Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haleelaan US fi Israa'el Ayatolaa Alii Kameenii dabalatee gaggeessitoota Iraan olaanoorratti kan xiyyeeffatedha'
Hoganaa waliigalaa Rippablika Islaamaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaa Israa'el fi Ameerikaan bananiin gaggeessitoota irratti fuulleeffatame keessaa tokko ta'uu gabaasaaleen ni agarsiisu.
Gabaasaaleen hin mirkanaa'iin Iraan irraa dhaga'aman haleellaawwan raawwataman kan fuulleffatan hogganaa waliigalaa dabalatee namoota siyaasaa olaanoo fi ajajoota waraanaa gurguddoo biyyattii biroorratti ta'uu eereera.
Haleellaawwan kunneen dhaabbileen waraanaa falmisiisoo ta'an irratti osoo hin taane, adda durummaan kutaalee wiirtuu magaalaa guddoo Iraan, Teehraan keessatti bakkawwan argamanirrattidha; haleellaan kun magaalota biro keessattis raawwatameera.
Sabaa-himaaleen Iraan waajira pirezidantii biyyattii Masuud Pezeeshkiyaa irratti haleelllaan gaggeeffamuu mirkaneessuun, pirezidanticharra garuu miidhaan akka hin geenye gabaasaniiru.
Hoganaan waliigalaa Rippablika Islaamaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaan kun yeroo raawwatametti Teehraan keessa akka hin turree fi bakka nageenya isaaniif amansiisaa ta'e akka jiran aanga'aan tokko burqa oduu Roohitarsitti dubbateera.
Yeroo Ameerikaan tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhachuuf qophaa'a jirtu kanatti gaggeessaan waliigalaa Ayaatolaa Alii Kameenii fi ilmi isaanii irratti akka xiyyeeffatamuu danda'u himameera.
Ameerikaa fi Iraan mariiwwan gaggeessaniin waliigalteerra gahuu dhabuu isaanii hordofee Ameerikaan filannoo tarkaanfii waraanaa ilaalaa kan turte yoo ta'u, haleellaawwan hangi isaanii garagaara ta'e akka fudhattus himamaa tureera.
Haleellaan qilleensarraa Iraan irratti kan raawwatamu taanaan aanga'oota olaanoo biyyattii adda baasuu, akkasumas dhaabbileen waraanaa ijoo ta'an irratti xiyyeeffachuun jijjiirama mootummaa taasisuuf karoorri ba'uu isaa aanga'oonni Ameerikaa Roohitasitti dubbatanii ture.
Marsariitiin oduu Ameerikaa Axios jedhamu akka gabaasetti, pirezidant Doonaald Tiraamp ministira ittisaarraqa gorsitoota Pentaagoon irraa filannoowwan garagaraa dhiyaateeraaf.
filannoowwan kanneen keessaas, hogganaa waliigalaa Iraan fi namoota murteessoo naannoo isaanii jiran irratti xiyyeeffachuun tokko akka ta'e eerameera.
Gorsaan tokko marsariitii kanatti akka himetti, filannoon tokko "Ayaatolaa fi ilma isaanii, akkasumas hoggantoota naannoo isaanii jiran maqsuudha," jedhe.
Ilmi Ayaatolaa Alii Kameeniim Moojitaab kan irratti xiyyeeffatameef bakka gaggeessummaa fudhachuu danda'a jedhamee waan yaadamuuf jedhamee waan yaadamuufidha.
Maddi biraan Axios'f akka mirkaneessetti, yaadni Ayaatolaa Alii Komeenii fi ilma isaanii irratti xiyyeeffannoo gochuu kun torbanoota durarraa kaasee dhiyaataa kan turedha.
Gorsitoonni olaanoo Pirezidant Tiraamp tokko tokko, "Tiraamp filannoowwan qabu ifa godheera. Sa'aatii kamiyyu haleellaan akka raawwatamu murtee dabarsuu danda'a," jedha.
Yeroo ammaa aanga'oonni olaanoo irratti xiyyeeffatamuun himamaa jiraatus, hanga ammaatti miidhaa qaqqabe mootummaan Iraan waan jedhe hin qabu.
Pirezidantiin Ameerikaa fi ministirri muummee Israa'el haasaa taasisaniin haleellaan Iraan irratti raawwatamu guyyoota walitti aananiif kan turu ta'uu eeraniiru.
Pirezidant Tiraamp, kanaan dura irra deddeebiyaa kan ture, Iraanonni gaggeessitoota isaanii kaasuun, jijjiirraa mootummaa akka taasisaniif waamciha dhiyeesseera.
Haleellaan bara darbe Ameerikaa fi Israa'eliin raawwataman wiirtuuwwan nukilaraa fi misaa'elootaan alatti saayintistoota nukilaraa, hoggantoota waraanaa fi siyaasaarratti kan xiyyeeffatan turan.
Waraana Waxabajji keessa guyyoota 12f Iraan irratti gaggeeffameen aanga'oonni waraanaa fi siyaasaa lakkoofsi isaanii xiqqaa hin taane ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.
Ameerikaas taane Israa'el, Iraan keessatti loltuu lafoo bobbaasuun waraanuu akka hin barbaadne irra deddeebiin erga ibsanii booda xiyyeeffannaan isaanii guddaan toora ajaja iraan akka ta'e himamaa tureera.
Haleellaa qilleensarraa fi misaa'elii raawwachuun hoggantoota mootummaa ijoo ta'an rukkutuun Iraanota mataa isaaniin keessa jijjiiramni akka dhufu kaayyoo qabu.