Fincila May Day: Tarkiin fincila Dafqaan Bultootaa 'May Day' akka adunyaatti gaggeefameen namoota 200 hiite

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin Tarkii namoota 200 guyyaa Dfaqaan Bultootaa irra hiriira hin eeyyamane bahan jedhe adabe. Hiriirri kun uggurru koroonaavaayirasii jiraatus adunyaa guutuu irratti gaggeeffameera.
Finciltootni magaalaa Tarkii, Istaanbul, uggura sadarkaa 3ffaa weerara koroonaavaayiraii ittisuuf bahe cabsuun qabaman.
Hiriirichi wagga waggaan Caamsa 1 hojjettootaa fi tokkummaa dafqaan bultootaan durfamuun gaggeeffama. Kun qaama ayyaana dafqaan bultoota idil adunyaa tahuun biyyoota hedduu keessatti kabajama.
Bara kana, weerara lubbuu hedduu galaafatee fi dinagdee kuffiise osooma jiruu gaggeefame.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA
Biyyoota baay'ee keessatti poolisoonni seera itti koroonaavaayirasii bahe eeguufi walitti bu'insa mudachu malu ittisuuf jecha baay'inaan bobbaafamaniiru.
Hiriira guddaan biyyoota akka Jarmanii, Raashiyaa, Ispeen, Iswiidin UK, Kuubaa, Kolombiyaa, Filiippinsii fi Indoonezhiyaa keessattti gaggeeffameera.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, EPA
Tarkiin garuu biyyoota guyyaa fincila Guyyaa Dafqaan bultootaa poolisiinno namoota hiriira bahaniin walitti bu'anii namoota hidhan keessattti argamti.
Waajjirri bulchaa Istaanbul akka jedhetti namootni 212 bakka daanga'e cabsuun adabaabaayii Taaksim, bakka mallatto fincilaa tahe seenuuf yaalan hidhamaniiru.
Suuraa irraa akka mul'atutti bakka jeequmsichaatti poolisiinni ittisa kaawwachuun namoota hiriira bahan duubatti dhiibaa, kaan ammoo adabaabaayicha keessaa gototanii baasan agarsiisa.
Tarkitti lakkoofsi namoota koroonaan faalamanii fi du'anii akka malee daballaan biyyattiin uggura guutuu torban darbe labsiteetti.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Faransaayitti yoo xiqqaate namootni 46 tahan adamanaiiru. Kun erga namootni hiriira bahan tokko tokko poolisii waliin walitti bu'anii, dhagaa darbachuun, foddaa caccabsuu fi kuusaa balfaatti abiddafaa qabsiisaniiri.
Mootummaan Faransaay yeroo hojjetaan ittisa balaa tokko abiddicha dhaamsuu haleeluu isaaf balaaleffateera.
Ministerri biyya keessaa 106,000 magaalaa Paarisii fi magaalota kaan keessatti bakka 300 tahutti hiriira bahaniiru.
Namootni hiriira bahan karoora mootummaa faayidaa namootni carraa hojii dhaban argatan jijjiiruuf baasee mormuun wal qixxummaan dinagdee akka jiraatu sagaleesaanii dhageessisa turan.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Haaluma wal fakkaatuun gaaffii wal fakkaataan Jarman keessattis guyyaa Dafqaaan Bultootaa irraa dhagahamaa ture. Biyyattiin uggura cimaa sababa koroonaa torbee darbe dabarsitee ture.
Magaalaa Berliin keessatti, haala hiriirtotaa hordofuuf poolisoonni kumaatamni bobbaafamaniiru. Gareen hiriirtotaa tokko tarkaanfii mootummaan koroonaavaayirasii irratti fudhate morma.
Namootni saayikilii 10,000 qabatan hiriira mormii farra kaappitaalistii kanatti makamaniiru.
Garuu akkuma aduun dhiyaa dhufteen meeshaalee daandii cufan irratti abidda qabsiisuu fi poolisoota seera uggura koroonaa kabachiisuuf yaalan waliinis walitti bu'aa turan..

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, Reuters
Indoonezhiyaatti koroonaavaayirasiin dubbii ijoodha. Finciltootni daandiitti bahuun awwaalcha fakkeessun agarsiisuun, hamma namoota koroonaan du'anii agarsiisan

Madda suuraa, Reuters
Ayyaanni Dafqaan Bultootaa Kuubaa keessatti bifa hin barmneen dhaabbate. Hojjettootni walitti qabamuun warraaqsa Komunistootaa Fidel Kaastiroo bara 1959 gara aangootti fide yaadatu.
Kuubaan waggoota lamaaf walitti aansuun adabaabaayii Haavaanaa 'Plaza de la Revolution ' jedhamutti tahu sababa kufaatii dingdee fi koroonaan hin gaggeesiin hafte.
Bakka isaa hoggantootni biyyaalessaa muraasa bakka qullaa uummatni itti fayyadamutti yoo yaadatan uummatni manuma isaatti akka ayyaaneffatu godhan.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Biraasilsitti ammoo poolisiinni namoota shuubbisaa turan bishaan, ulee fi aara nama gubu fayyadamuun bittinsan. Finciltootni ammoo hanqaaquu itti darbachaa turan.

Madda suuraa, Reuters
UKtti seerri poolisoonni finciltoota akka dhaabsisaniif aangoo dabalataa kenneef ammoo finciltoota irratti aarii guddaa uumeera.
Namootni dhibbaan lakkaa'aman Landanitti walitti qabamuun poolisii, yakka, adabbii fi kaffaltii mana murtii mormaniiru

Madda suuraa, EPA
Suuraan hundinuu seera koppii raaiyitiin taa;an














