Raashiyaan humnoota Yukireen irra aanuun magaalota Yukireen qabachuu eegalte

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan humnoota Yukireen daangaasheetti ce'uun naannawa Kurisk qabatanii, achirraa haleellaa irratti banaa turan irraa aanuun amma deebitee magaalota Yukireen qabachuu eegalte.
Amma loltoonni Raashiyaa magaalaa Yukireeniif akkaan murteessituu taate Pokrovsk jedhamtutti baayyee dhihaatanii jiru.
Magaalaan kun loltoota Yukireeniif iddoo madda loojistikiiti.
Kanneen Kiiv taa'anii mootummaa Yukireen qeeqan Raashiyaan milkaa'inaan fuulduratti deemaa jiraachuu kana erga dhagahanii booda, loltoonni Yukireen herrega dogoggoraa hojjetan jechaa jiru.
Magaalaa akkaan murteessituu taate kana dhiisanii keessaa ba'uun daangaa Raashiyaatti ce'anii naannawa Kurisk jedhamu qabachuun magaalaa kana diinaaf saaxile jedhan.
Hoogganaan humna waraanaa Yukireen Oleksandar Siiriskii, Raashiyaan waan harkaa qabdu hunda fayyadamuun haleellaa cimsaa jirti jedhan.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii ammoo ''haalli amma jiru akkaan hamaadha,'' jedhan.
Magaalaa Pokrovsk qabachuun Raashiyaaf kaayyooshee yeroo dheeraa ture. Loltoonnishee ji'oota darban keessa suutuma suuta gara magaalaa kanaatti dhihaachaa turan.
Ogeeyyiin dhimma waraanaa akka jedhanitti hanga ammaa Raashiyaan magaalaa kana to'achuuf loltoota kuma 30 ramaddeetti.
Humnoota Raashiyaan caalamaa kan jiru humni waraanaa Yukireen loltootasaa magaalaa cinaa jirtu Novohrodivka keessaa baasuun gara magaalaa Pokrovsk geesseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan dabalataan magaalaa kibba Novohrodivka jirtu Selidove akkasumas naannawa Donetisk keessaa iddoowwan garii irratti haleellaa banteetti.
Raashiyaan haleellaa kanaan kan milkaa'aa jirtuuf mala maltee waraanaa waan geeddarteefi.
Humnoonni Raashiyaa mala haleellaa gareen mindeeffamee hojjetaa ture- Wagner fayyadamaa turetti fayyadamuun milkaa'uu eegalan.
Loltoonni Yukireen haleellaa alanaa kanaan burjaajjii keessa galaniiru. Inumaa erga loltoonni Raashiyaa hidhannoo guutuudhaan adda waraanaatti seenaniifaa qophaa'uu eegalan.
Loltoonni Raashiyaa mala kanaan deebi'anii irra aanuu eegalan.
Humnoonni Raashiyaa konkolaattota meeshaa waraanaa hidhatan hedduu fayyadamaa jiru, kun ammoo hojii taankii Yukireen burjaajesseera.
Humnoonni Yukireen ji'oota darban muraasaaf dirree waraanaa irratti olaantummaa argachuu himataa ba'an.
Inumaa daangaa Raashiyaatti ce'uun naannawa Kurisk jedhamu buufatanii achirraa haleela turan.
Sochiin Yukireen kun garuu torbanoota darban keeessa akkaan of duuba deebi'eera.
Ajajaan humna waraanaa Yukireen Kibxata darbe waa'ee lafa Raashiyaa qabachuu seenaa odeessaa turan.
Naannawa Kurisk keessaa lafa iskuweer kiilomeetirii 1,294 akkasumas iddoowwan qubsumaa 100 caalan to'achuu ibsan.
Kana keessatti loltoota Raashiyaa 594 akka to'atanis himaniiru.
Lakkoofsi isaan eeran kun guddaadha, garuu siyaasa yookiin hololaaf itti fayyadamuu fi dhugaa ta'uunsaa xiyyeeffannaan ilaalamuu qaba.
Amma gaaffiin jiru haga kana erga deemanii booda dirree bahaa (Baha Yukireen) irratti mo'amuusaanii akkamiin ibsu kan jedhuudha.
Naannoo Kurisk qabachuun kan barbaachiseef achirra dhaabbatanii haleellaa karaa bahaa magaalota akka Pokrovsk fi Kurakhove irraa qolachuuf ture.
Garuu amma karoorri sun waan Yukireen jalaa kufe fakkaata. Gama kaaniin ammoo loltoonni Raashiyaa humna dabalachuu fi cimsachuun saffisaan fuulduratti deemuu eegalaniiru.












