Raashiyaan dubartii abbaan warraashee harka irraa kuteef beenyaa kanfaluuf

Margarita Gracheva

Raashiyaan dubartii abbaa warraasheetiin harki irraa kutameen beenyaan yuuroo 370,000 olii akka kanfalamuuf ajajje.

Manni Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa garuu Raashiyaan miidhaa mana keessaa dhaabuu dadhabuun dubartoota garmalee mana keessatti miidhaman afuriif beenyaa ajjeejje jechuun qeeqe.

Murtichis Maargaaritaa Graachevaa kan bara 2017 keessa abbaa warraa isheetiin ukaamfamuun qottoon miidhaan irra gahe fa'i itti dabaleera.

Manni murtichaa Rashiyaan gara fuuladuraatti miidhaa walfakkaatu dhaabuuf tarkaanfii atattamaa fudhachuu akka barbaachisu hime.

Miidhaan mana keessaa dubartoota irra gahuu ''haala yaaddeessaan'' raawwatamaa kan jiruu yoo ta'u, Raashiyaan keewwatawwan Waliigaltee Mirgoota Namoomaa Awurooppaa lama cabsitee jirtis jedheera.

Muddee 2017 keessa, abbaan warraa Ms Grachevaa erga gara bosonaatti ishee geesseen booda harkashee qottoon irraa mure.

Waa'ee miidhaa kanaa poolisiitti himtulleen, garuu qondaaltoonni himannaa isheef xiyyeeffannaa hin kennine.

Harkishee bitaa kutames bosona keessaa argamuun booda itti hodhame. harkishee mirgaa miidhamee tures duula maallaqa walitti qabuu guddaan booda wallaansaan tolfameef.

Abbaan warraashee duraanii Obbo Dimitirii Grachev amma himatamuun hidhaa waggaa 14 itti murtaa'eera.

Manni murtichaa garuu dhimmi aaddee Graachevaa kunis miidhaan mana keessaa hangaa miidhaa qaamaa qaqaabsiisuu gahuutti aanga'oonni Raashiyaan akka hinhubannee agarsiisa jedhe.

Akkasumas hiikaan seeraa miidhaawwan mana keessaa hundi taasifamuun akka yekkaatti akka fudhatamu gaafateeras.

Bara 2017 keessaa pirezidaantiin Raashiyaa Vlaadimiir Putiin seera adabbii miidhaa mana keessaa hir'isuu mallatteessaniiru.

Miidhaan mana keessaa qaqabulleen hanga mana yaalaatti hin yaalamneetti akka gochaa yakkaatti waan hin fudhatamneefu addabbiinsaa gadaanaadha.

Dubartoonni biraa sadi, Naataalyaa Tunikovaa, Yelenaa Gershmaan fi Irinaa Petraakovaas akkasumas beenyaan kenfalamuuf.

''Mo'anneera! jette Maarii Davtyaan abbookaatoo dubartoota kanneen bakka bu'an keessaa tokko kan taate kataa Facebook isheetii.

"Sababii motummaan miidhaa mana keessaatiif xiyyeeffannaa hin kenniineefu dubartoon kunneen hundi miidhaa olaanaaf saaxilaman,'' jette.

Raashiyaan jalqaba gaaffii beenyaa dubartoonni kunneen gaafatan kufsitee turte.

Ministtiirri Ittaanaan Haqaa Mikhaail Galperiin, miidhaa mana keessaa namoota dhuunfaan qaqabuuf motummaan Raashiyaa itti gaafatamaa hin ta'u jedhanii ture.