MM Abiy ergaa Fiigicha Guddicha ilaalchisuun dhaamaniin maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa Qophii Fiigicha Guddicha Marsaa 21ffaa ilaalchisuun dabarsaniin Itoophiyaan nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuun badhaadhinni akka dhufuuf fiigicha guddaarra jirti jedhan.
MM ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarse kanaan, “Guyyaa har’aa warreen Fiigicha Guddicha kanarratti hirmaattan hunduu boqonnaa jireenyaa hundaa wayita kaattan Itoophiyaa fiigaa jirtu akka yaadattan adaraa jechuun barbaada,” jedhan.
Dorgommii Fiigicha Guddicha Marsaa 21ffaa kanaan dhiiraan Gammachuu Diidaa, dubartootaan ammoo Yaalam-zarf Yehuwaalaw injifachuu isaanii FBCn gabaaseera.
Dorgommii ispoortii keessatti namni tokko injifachuu yoo barbaade wantoota shan isa barbaachisa kan jedhan MM Abiy, isaanis gahumsa qaamaa, qophii gahaa, hidhannoo, naamusaafi dogommicharratti yeroofi bakka barbaachisutti argamuudha jedhan.
“Akkuma kana Itiyoophiyaanis daandii ida’amuu jedhamurra medaaliyaa badhaadhina jedhanu argachuuf fiigaa jirti,” jedhan.
Itoophiyaan fiigicha kanaan akka injifattuuf damee hundaan gahumsa dorgommii akka qabaattuuf hojjechuu qabna kan jedhan MM Abiy, ummanni Itoophiyaa qophaa’ina qaamaafi yaadaa qabaachuu akka barbaachisu himan.
“Kan dorgomnu addunyaa waliin waan ta’eef waltajjii sirrii irratti, osoo yeroon nu hin darbiin dargomaa taanee argamuu qabnas,” jedhan.
Fiigichi Itiyoophiyaa Injifachuun qofa akka xumuramu hin barbaannu. Biyyi keenya rikaardii haara akka galmeessituu barbaanna.
Wantonni waliin dorgoman hedduu akka ta’e yoo dubbatanittis MM Abiy: “Hiyyummaa waliin, gandummaa waliin, hojmaata badaa waliin, finxaaleyyummaa waliin, akkasumas kanneen alaafi keessaa badiirratti bobba’an waliin ni dorgomna.
''Garuu shakkii tokko malee Itoophiyaan ni injifatti, Injifachuu qofa osoo hin taane rikaardii namnuu itti qixxaachuu hin dandeenye cabsuun injifatti,” jedhan.
Fiigichi guddaan akka hundeeffamuu fi guddina isaa qabatee akka itti fufu warreen taasisan hunda kan galateeffata MM Abiy, biyya isaaf waan guddaa kan hojjetudha jechuun Atileet Hayilee G/Sillaaseetiin galateeffataniiru.
Waggoottan 20n darbanitti Fiigichi Guddichi lammiilee Itoophiyaa kuma dhibbatti lakkaa’aman walitti qabuu akka danda’e kaasuun, waa’ee nageenyaa, jaalalaafi waloomuu irratti waan gumaache qabaachuu himan.
''Ayyaanota Amantaan namoonni wal wajjiin dabarsuu hin dandeenyee, Fiigicha Guddicha irratti wal haammatanii waliin fiigu; waltajjiiwwan hawaasummaa gara garaan wajjin dabarsuu kan hin dandeenye Fiigicha Guddicha eeguun wal argu,” jechuun faayidaa sagantaan kun qabu dubbatan.
Fiigichi Guddichi kun Afriikaa Bahaatti, biyyoota Afriikaarra darbee addunyaa maratti maqaa Itooophiyaa kan waamsisu taatee guddaa ta’ee akka babal’atu abdii guddaan qaban himuun, mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisus waadaa galan.
Fiigicha ka'umsa isaafi xumura isaa Addabaabaayii Masqalaa taasifate kunis haala milkaa'aan gaggeeffamuufi nagaan xumuramuu isaa poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.














