Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haaloo bahiinsi Iraan ittisa humna qilleensaa US gaaffii keessa galchaa jira
Iraan humna galaanarraa US kan Baahireen keessaa irratti xiyyeeffachuun haleeluun humni ittisa haleellaa qilleensaa US hanqina qabaachuu waan akeekuufi Waashingtanii fi michoota ishee naannichaa waan yaaddessuuf jirudha.
Viidiyoowwan misaayeloonni fi diroononni wiirtuu buufata waraana US kan Baahireen keessaa, US Fifth Fleet, jedhamu haleeluu mul'isaniiru.
Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe hin gabaafamne. Waraanni Ameerikaa haleellaa kana dursee tarkaanfii eeggannoo fudhachuufi hojjettoota isaa baasuu fudhachuu hin oolle.
Ajajaan Royal Navy duraanii Toom Shaarp, Baahireeen duraan iddoo qiyyaafannoo ijoo Iraani garuu gama haleellaa qilleensaan xiyyeeffannoon irra ture jabaa miti jedha.
Garuu yeroo ammaa viidiyoon dirooniin Iraan Shahed jedhamu saffisa olaanaa hin taanen daangaa ittisa qilleensaa ishee wayita cabsu mul'isu argaa jirra.
Yukreen osoo ta'ee dirooniin akkanaa hidhannoo qawwee jabaadhaan lafa buufama ture.
Torbaanota muraasa darban, US sirna ittisa qilleensaa dabalataa gara Baha Jiddu-galeessaa bobbaasuu gabaafamee ture.
Sirni ittisaa kunneen sirna ammayyaawoo THAAD fi Patriot jedhaman kan misaayeloota baalistiikii qolatanii lafa buusan fa'i dha.
Meeshaaleen kunneen garuu qaaliifi lakkoofsi isaaniis xiqqoodha.
Sirriitti ifa gochuuf, Yukreen baatirii sirna Paatiroot 10 hin caalle qabdi. Magaakaa guddoo Kiyiiv qolachuufis baay'ee wajjin rakkachaa jirti.
Ameerikaanis buufataalee waraanaa ishee qolachuu fi dantaa ishee Baha Jiddu-galeessaa keessatti tikfachuuf meeshaa kana gahaa qabdi jedhamee hin yaadamu.
Humni galaanaa US ittisa qilleensaa Arleigh Burke-class Destroyers jedhaman hedduu gara Galoo galaanaa fi baha Mediteraaniyaaniitti bobbaaftee jirti.
Ittisni qilleensaa kunneen diroonii fi misaayeloota baalistikii qolatee lafa buusuu danda'u.
Kana gochuu akka danda'u immoo Galaana diimaa irratti Iraaniin kan deeggaraman haleellaa hidhattoota Huutii qolachuun mirkaneesseera.
Bara 2024 fi 2026 jidduu, Ameerikaan haleellaa diroonii fi misaayeloota Huutii 400 ta'an qolatte.
Jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa gara Baha Jiddu-galeessaatti ergamanis diroonii fi misaayeloota qolachuu danda'u. US Jeettiiwwan waraanaa 100 caalan Baha Jiddu-galeessaa keessaa qabdi.
Humni kun hundi jiraatullee haleellaa qilleensaa Iraan xiyyeeffannoowwan garaagaraarratti gootu guutummaan ittisuu waan danda'an hin fakkaatan.
Haleellaa US fi Israa'eli tibbanaa dura, Iraan hidhannoo misaayeloota baalistikii fageenya giddugaleessaa 2, 000 qabaachuu dandeessi.
Diroonota haleellaa kallattii-tokkichaa hedduu qabdi.
Dirooniin Iraan Shahed jedhamu Raashiyaatti gurgurame Yukreen keessatti badii hamaa geessisaa jira.
Raashiyaan yeroo ammaa ji'a tokkottin diroonota kanneen kumaatama oomishaa jirti. Iraanifis dandeettii teknikaa cimsattuuf kennuufii hin ooltu.
