UN Israa’el mana Paalestaayinoota 'hedduu diiguun' qeeqe

Suuraa manneen jiraattoota diigamuu hordofee, meeshalee mana keessa bakkeetti bittimuu agarsiisu

Madda suuraa, OCHA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa manneen jiraattoota diigamuu hordofee, meeshalee mana keessa bakkeetti bittimuu agarsiisu

Israa'el manneen paalistaanotaa West Baankitti argamu diigde Dhaabbani Biyyoota Gamtoomanii qeeqe. Manneen Israa'el diigde kuni waggoota 10 keessa isa baay'eedha jedhameera.

Daa’imman 41 dabalatee walumatti namoonni 73 manni isaanii diigamnaan bakkeetti hafaniiru.

Waraanni Israa’el garuu haala caaseffama ijaarsa isaaniitu seeran ala kanaaf diigame jedhee ibse.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii immoo gochii Israa’el kun ‘’seera idila addunyaa kan cabsedha’’ jedheera.

Waajirri Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii gargaarsa namoomaa qindeessuu (OCHA) akka himeetti, Israa’el ijaarsawwan 76; manneen jireenyaa, mooraa bineeldoota fi mana fincaanillee otoo hin hambisiin doozara lafa qootuun Kibxata diiguu ibseera.

Qodaaltonni Israa’el 'seera kabachiisuudha' jechuun lakkooofsa ijaarsota diigamanii gadi xiqqeessanii himu.

Vidiiyoon yeroo diigumsi kun raawwatamu waraabame agarsiisu gartuu mirga namoomaaf Israa’eliif dhaabatu B'Tselem jedhamuun gadhiifame hafaan mana keessallee bakkeetti gatamuu agarsiisera.

Jiraataan naannichaa Harb Abu al- Kabaash jedhaman gaazexaa Israa’el Haaritiz wayita dubbatan ‘’kuni daba guddaadha’’ jedhan.

‘’Akka dhufanii diigan hin beeknu, ittis hin qophoofne, amma bokkaatu nutti rooba’’ jedhan.

Waraanni Israa’el manneen kana diigutti itti gaafatamummaa qabu akka ibseetti, iddoo shaakallii waraana itti gaggeeffamutti seeraan ala ijaaratan jechuun ibseera.

Jaarmiyaan sadarkaa idila addunyaatti namoota rakkoo namoomaaf saaxilaman gargaaruun beekamu OCHA’n, hawaasni Kirbe Humsaa, Weest Baankitti argaman miidhaaf saaxilaman ta’u ibseera.

Manni isaanii diigamuun kuni konveenshinii Jenevaa arfaffaa, seera idila addunyaa namoota nagaa eeguuf bahe akka cabsu jaarmiyaan kun ibseera.

Israa’el Bara 1967 yeroo waraana Baha giddugaleessaa Weest Baank kan qabatte.

Waliigatee sana booda mallatteeffame keessatti Paalisteenoonni West Baank jiraatan amma murtaa’e akka of bulchaan kan eeyyamu ture.

Iddoo Kirbet Humsaa jedhamu kun lafa Paalistaayiin to’atuun alatti argama