Marwa Elselehdar: 'Cufamuu Bo'oo Suweezif namuu na komachaa ture'

Madda suuraa, Marwa Elselehdar
Ji'a dabre keessa Marwa Elselehdar waan haaraa tokko agarte.
Oduun waa'ee doonii guddicha Ever Given jedhamtu Bo'oo Suweez keessa danaqamuusheetiin, imalli dhaabbate kan jedhu ture.
Bilbilasheetiin intarneeta wayita ilaaltu, namoonni waa'ee balaa kanaa isheetti quba qabaa turan.
''Hedduun nahe,'' jetti dubartiin kaappiteenii doonii Masriitti ishee jalqabaa taate Marwaan.
Wayita Bo'oon kun cufametti, Marwaan doonii Aida IV jedhamtu hoogganuun, Aleeksaandariyaa turte.
Jette jetteen Marwa Elselehdar doonii Ever Given gaggeessaa jirti jedhu kan dhufe erga suuraan sobaa qoodamuu eegale boodadha.
Oduun miidiyaa Arab News jedhamuun maxxanfame jedhamu kun, Marwaan doonii balaan mudate kanaaf kaappiteena turte jedha.
Suuraan sobaa gulaalame kun oduu Arab News gaafa Bitootessa 22 hojjetamerraa kan fudhatamedha.
Odeessi kunis milkaa'ina Marwaa hima - Masriitti kaappiteenii doonii dubartii ishee jalqabaa tahuu addeessa.
Suuraan sobaa kun Twitter fi Facebook gubbaa yeroo hedduu qoodameera.
Dubartiin ganna 29 Marwa Elselehdar, eenyu jalqaba oduu kana akka facaaseefi maalif kan akka godhan hin beeku jetti.
''Waanti narratti xiyyeeffatameef tarii ani dirree kana keessa dubartii milkooftuu waanin taheefi, yookaan ammoo lammii Masrii waanin taheef - garuu afaan guutee dubbachuu hin dandayu,'' jetti.
Indastrii dhiirootaan guutame kana keessa, rakkoon akkasii wayita ishee mudatu kun yeroo duraa miti.
Wayita ammaa addunyaarra dubartoonni doonii gubbaa hojjetan %2 qofa, ragaan International Maritime Organisation akka muldhisutti.

Madda suuraa, Marwa Elselehdar
Marwaan ijoollummaasheerraa qabee bishaan akka jaalattu himuun, humna galaanattis kan makamte erga obboleessi ishee Akkaadaamii AASTMT'tti galmaa'e booda.
Akkaadaamiin kun wayita sana warra dhiiraa qofa kan simataa ture tahus, isheen garuu ittuma fufuun galmoofte.
Boodarras pireezidaantiin wayita sanaa Hosnii Mubaarak, erga gama seeraan ilaalanii booda raggaasaniif booda milkoofte.
Wayita barnootarra turtetti, iddoo mararraa dhiibbaan waan dubartii taateef (sexism) irra gahaa turuu dubbatti.
''Dooniirra dhiironni umuriin gurguddoo yaada garagaraa qaban turan. Nama yaada walfakkaataa wajjin qooddannu argachuun hedduu rakkisaa ture,'' jetti.
''Hawaasni keenya ammallee shamarreen tokko maatiirraa adda baatee, galaanarra yeroo dheeraa akka dabarsitu hin barbaadan.
Garuu hojiikee jaalatta taanaan, heeyyama qaama kamuu argachuun sin barbaachisu,'' jetti shamarreen kun.
Marwaan erga eebbifamte booda sadarkaan ol guddachuun, 'first mate' kan jedhurra geesse.
Kanaanis doonii Aida IV jedhamtu, wayita hojiin babal'inaa Bo'oo Suweez 2015tti xumurametti, doonii jalqabaa bo'oo kana qaxxaamurte taate. Wayita sanatti, Masriitti kaappiteenii umuriin xiqqaafi dubartii jalqabaa ta'uun seenaa hojjette.
2017ttis gaafa biyyattiin guyyaa dubartotaa kabajjutti, Pireezidantii biyyattii Abdal Fattaah El-Sisiin kabajaa argateetti.
Jette jetteen waa'een qoodashee cufamuu Bo'oo Suweez keessaa wayita naanna'u, hojiisheerra dhiibbaa akkamii akka qabaatu sodaattee turte.
''Odeessi sobaa kun Afaan Ingiliiziin ture kan barreeffame, oggasuu biyyoota birootti faca'e,'' jetti Marwaan.
''Odeessi kun soba akka tahe hubaciisuuf yaale. Sababni isaas, kabajaan horadheefi as gahuuf tattaaffii taasise mara miidhaa waan tureef.''
Tahus, yaada namootni gariin kennan akka ishee jajjabeessees himti.
''Yaadonni suuraa sanarratti kennaman hedduu kan nama miidhan turan. Haa tahu malee, namoota wajjin hojjedhu dabalatee kaanirraas ergaan na jajjabeessanis kennamaa turan,'' jetti shamarreen kun.
''Kanaaf deeggarsaa fi jaalala naa kennamaa turerratti xiyyeeffachuun filadhe. Aariin koos galateeffannaatti geeddarame.''
''Kana malees, kan durii caalaa daran gurra horachuu koos osoo hin dubbatiin darbuu hinfedhu,'' jette.
Marwa Elselehdar ji'a dhufu qormaata kaappiteenii guutuu ishee taasisu fudhachuuf jirti. Kanaanis dubartoota damee kana keessa jiraniis fakkeenya tahuu barbaaddi.
''Ergaan ani dubartoota hojii doonirraa hojjechuu fedhaniif qabu: waanta jaalattaniif dubatti hin deebi'inaa, dubbii hin taaneenis hamileen keessan hin tuqamiin,'' kanjedhu tahuu Marwaan dubbatti.














