kaayomani''- Imala gara Hong Kong

Dr. Jiinenus gama barnootaan guddinni akka hin dhaabbannetti amana. Kanaaf erga digiriisaa lammaffaa (maastarsii) baratee Yuniversitii Wallaggaatti hojii jalqabees carraa barnootaa soquu ittuma fufe.

Yaalii yeroo dheeraa fi akkaan hifachiisaa ta'e booda yuniversitii- Chinese Universiy of Hong Kong (CUHK) jedhamutti carraa digirii sadaffaa (PhD) gosa barnootaa Faarmaasiin barachuu argate.

Dr. Jiinenus wayita Adoolessa 20, 2020 gara Hong Kong imalu ammas rakkoon achitti isa mudate.

Barnoota kilinikaal faarmaasii Itoophiyaatti argate qofa qabatanii gara addunyaa faarmaasii akkaan walxaxaa fi bal'aa ta'eetti seenuun itti baruuf ifaajee guddaa gaafata.

Kanarratti dabalataan yeroon inni garas imale yeroo weerara COVID-19 ture, kunis qormaata dabalataati.

Qaamaan argamuun waan hin danda'amneef barnootasaa fageenyarraa barachuuf dirqameera.

Dr. Jiinenus akkuma yuniversiticha seenee barnoota eegaleen dhibeen hin eegamne irratti mul'ate. Mataa bowwuu fi qama caccabsuun qabee baayyee itti hammaate.

Dhukkibbiin inni koomee isaarraa qabus itti hammaachuun hanga sochii dadhabuutti ga'e. Sababa kanatti kilnikootaa fi hospitaalatti deddeebi'aa ture.

Dr. Jiinenus rakkoo dandamachuu itti beeka. Hong Kong erga ga'ees rakkoo fayyaa dabalatee rakkoowwan isa mudatan hunda dandamatee barnootasaan dorgomaa ta'uu itti fufe.

Jireenya hawaasummaatiinis hin komatamu. Keessattuu hirmaannaa kilaboota kubbaa miillaa keessatti taasiseen hiriyoota hedduu horate. Kun ammoo yeroo rakkisaa keessa abdii kutannaa tokko malee akka darbuuf isa gargaare.

Dr Jiinenus yuniversitii CUHK jedhamu kana seenuunsaa qorannoof karaa baneef.

Qorannoon PhD isaa teeknooloojii fayyaa to'annoo dhibee daranyoo sombaaf (TB) oolchuun dhiibbaa dhibeewwan adda addaa jalaa akkamiin dhala namaa haala salphaan baraaruun akka danda'amurratti xiyyeeffata.

Qorannoonsaa ogeeyyii fayyaa hojii wal'aansa fayyaarratti argamanii fi seera baastota biratti fudhatama guddaa argate.

Qorannoo beekamtii guddaa argate ta'uun toora qorannoowwan bebbeekamoo addunyaa keessa galuun maxxanfameera.

Dr. Jiinenus qorannoosaa kana bara 2023 wayita sagantaa ISPOR jedhamu kan Bostanitti qophaa'erratti affeeramuun dhiheessu xiyyeeffannoo aanga'oota fayyaa addunyaa keessa gale.

Barnootasaa PhD ga'umsa olaanaan waan xumureef badhaasaa fi beekamii qaamolee garaagaraa yuniversitii, mootummaa Hong Kong fi jaarmiyaa saayintistoota egeree- Bright Future Leading Scientist Scholarship jedhamurraa argateera.

Amajjii 2023 affeerraa kabajaan CUHK bakka bu'uun kora saayinstoota oladeemoo ta'anii Global Young Scientists Summit (GYSS) jedhamu kan Singaapor keessatti qophaa'erratti hirmaateera.

Kora sanarratti looreetiiwwan badhaafamtoota Noobelii fi saayintistoota bebbeekamoo faana mari'achuuf carraa argateera.

Kun ammoo ilaalcha inni qabuu fi mul'ata inni qorannoof qabuuf carraa bal'iseef.

Sochii Dr. Jiinenus keessatti rakkoon dhabamee hin beeku. Yeroo kanas xiyyaarri inni ittiin gara Singaapoor imalaa ture sababa mootarri rakkoo godhateef Veetnaamitti tasa qubachuun rakkoon isa mudatee ture.

Haata'u malee Dr. Jiinenus rakkoon mudate jedhee duubatti hin deebine. Guyyaa itti aanu sagantaa kanarratti argamuun milkaa'inaan xumure.

Gumaacha taasise kanaafis CUHK irraa badhaasa Reaching Out Award jedhamu argateera.

Dr. Jiinenus erga PhD eebbifamee booda yuniversitii City University of Hong Kong jedhamutti hojii eegale. Dabalataan yeroo ammaa Yuniversitii Wallaggaatti pirofeesara gargaaraadha.

Onkoloolessa 10, 2023 ga'een qorannoo, barsiisuu, barattoota hordofuu fi to'achuu akkasumas itti gaafatamummaan bulchiinsaa kennameefii hojiitti seene.

