Maayik Haamer waldhabdee naannoo Oromiyaafi Amaaraa furuu irratti mari'achuuf

Maayik Haamer

Madda suuraa, Getty Images

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Maayik Haamer rakkoo nageeyaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessaa furuuf mootummaa Itoophiyaa waliin marii gaggeessuuf.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, Maayik Haamer Itoophiyaatti imaluun karaa itti walitti bu'insa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessaa furamu irratti qondaalota mootummaa Itophiyaa waliin mari’achuuf tahuu hime.

Maayik Haamer waldhabdee mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBOtti xumura gochuuf marii nagaa Taanzaaniyaatti marsaa lamaan gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Marsaa lammataa irratti akka jaarsummaatti kan hirmaatan Maayik Haamer, qaamoleen lamaan akka fuulaa fuulatti wal arganillee haala mijeessaniiru.

Qaamolee lamaan waliigaltee xumuraa irra gahuu baatanis, hanga fiixaan baasnutti Ameerikaan deeggarsa barbaachisu hundaa ni taasifti. Garuu yeroo dheeraa gaafachuu danda’a jedhanii ture.

Maayik Haamer waldhabdee hidhattoonno Faannoo fi humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaa gidduu naannoo Amaaraatti mudates karaa nagaa akka furamuuf mootummaa waliin mari’atu.

Ergamaan Addaa US kun namoota waraanni hamaa Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaa oliif gaggeeffame karaa nagaan akka xumuramuuf shoora olaanaa bahataniifi milkeessan keessaa tokko.

Kayyoon biraa imala dippilomaatii US kun sarbama mirga namoomaa Itoophiyaatti gaggeeffama jedhamu ilaalchisee qorannoon akka gaggeeffamu qondaalota mootummaa waliin mari’achuuf tahuu eera ibsichi.

Tibbana Ameerikaan yakki ajjeechaa nama siyaasaa Battee Urgeessaa irratti gaggeeffame akka qoratamuuf deeggarsa akka taasiftu himteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daawwannaan isaanii kaleessa kan jalqabe yoo tahu, jalqaba haala nageenya Gaanfa Afrikaa irratti wantoota danqaa tahan irratti mootummaa Keeniyaa waliin mari’achuuf gara Naayiroobitti akka imalan hima ibsichi.

Sana booda Finfinneetti imaluun hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaa irratti mari’achuuf gaggeesitoota Gamtaa Afrikaa, qondaalota mootummaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Yeroofii Naannoo Tigiraay waliin wal argu.

Dhimmoota madda wal dhabdee guddaa tahan marii siyaasaan furuu malee gara wal dhabdeetti akka hin deebineef marii gaggeessu.

Dhiyeenya aanolee aanolee Lixaa fi Kibba Tigiraay gaaffiin abbummaa irratti ka’u keessatti humnootni naannoo Amaaraa fi Tigiraay walitti bu’uu gabaafameera.

Naannoon Tigiraay ibsa torbanota darbe keessa kenneen, bulchiinsi aanolee Lixaa fi Kibba Tigiraay bifa haaraan ijaaramuun naannoo Amaaraa jala galanii ni diigamu.

Waliigalteen Dhukaasa Dhaabuu Piriitooriyaa erga mallattaa’ee wagga tokko kan darbe yoo tahu, wal dhabdeen daangaa naannoo Amaaraa fi Tigiraay akkasuma shidhannoo hiikkachuu humnoota Tigraay guutummaatti hojiitti hin hiikamne.

Maayik Haamer daawwannaa isaanii guyyoota kudhanii ol turu Kanaan dhumarratti gara Jibuutiitti imaluun haala nageenyaa fi tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaa irratti mootummaa biyyichaa waliin mari’atu.