Manni murtii olaanaa Indiyaa nama MM duraanii Raajiv Gaandii ajjeessee gadhiise

AG Perarivalan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, AG Perarivalan waggoota 30 oliif hidhaarra ture
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Manni murtii olaanaa Indiyaa namticha ajjeechaa Ministira Mummee duraanii biyyattii Raajiv Gaandii bara 1991tti raawwatame keessaa gahee qaba jedhamuun itti murtaa'ee ture akka gadhiifamuuf ajaja kenne.

Namni maqaansaa AG Perarivalan jedhamuufi amma akka gadhiifum murtaa'ee kun waggoota 30 hidhaarra ture. Bara 1998tti adabbiin du'aa itti murtaa'ee kan ture yoo ta'u, booda garuu ni jijjirame.

Namtichi kun wayita to'annoo jala oolfameetti nama waggaa 19 yoo ta'u, innis baatiirii boombii ittiin MM ajjeessuuf fayyadame qabatee ture jedhamuun himatame.

Mininistirri Mummee duraanii biyyattii osoo duula na filadhaa gaggeessaa jiranii ture dubartii gocha balleessitee ofiinis baduu raawwattuun kan bulchiinsa Taamil Naadaa keessa ajjeefaman.

Ajjeechaan Mr Gaandii sun irra jireessa akka mormii gochaa inni bara 1987 keessaa naga eegdoota Indiyaa gara Sirii Laankaatti eergetti ilaalamee ture.

Perarivalan ammoo deegaraa garee Bilisa Baasaa Qeerransoota Taamiil Eelam (Liberation Tigers of Tamil Eelam (LTTE)), garee rephee loltoota bulchiinsa Taamiil Siri Laankaa irrraa foxxooqsuuf lolanii ture. Gareen sun boodarra loltoota Sirii Laankaatiin bara 2009tti injifataman.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Dhaddachi guyyaa Roobii abbootii seeraa sadii mana murtii olaanaa biyyattii keessatti, kutaa heera biyyattii ''dhimma kanirratti haqa guutuu raawwachuuf'' aangoo addaa kennuu caqasuudhaan, namoota ajjeechaa MM duraanii irratti murteen irratti dabarfame keessaa tokko kan ta'e Perarivalan gadhiisuuf murteesse.

Kanaafis waggoota 30 ol mana hidhaa keessatti dabarsuu isaa ilaalcha keessa galchaniiru.

Waggoota dheeraaf mootummaan Taamiil Naadaa keessaa kanneen ajjeechichaa irratti baleessaan irratti argame akka gadhiifamaniif gaafataa ture.

Bara 2000 keessa, bulchaan naannichaa, dubartii ajeechaa kanaan himatamte kan qofaa kan taatee Nalinii murteen du'aashee bara 2014tti akka hafu taasiseera.