Afrikaa Kibbaa: 'Obboleettiinkoo lakkuu kalee ishee tokkoofi kennaa jireenyaa naaf kennite'

Nomsa Sibaya (L) and her twin Thembi Makhoba

Madda suuraa, Nomsa Sibaya

Bara 2008’tti kaleen tokkittii Nomsaa Sibayaa hojjechuu yemmuu dhaabuu eegale, ogeessi fayyaa ishee Afrikaa Kibbaa jiru ariitiin nama kalee isheef gumaachu barbaaduu akka qabdu itti hime.

Kaleen ishee inni tokko waggaa muraasa dura sababa dhibeen keessaa baafameera.

Fayyinni Nomsaa yemmuu hammaataa deemetti, huqqattee, gurraachooftee dhukkubbii fi dadhabbii guddaa keessa turte.

Yeroo kanatti obboleettiin lakkuu Nomsaa, Tembii Makhobaa, oggeessota fayyaa bira demtee kalee ishee isa tokko akka gumaachuuf murteessite itti himte.

Obbolaan lakkuu kun durumaan hedduu walitti dhiyaatu. Yeroo ijoollee turan, yoo Tembiin dhukkubsatte Nomsaanis ni dhukkubsatti ture.

Kanaaf Teembiidhaaf utuu soddoolii ishee fi karaa amantaan mormiin jiruu, kalee ishee gumaachuu akka dandeessu ilaaluuf qorannoo taasisuun murtee salphaa ture.

Erga qorannoo kana dabartee booda, Onkololeessa 2012’tti oggeeyyiin fayyaa wal’aansa baqaqsanii hodhuun kalee Teembii baasanii Nomsaaf kennaniiru.

Nomsaan wal’aansa baqaqsanii yaaluu kana booda yemmuu dammaqxu, “akka jireenyaaf carraa lammataa argadhetti natti dhaga’ame. Keennaa jireenyaa,'' jette.

Akka Gabaasaa Wal’aansa addaa Afrikaa Kibbaatti garuu dhukkubsattoonni wal’aansi gummaacha qaamaa isaan barbaachisu namoota lubbun jiran kan isaaniif gumaachan hin argatani, dhukkubsattoonni haalaa yaddeessaa keessa jiran ammoo nama gumaachuuf eeguutti dirqamu.

Nama lubbuun jiru kan isheef gumaachuu danda’u dhabuun, Sandirishaa Rugbiir kalee nama du’ee argachuuf waggootii torbaaf eegaa turteetti.

Umurii ganna 21'tti dhibee kaleen qabamtee erga sanaa dhukkubbii keessa jirti.

“Amantaa qabaachuu qabda, guyyaa tokko nama kalee naaf gumaachuu fi kan qaamakoo waliin wal simu arganneerra jedhamee akka naa bilbalamuuf guyya guyyaan nan kadhadha,” jetti.

Afrikaa Kibbaa keessatti namootni 4,300 wal’aansaa gumaachaa qaamaa lubbuu isaanii oolchu kan eeggataa jiran yoo ta’u, biyyattii keessatti garuu lammilee %0.2 ta’an qofaatu qaama isaanii gumaachuuf kan galmaa’e - akka Waldaa Gumaacha Qaamaa Afrikaa Kibbaatti.

Wantoota hanqinni namoota qaama gumaachanii jiraachuu isaaf sababa ta’an keessaa hubannaa dhabuu fi safuun aadaa ni argamu.

Magaalaa Darbaanitti qindeessituun gumaacha qaamaa Silindile Makhawasaa yeroo hedduu gaaffii “yeroon du’u yoon qaamakoo gumaache, sanyiinkoo na baruu?” jedhu na gaafatu jetti.

Yeroo hedduu gabaa, yunivarsitiwwanii fi manneen amantaa keessatti gaaffii akkanaaf deebii kennuufi hubbannoo kennuuf sagantaa ni qopheessiti.

Odeessi kun podkaastii The Comb jedhamurraa gabaabbinaan kan dhiyaatedha. Sagantaa kana Afaan Ingiliziin guutummaatti caqasuu feenaan - kunooti kana cuqaasaa.