Ga'eensaa hanga barattoota maastarsii fi PhD hordofuu fi adeemsa qorannoo isaanii keessatti tumsuutti fulla'a.

Saayintistoota addunyaa %2 keessaa tokko

Qorannoowwan Dr. Jiinenus qabiyyeewwan saayinsii fayyaa kanneen akka pharmacotherapy, pharmacoepidemiology, waliinga'iinsa fayyaa- health economics fi wal'aansa dhibeewwan akkaan balaafamoo ta'aniirratti xiyyeeffatu.

Waliigalatti hanga oduun kun qindaa'utti qorannoowwan 135 caalan qorachuun maxxansiiseera.

Yuniversitiin Istaanfoord gabaasa isaa hojii saayinstootaa addunyaarratti beekamoo ta'anii fi qorannoonsaanii akkaan wabeeffataman dhibbeentaa lama ta'an irratti baase kan bara 2023 hanga 2025 keessatti maqaa Dr. Jiinenus eereera.

Dr Jiinenus bara 2024 qorannoo rakkoolee yeroo ulfaa fi qorichoota fudhatamuu qaban irratti gaggeesseef maallaqa gargaarsaa Doolaara Hong Kong kuma 780 Biil fi Melindaa Geetis irraa argateera.

Qorannoon kun rakkoo Chaayinaa keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, qorichoota Aspirin fi Metformin jedhaman keessaa kamtu rakkoolee ykn dhibeewwan yeroo ulfaaf fudhatamuu qabu kan jedhurratti ture.

Akka hoogganaa damee ikkonoomiksii fayyaa fi qorannoo fayyummaa dhala namaatti Dr. Jiinenus bu'a qabeessummaa Aspirin fi Metformin [gama faayidaa qorichoota kunneenii fi gatii isaaniin] sakatta'uu eegale.

Qorannoo kanas CUHK dippaartimantii Wal'aansa Dubartoota Ulfaa fi Gadameessaa- Obstetrics and Gynecology fi Hospitaala Prince of Wales jedhamu faana hojjete.

Dr. Jiinenus CUHK bakka bu'uun sagantaalee murteessoo ta'an danuurratti hirmaateera.

Kongireesii Saayintistoota Oladeemoo-IV Young Scientists Congress Raashiyaa magaalaa Sochi fi kora dandeettii addaa dargaggootaa Foshan International Youth Talent Conference kan Foshan, Chaayinaatti gaggeeffamerratti hirmaateera.

''Haalli rakkisaan bakka itti kaayomanidha, iddoo kaayyoon itti qajeeluudha,'' jedha Dr. Jiinenus.

Milkaa'inni fi rakkoon Dr. Jiinenus yeroo hunda walfaana deemu. Hagayya 2025 ammoo miidhaa koomee isaa mudateen Hong Kong keessatti oppireeshinii ta'e.

Wal'aansi kun yeroo dheeraa kan fudhate ture, Dr Jiinenus kanarraa dafee bayyanachuu dhabuunsaa hojiisaarratti dhiibbaa guddaa uume.

Haata'u malee kanuma keessaa jabaatee hojiisaa itti fufe. Erga oppireeshinii ta'ee yeroo ji'a hin caalle keessatti Onkoloolessa 2025 sagantaa IDWeek jedhamu kan USA bulchiinsa Atlaantaa, Joorjiyaa keessatti gaggeeffamarratti qaamaan argamuun qorannoosaa dhiheesse.

Sagantaan kun kora fayyaa waggaatti gaggeeffamu yoo ta'u dureewwan beektotaa jaarmiyaa ittisa dhibeewwan daddarboo Ameerikaa- Infectious Diseases Society of America (IDSA), Society for Healthcare Epidemiology of America (SHEA), HIV Medicine Association (HIVMA), Pediatric Infectious Diseases Society (PIDS) fi Society of Infectious Diseases Pharmacists (SIDP) jedhamanirraa argamantu irratti hirmaatan.

Dr. Jiinenus sagantaa dureewwan eegumsa fayyaa, qorattoonni fi namoonni imaammata fayyaa baasan irratti walitti dhufan ISPOR Europe 2025 jedhamu kan Sadaasa darbe Iskootlaand, Gilaasgootti qophaa'errattis hirmaacteera.

Itti aansee ammoo waraqaa qorannoo isaa ittisa dhibee daranyoo sombaa irratti hojjete Afrikaa Kibbaatti dhiheesseera.

Dr. Jiinenus Muddee darbe kora beektota dargaggoota ta'anii Yuniversitii Jiinan keessatti qophaa'e Global Forum for Outstanding Young Scholars jedhamurratti hirmaateera.

Yeroo ammaa yuniversitiiwwan lama City University of Hong Kong fi Yuniversitii Wallaggaatii hojjetaa kan jiru Dr. Jiinenus hojii qorannoorratti xiyyeeffachuun addunyaaf kana caalaa akka gumaachu abdata.