Raashiyaafi Yukireen loltoota waraanaa wal jalaa qabanii turan waliif deebisan

Loltoonni Yukireen Hagayya 6 daangaa Raashiyaa iddoo Kursk jedhamu seenan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Yukireen Hagayya 6 daangaa Raashiyaa iddoo Kursk jedhamu seenan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Raashiyaafi Yukireen loltoota qabanii waljalaa hidhan kan waliif deebisuu ibsan Sambata kaleessaa (Hagayya 24, 2024) yoo ta'u, kunis erga loltoonni Yukireen daangaa Raashiyaatti ce'uun naannawa Kursk qabatanii torbanoota booda.

Miidiyaan mootummaa Raashiyaa ministeera ittisaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti lammiileen Raashiyaa kaleessa gadhiifaman kanneen Kursk keessatti qabamaniidha.

Ministeerichi loltoonni 115 ''daangaa Yukireen to'atte'' keessatti iddoo hidhamanii turanirraa deebifamaniiru jedhe.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii ammoo ''loltoonni keenya 115 ta'an guyyaa har'aa nuuf deebi'aniiru,'' jedhan.

Hidhamtoota waljijiiruun kun erga Yukireen Hagayya 6, 2024 daangaa Raashiyaa cabsitee seenuun lafa Raashiyaa dirree waraanaa gootee as kan jalqabaati.

Yukireen akka jettutti kaayyoon gooroo daangaa Raashiyaa seenuun naannawa Kursk qabachuun barbaachiseef, loltoota Raashiyaa qabuun, isa booda adeemsa hidhamtoota waljijjiiruutiin loltoonni biyyashee akka gadhiifamaniif ture.

Yukireen naannawa Kursk keessaa lafa iskuweer kiilomeetirii 1,000 qabachuu himti.

Raashiyaafi Yukireen loltoota waljalaa hidhan akka waliif deebisan gidduu seenuun kan haala mijeesse Yunaayitid Arab Emirteetis (UAE) ta'uun gabaafameera.

Oduu biraan Yukireen Sambata kaleessaa buufata meeshaalee waraanaa Raashiyaa kutaa kibba biyyattii Voronezh jedhamu keessatti argamu haleeluu ibsiteetti.

Haleellaa Raashiyaan baha magaalaa Kostyantynivka keessatti ammoo namoonni shan ajjeefamuu Kiiv mirkaneessiteetti.

Pirezidant Zeleniskiin akka jedhutti loltoonni gadhiifaman miseensota eegdota biyyaalessaa, humna hidhataa lafoo, humna galaanaa fi eegdota daangaati.

''Hundasaaniiyyuu sirriitti yaadanna. Xiyyeeffannaadhaan barbaadaa turre. Qe'eesaaniitti deebisuuf baayyee tattaafanne,''jedhan Zeleniskiin.

Loltoonnisaanii akka qe'eetti deebi'aniif tattaaffii UAE galateeffataniiru.

Pirezidant Zeleniskiin kaayyoon Kursk qabachuu loltoota Raashiyaa to'achuun alatti akeeka biraas akka qabu, garuu ammatti ibsuu akka hin barbaanne, dubbatan.

Bulchaan Yukireen kun waraanni kun karaa haasaa dippiloomaasii furmaata argatee akka goolabamuuf biyyisaanii dhiibbaa hunda akka gootu himan.