Paartileen siyaasaa lama filannoo hafeefi irra deebiin gaggeeffamu keessaa of baasan

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Paartileen siyaasa Innaat paartiifi Dhaabbata Tokkummaa Itoophiyaa Guutuu (Me'i'aad) jedhaman filannoo bakka kanaan dura itti hin gaggeeffamiin hafeefi bakka filannooon irra deebiin gaggeeffamu naannolee afur kessatti A L I Waxabajji 9, 2016 karoorfame keessaa of baasuu beeksisan.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoo waliigalaa marsaa 6ffaa bakka itti hin gaggeeffamiin kan akka naannolee Beneshaangul Gumuz, Affaar, Somaaleefi Itoophiyaa Giddu-galeessaa keessatti naannolee filannoo 28'tti filannoo gaggeessuuf A L I Guraandhala 22, 2016 sagantaa baasee ture.

Filannoo Caamsaa 9 gaggeeffama jedhame kanaaf "haalli mijataan" hin jiru kan jedhan partileen kunneen, hanga haalli dandeessisu uumamutti filannoon akka dheereffamuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaatiif gaaffii dhiyeessuusaanii eeraniiru.

Paartileen kunneen paartilee biroo lama waliin ta'uun xalayaa A L I Guraandhala 22 barreessaniin, "filannoo sirrii gaggeessuudhaaf hin dandeesisan" qabxiiwwan jedhan kaasuun Boordichi murteesaa akka keessa deebi'ee ilaaluuf gaafataniiru.

Haata'u malee, bakkeewwan filannoon hafaniifi irra deebiin itti gaggeeffamu jedhaman keessa socho'aa jirra kan jedhan paartileen kunneen lamaan, Boordichi "sirreeffama" gochuu dhabuusaatiin filannichatti hin hirmaannu jechuun beeksisaniiru.

Paartileen kana murteessuuf sababiin kaasan biyyattiin labsii yeroo muddamaa keessa kan jirtu ta'uufi rakkoon nageenyaa jiraachuudha.

Pirezidantiin Innaat Paartii Dr. Sayife-sillaasee Ayyaalew haala qabatamaa biyyattin keessa jirtu kaasuudhaan filannoon yeroo biyyattiin "sirna heera mootummaatti" deebitu gaggeeffamuu qaba jedhe.

Haalli nageenyaa naannolee amma filannoon itti gaggeeffama jedhame keessa jiru amansiisaa miti kan jedhe Pirezidantichi, filannichaaf akkasumaan gaggeessituu [ajjaabii] ta'uu hin barbaadnu jechuun akka keessaa of baasan BBCtti dubbate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Bakkaa bakkatti konvoyiitiin deddeebiyaa, 'ajjaabiitiin' deddeebiyaa filannoo gaggeessuun hin danda'amu. Filannoo gaggeessuuf qophiin qoor-qalbiis ni barbaachisa. Sammuu bilisa ta'e barbaachisa. Haali kun hin jirre keessatti, kaadhimamoota galmeessuun, hojjechuuf wanti dandeessisu hin jiru. Galmee warra filataniis haala kana fakkaatu keessatti galmeessuun hin danda'amu, jedhe.

Yaaddoosaanii kana Boordii Filannootiif diyeessineerra kan jedhe Dr. Sayife-sillaasee, Boordichi deebii isaaniif deebiseen yaaddoosaanii akka hin hubatiin ibseera.

Filannicha gaggessuudhaaf 'haalli jiru mijataafi filannoon gaggeeffamuu akka danda'u, adeemsi filannichaas akka itti jiramu' xalayaa ibsu Boordicharraa partileef akka ergame eeruun, deebicha waan hin fudhanneef filannichatti hirmaachuu keessaa of baasuu BBCtti dubbateera.

"Haala kana fakkaatu kessatti 'ajjaabii', tumsituu taanee deemuu hin hayyamnu, jedhe.

Faallaa paartilee kanneen lamaaniin alatti ammoo, filannichi "ni ture" kan jedhaniifi hatattamaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa gaafachaa turan bayyeen ni jiru.

Pirezidantiin Innaat Paartii Dr. Sayife-sillaasee, "paartiin hunduu gamaggama mataasaa qaba" jechuun, garaa gararummaa ilaalchaati jedhe. "Nuti garuu filannoo bu'a qabeessa ta'e gaggeessuu hin dandeenyu" gamaggama jedhu qabna jedheera.