Shaarp akka jedhutti yeroo humna galaanaa Royal Navy ture shaakala (tapha) waraanaa Iraan buufataalee waraanaa US Baha Jiddu-galeessaa rukutuu fakkaatu gaggeessaa turan.
Carraa tokko tokkoon misaayeloonni fi diroononni tasa qaawwa ittisa qilleensaa argatanii haleeluu danda'u.
"Yoo Iraan carraa qabdu hunda fayyadamte- akka malee ciminaa fi saffisaan haleellaatti seente (sirni Iraan yaaddawuurraa), Ameerikaan hanqinni ittisa THAAD fi Patriot ishee mudachuu danda'a" jedha
Shaarp akka jedhutti "dandeettiin dirooniiwwanii fi misaayeloota Iraan "akka malee bal'aadha".
Ogeessi olaanaan haala ittisa haleellaa qilleensaa Foundation for Defense of Democracies Edmund Fitton-Brown garuu,Iraanonni haaloo bahuuf fedha qabaachuun kanuma eegamu ta'ee, waraana kana naannichatti babal'isuun fedhii isaanii ta'uu dhiisuu danda'a jedhe.
Haleellaan Ameerikaa fi Israa'el bara darbe raawwatan dandeettii waraanaa Iraan hagam akka miidhes wanti beekamu hin jiru jedhe.
"Mallattooleen dura kan agarre tarkaanfiin haaloo bahiinsaa Iraan giddu-galeessaa fi murtaawaa dha, " jedha.
Kan dagatamuu hin qabne Ameerikaan waggootaaf haleellaa Huutiiwwan irratti xiyyeeffate godhaa turtus, dandeettii misaayeloota fi diroonii fayyadamuusaanii hin barbadeessine.
Waraanni qilleensarraan qofa lolamu injifannoo bu'uuraa fi jijjiirama sirnaa fiduun isaan shakkisiisa dha.
Duulli NATO'n hogganamee bara 2011 Liibiyaa keessatti gaggeeffame ija addaan waan laalamu dha. Inniyyuu gaaffii hedduutu irratti ka'a.
Iraan dandeettii humna galaanaa US haleeluu jabaa qabdi. Fageenya kamirrattuu.
Misaayeloota farra doonii hedduu, bidiruuwwan xixinnaa, saffisoo fi nam-maleeyyii haleellaa gaggeesan qabdi
Chaayinaan ji'oota darban Iraan deeggarsa waraanaa gochuu fi dhabuu ishee gaaffiin ka'uu fi deebii hin arganne ni jira.
Center for Strategic and International Studies, irraa Daani'eel Baaymaan, akka jedhutti haleellaawwan jalqabaa hoggansa Iraanii fi qabeenya waraanaa ishee mancaasuu danda'u, Iraan deebitee damdamachuun ishee rakkisuu dhiisuu danda'a, Ameerikaan garuu oppireeshinii itti fufuuun ishee rakkisuu danda'a.
Ittisni qilleensaa hagam akka murteessaa ta'e, Yukreen fakkeenya gaarii dha.
Pireezdaant Volodymiir Zelenskiin ammallee deggarsa michoota isaa gaafachuun gaaffii isaa hangafa.
Ammas, haleellaawwan diroonii dhibbaan lakkaawamanii fi misaayelootaa baay'ee, wal xaxaa fi heddummina qaban ittisuun hagam ulfaataa akka ta'e Yukireeni rraa ni baratama.
Ameerikaan humna jabaa qabdi, Israa'el waliin ta'uun warshaalee fi buufatawwan diroonii fi misaayeloota Iraan haleeluu ni dandeessi.
Garuu, balaa aggaa'amu balleessuun salphaa miti. Waraanni dheerate Iraaniif qofa miti kan qormaata ta'u, qabeenya fi dhiyeessii waraanaa Ameerikaafisi akkasuma- Isayyuu waraana qe'ee ofiirraa biyya fagoo deemtee lolaa jirtu kanaaf.