Qondaalli Paalastaayin Covid-19'n qabamanii hospitaala Israa'el galan

Madda suuraa, Reuters
Marii araaraa Israa'elii fi Paalastaayin gidduu jaarsummaadhaan kan jiran qondaalli Paalastaayin maanguddoon ganna 65, Sa'iib Erekaat, koronaavaayirasiin daran dhukkubsatanii hospitaala Israa'el galaniiru.
Haalli qondaalli kun keessa jiran baayyee yaaddessaa ta'us garuu tasgabbii qabu, yeroo ammaa oksijiinii fudhachaa jiru.
Hospitaalli Jerusaalam akka jedhetti fayyummaan qondaala kanaa akkaan sodaachisaadha, haala hamaa keessa jiru.
''Sirni hargansuu isaanii miidhamee waan tureef meeshaa harganuuf nama gargaaru, ventileetariidhaan harganaa jiru. Fayyaansaanii haala hamaa 'coma' keessa jira.'' jedha ibsi hospitaalichaa.
Akka hospitaalli kun jedhutti, Sa'iib Erekaat wal'aanuun qormaata guddaa ta'eera, sababii waggaa sadi dura tajaajila baqaqsanii yaaluutiin sombi isaanii bakka buufamee tureef.
''Koronaavaayirasiin cinaatti dhibee baakteeriyaan darbu qabu, madinummaan isaaniis akkaan laafaadha'' jedha hospitaalli kun.
Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Bilisummaa Paalastaayin(PLO) kan ta'an Sa'iib Erekaat, gorsaa Pirezidaantii Paalastaayin Mahmuud Abbaas ta'uun tajaajilu.
Haasaa nageenyaa Paalastaayinii fi Israa'el keessattis yoo xiqqaate waggoota 25 darbaniif jaarsummaan hojjetaa turan.
Qondaalli kun koronaavaayirasii qabaachuusaanii gaafa Onkoloolessa 9 ibsanii turan.
Israa'el keessatti yeroo ammaa namoonni 303,000 koronaavaayirasiin qabamaniiru, namoonni 2,209 ammoo du'aniiru.
Mootummaan biyyattii tatamsa'inni vaayirasichaa hir'achaa dufuu erga hubatee booda uggura ji'a tokkoo oliif ture kaleessarraa eegalee salphiseera.













