Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibeewwan shan yeroo rifeensa murattan ykn dhahattan isin qabuu danda'an kanneen quba qabduu?
Rifeensa sirreeffachuun dhiiraafis ta'e dubartootaaf qulqullinasaanii eeggachuufis ta'e fayyaafi bareedinaaf barbaachisaadha.
Yeroo baayyee namoonni muraasni, keessattuu dhiiroonni torbaniin, kaan ammoo ji'aan rifeensa isaanii yoo sirreeffatan mul'atu.
Haata'u malee, yeroo tokko tokko ammoo adeemsa rifeensa sirrreessuu keessatti malli sirrii ta'e yoo hin hordofamne mul'ata.
Yoo adeemsa rifeensa sirreessuu fi daabee dhawachuu keessatti qulqullinni hin eegamne garuu dhibeewwan hedduun karaa kanaan dadarbuu akka danda'u akeekkachisuu oggeessoonni.
Yeroo baayyee namoonni waa'ee meeshaa ittiin rifeensi isaanii sirreeffamu caalaa waa'ee bareedinaafi gosa (style) rifeensa murataniifi sirreeffataniif yoo xiyyeefannaa kennan argamu.
Bara kana keessa meeshaalee ittiin rifeensi sirreeffamu hammayyaa jiraatan illeen, yoo namoonni kan qarabaa, maqasii fi meeshaalee aadaa gara biraatti kan fayydaman ta'e, carraan dhibee garaa garaatiif saaxilamuusaanii olaanaadha.
Akkasumas yoo qulqullinni sirriin hin eegamne ta'e carraan manneen rifeensaa (salon) keessattuu dhibeewwan adda addaatiif saaxilamuu olaanaa ta'u kaasu oggeessoonni.
Yeroo tokko tokko osoo rifeensi muramaa ykn haadamaa jiruu yoo akka tasaa buqqeen mataa muramuutti osoo hin hubatiin tasa rakkoof saaxilamuun ni danda'ama.
Akka ogeessoonni fayyaa jedhaniitti, kana malees, muranuu xixiqqaan akkasii kunneen meeshaaleen haalaan yoo kan hin qulqulloofne ta'e, namarraa gara namaatti dhibee daddabarsuuf madda ta'u malu.
Hunda caalaa wanni yaaddeessaa ta'e ammoo, mallattooleen dhibeen karaa kanaan dhufuu dafee mul'achuu dhabuusaati. Namoota tokko tokkoo ni hooqsiisa, kaan buqqeen mataa ni dhiita'a ykn kaan riifeensi sababii hin beekamneen irraa harca'uu eegala jedhu Dr Saanii Abubaakaar, ogeessi fayyaa hawaasaa.
Akka Dr Saaniin jedhaniitti, dhibeewwan gogaa baayyeen keessattuu kan buqqee mataa, xurii erga riifeensi haadameen booda mudatuufi rakkoo yeroo haaddamu mudatuun dhufu.
Akka oggeessa kanaatti, ''meeshaan gogaa keessan tuqu kamuu kan duraan namni dhibee qabuu kan fayyadameen ta'e, madda infekshinii ta'u danda'a.''
Dabalataanis ogeessi kun gosa dhibee namni tokko manneen rifeensi itti sirreeffamuufi daabeen itti tolfamuu (hairdressing) tarreessaniiru.
Dhibee gogaa (Ringworm)
Dhibeen akkasii kunis yoo qarabaan ykn filaan namni dhiibee gogaa (eczema ykn psoriasis) jedhamuun beekaman qabu ittiin fayydamee akka itti darbu dubbatu dr Saaniin.
''Dhibeen akkasii kunneenis buqqeen mataa akka hooksiisuufi akka foroforii godhatu taasisuun boodarra ammoo rifeensii akka harca'u gochu danda'u.''
Dhibee tiruu (Hepatitis B)
Dhibee tiruu hamaa (Hepatitis C)
Dhibeen akkasii kunis karaa xuxuqaa dhiigaatiin namarraa gara namaatti darba. Kana jechuunis, qarabaa haaraa ykn meeshaan rifeensi ittiin muramuufi haadamu qulqulluun jarmii dhibee kanaa hin ddabarsu jedhu Dr Saaniin.
Dhibee HIV/AIDS
Haala salphaatti dhibee HIV/AIDS'n qabamuun yoo kan hindanda'amne ta'ullen, garuu yoo qarabaan ykn meeshaan namni vaayrasiin HIV dhiigasaa keessa jiru ittiin fayyadameen namni biraa osoo hin qulqulloofne itti fayydame carraan vaayrasichi itti darbuu jiraachu akka malu dubbatu Dr Saaniin.
Buqqeen mataa dhiita'uu
Dr Saaniin akka ibsaniitti, dhiibeen buqqeen mataa namaa dhiita'u kan mudatu wayita erga riifeensi haadamuutti baakteeriyaan gogaa keessa seenuudha. Kunis yeroo baayyee mataa gara duubaatiin mudata jedhu.
Robbaa'uu gogaa (Rash)
Dhibeen akkasii kun kan kallattiidhaan haaddammuu riifeensaatiin wal hin qabanne ta'ulleen, garuu sababii fooxaa ykn meeshaa qulqulluu hin taane fayyadamuun dhufuu akka danda'u dubbatu ogeessi kun.
Attamiin of haa eegnu?
Gorsawwan of eegannoo Dr Saaniin kennan keessaa kan jalqabaa, qarabaa ykn meeshaan ittiin rifeensi muramuufi haadamu qulqulluu ykn haaraa ta'un mirkanaa'uu qabaata.
Kana malee ammoo bakka madaa qabu haaduun tarii meeshaan ittiin rifeensi haadamu akka tasaa qulqulluu ta'u yoo baatee dhibeef saaxilu waan danda'uf, haaduun dhiisuu qaban jedhu ogessi kun.
Maatiiwwan ijoollee isaanii mana rifeensa geessuun rifeensa mursiisaniif ykn mana keessatti sirreessaniif, ijoolleen meeshaa rifeensi ittiin muramu kan mataasaanii akka qabaatan gochuun dhibee garaa garaatiid akka hin saaxilamne kan gargaaru ta'u himan Dr Saaniin.