Itoophiyaatti Ulamoonni Naannoo Somaalee seera ijoollee durbaa kittaanuu dhorku baasuuf

Madda suuraa, Jilla Dastmalchi
Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Somaalee murtee (Fatwaa) qaama saalaa ijoollee dubraa muruufi hodhuun amantaa Islaamaa waliin walitti dhufeenya akka hin qabne ibsuufi gocha akkasii kana dhorku dabarsuuf yeroo dhiyootti akka kora taa'uuf jiru ibsame.
Fatiwaan Manni Marii kun wixineesse kutaalee qaama saalaa ijoollee dubaraa muruun alatti ulaa fincaaniif ta'u qofa hambisuudhaan adeemsi guutummaan guutuutti hodhuu "Kittaannaa Warra Fari'ooni" jechuun moggaaseera.
Kun ammoo akka ulaagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gosa qaama saalaa ijoollee durbaa mummuruu sadarkaa sadaffaa jedhu ta'ee isa baay'ee hamaadha jedhamuudha.
Ulamonni baatii Ramadaanaan booda hanga danda'ametti dafanii walitti qabamuun wixinee dhiyaate sana mirkaneessu jedhamee eegama jechuun Majiliisni Naannichaa BBCtti himeera.
Ulamoonni godinaalee 11 naannoo Somaalee keessatti argamanirraa magaalaa Jigjigaatti walitti qabamuun wixinee kana erga raggaasisaniin booda gara abbaa alangaatti ergamuun seera ta'ee raggaasifama jedhamee eegama.
Gosti kittaannaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sadarka sadaffaadha jedhu, gocha qaama saalaa ijoollee dubraa gara irra keessaa muruufi hidhii lamaanis mummuruun ulaa fincaaniif ta'u qofa hambisuun hodhuudha.
Dabalataanis, dubartiin qaama saalaa hodhatte tokko yeroo heerumtutti waan qara qabuun irra deebiyanii isa hodhamee ture hiikuu ta'a.
Ulaan fincaaniif hambisanii hodhan kun kutaa Itoophiyaa gara garaa keessatti hanga ija boqqolloo akka ta'u qorannoowwan ni mullisu.

Odeessaalee kittaannaan walqabatan biroo:

Wixineen Fatiwaa maal?
Fetiwaan fuula 20 qabu kun fuulawwan jalqabaa irratti mirgoota namoomaa Qur'aana waliin walbira qabsiisuun ibsa. "Akka ragaa Shari'aatti lubbuu takkittii ajjeesuun ykn qaama murus ta'e miidhuun dhorkaadha," jechuun ibsa.
Amantiin Islaamaa mirgoonni ykn haqawwan dhala namaa shan akka mirkanaa'an kan kaa'uufi Shari'aan ammoo kun akka galma gahu raawwachuun galma isaa ijoo ta'uu akka qabu dubbata.
Amantiin, lubbuun jiraachuun, abbaa qabeenyaa ta'uun kabaja eenyummaafi bilisummaa sammuu akka ta'an ibsuun, "mirgoonni kunneen naannoo keenya keessatti akka hin jiraanne kan taasise kittaannaa warra Fari'oon ittisuudhaan gaaffileen kana waliin walqabatanii ka'an irratti murtee kennuun dirqama Shari'aafi namoomaati," jechuun barbaachisummaa murtee kanaa ibseera.
"Kittaannaan warra Fari'oon kun qaama dubartootaa miidhuurra darbee daangaa ce'uun haleellaa lubbuurra gahudha.
Mirgoota dubartootaa amantiin isaaniif kenne kan hubu barmaatii hamaa miidhaa qaqqabsiisudha," jechuun gocha kana balaaleffata.
Wixineen Fetiwaa kun mirgoota namoomaatiin alattis, rakkoo fayyaa gochi kun qaqqabsiisu qorannoo saayinsaawaafi hayyoota Islaamaatiin qorannoo taasifaman eeruun ibseera. Dhiibbaa gochi kun qoor-qalbiirratti qabus ibseera.
Koreen Fatiwaa yaadawwan gorsaa 14 kan dhiyeesse yommuu ta'u, addatti qabxiiwwan jalqabaa lamaan irratti kittaannaa dubartootaarratti ejjennoo jabaa qabateera.
"Kittaannaan dubartootaa gocha ijoollee durbaa miidhu waan ta'eef ni dhorkina, ni balaaleffannas," kan jedhu qabxii jalqabaa yommuu ta'u, itti aanuun ammoo, "Kittaannaa warra Fari'oon dhorkuuf ammoo qaamoleen seeraa waliin hojjechuudha," jechuun kaa'eera.
Majiliisa Naannoo Somaalee keessatti Qindeessaa Sagantaa kan ta'an Obbo Abdii Abdullaahii, Fetiwaan kun hiika amantii itti kennuudhaan ijoollee durbaa naannoo Somaalee keessa jiranirra gocha ga'aa ture kana dhaabuudhaaf hiika guddaa qabaata jechuun BBCtti himaniiru.
Keessumaa abbaa alangaa, poolisiifi mana murtii waliin ta'uudhaan hojjechuudhaaf kan dandeessisu waan ta'uuf Ulamootaan ragga'ee booda seeratti jijjiiramuun isaa hiika guddaa qabaata jedhaniiru.
Kutaawwan yaada gorsaa dhiyaatan biroo keessattis, keessumaa filannoowwan gara garaatiin hawaasicha barsiisuufi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachisuun ijoodha jedhamuun tarreeffamaniiru.
Kana malees, gocha kittaannaatiin namoota jiraatan filannoo carraa hojii uumuufii, akkasumas gocha kana keessaa akka bahan taasisuun yaada ijoo ka'edha.
Ragga'uun wixinee kanaa garaagarummaa maalii fida?
Qindeessaan Sagantaa Abdii Abdullaahii akka jedhanitti Fetiwaan kun ragga'auun naannoo Somaaleetti gochichi akka amantii ta'etti yaadamuun kan raawwatamu waan ta'eef murteen kun gahee guddaa qabaata jedhan.
Ulamoonni guutummaa naannoo Somaalee keessa jiran walitti qabamuun wixinee Fetiwaa kana yoo raggaasisan, qaama saalaa ijoollee durbaa mummuruufi hodhuun gocha haraama ta'edha jechuun kan abaaramu ta'a.
Wixineen Fetiwaa kun, "Kittaannaan dubartootaa warra Fari'oon Qur'aana qulqulluutiin, Hadisa Nabiyyuu Mohaammadiin (Sunnaan), akka Ajima'aa Ulamootaatiin haraama ta'uun isaa mirkanaa'eera," murtee jedhu Ulamoonni akka itti murteessanitti kan dhiyaatedha.
Dabalataanis, namni gocha kana raawwate adabbiin beenyaa dhiigaa guutuu akka ta'e ibsa.
















