Baha Giddugaleessaa: Mallattoowwan Israa'eliifi Sa'ud Arabiyaa araara buusuutti dhiyaachuu agarsiisan maal?

Madda suuraa, Getty Images
Dhugumaan ni araaramu moo hin araaraman? Gaaffii namooti Baha Gidduu Galaa yeroo ammaa gaafachaa jiran.
Hoggantoonni Sa’udii seenaa keessatti Israa’eeliifi hariiroo isheen Palastaayinii waliin qabdu qeeqaa bahan.
Biyya miidiyaaleen Arabaa Israa’elonni biyya garaagarraa biyya amma jiranitti walitti qabamuu agasriisuuf ‘Imaltuu Tsiyoon’ jechuun waaman waliin ijibbaata isaanii araara buusuuf fakkaata.
Waashingitanitti Ambaasaaddaraafi hogganaan tikaa duraanii Sa’uudii kan turan ilmi mootii Baandaar Biin Sulxaan al Saa’uudiin Paalastaayiin araara biyyoota Galoo Galaanaafi Israa’elitti gammaduu dhabuu qeeqaniiru.
‘’Qondaaloti kaayyoon isaanii akka deeggaramu barbaadan irraa kun hin eegamu,’’ jedhan
‘’Hoggantoonni Paalastaayin biyyoota Galoo Galaanaa akka gaabbii keessa galan itti haasa’uun fudhatama hin qabu,’’ jedhaniiru
Dura buutoonni Paalistaayiin Yunaayitid Arab Imireetsiifi Baahireen Israa’el waliin hariiroo nagaa-qabeessa jalqabnaan ‘’gantoota’ jechuun mataa buusaniiru.
Ilmi mootii Baandaar waggoota 22f ambaasaaddarummaan kan tajaajilan yoo tahu pireezidaantii duraanii Ameerikaa duraaniitti ijaa baayyee dhiyaataniif Baandaar Biin Buush jedhamu ture. Kufaatii seenaa Paalastaayiin dubbatu, deeggarsa Saa’uudiirraa argatan waan hin geeddaramne isaanitti fakkaates jedhu.
Akkuma Paalastaayiniin waggaa kana hundumaa keessatti nagaa buusuu dadhabuutti komatan Israa’eeliinis qeequurraa boodatti hin deebine.
Naannoo Weest Baank kan Paalastaayinoonni Israa’el wajjiin irratti wal-dhaban, garee Islaamaa Hamaas naannoo Gaazaa jedhamtu bulchu gidduu nagaan ijaa hin jirreef amabaasaaddarichi gidduu keessanitti dura waliigalaa ergaa jedhu isaaniif dabarsan.
Qondaaloti maatii mootii biyya bulchutti dhiyaatan akka jedhan yoo tahe, dubbiin akkasii kun mootii Salmaaniifi ilma mootii Mohaammad Biiin Salmaan biraan goreetu bahe.
Karaa dippiloomaatii duraanii haasaan kun akka kennamu filachuun isaanii uummata araara isa dhumaaf qopheessaa jiraachuu isaanii agarsiisaa jedhameera.
Shakkiiwwan Seenaa
Haasaa ilma mootii Baandaariis tahe tarkaanfii Saa’udiin Israa’el waliin araaramuuf taasifte Baahireen deeggaraati jirti. Bulchiinsi biyyattii uummata mataasaa caalaa michooma haaraa Israa’elitti dha dhiyaachaa jira.
Waggoota baayyeef keesummaa naannoo baadiyyaa Saa’udii keessatti Israa’eliin akka diinaafi Yihuudota qofa akka tahanitti isaan yaadama ture.
Namoonni naannoo Asiir keessa jiraatan dur, ‘’Yihuudootni dhiiga daa’immanii dhugu jedhaniiti yaadu ture.’’ Amma garuu sababii interneetii babal’isaniif uummati Saa’udii namoota Dhiha jiraataan caalaa dhimma addunyaarratti odeeffannoo qabu.
Jibba nama sanyii isaanii hin fakkaanneefi shakkiin kana dura ture walitti ida’amee yaada dur jiru geeddaruun yeroo fudhata. Kanaaf ture Saa’ud Arabiyaanis durumaa qabee dhimma kanarrti olloota isheee kanin hordofne.
Balaa Sadaam Huseeen

Madda suuraa, Getty Images
Sa’ud Arabiyaafi biyyooti Galoo galaanaa hariiroon Paalastaayiin waliin qaban wal-makaa dha.
Biyyooti Galoo galaanaa kun kaayyoo Paalastaayiin siyaasaafi maallaqaan deeggaraati turan..
Haa tahu malee yeroo hogganaan Paalastaayiin Yaasiir Arafaat pireezidantii Iraaq Saadaam Huseen deeggaruun bara 1990tti Kuweet weeraran akka ganaman itti dhagahame.
Boodarra gargaarsa Ameerikaan bara 1991 Kuweet bilisa gaafa baatu bakka buutota Paalastaayiin biyyashee jiran hundumaa lammiilee kumaatamaan lakkaa’amanitti Masriitti geeddarte.
Bulchitoota naannichaaf Arafaat isaan ganuu isaa fudhachuuf yeroo dheeraa itti fudhatee ture. Rakkoo biyyoota Arabaa gidduu sirreessuuf hundumaa caalaa gatii kan kaffale Imiirii Kuwwet Sheek Saabaah al-Ahmad al Saabaah ture, inni baatii darbe waggaa 91tti du’aan boqoteera.
Walgahiin bara 2002tti Beeruutitti adeemsifame waa’ee karoora nagaa buusuu kan ilaallatu yoo tahu Liigii Arabaatiin illee jajjabeefamaati ture.
Jalqabarratti Israa’el daangaawwan qabattee jirti kannneen akka Weest Baank, Gaazaa, Golaaniifi Libaanan akkasumas baha Yaruusaaleem Paalastaayiiniif magaala guddoo akka taatuuf kennuu, baqaattoota Paalastaayin yeroo waraana biyya Arabaafi Isaraa’el bara 1948-49tti taasifameen manaafi jireenyasaanii dhabaniif ‘furmaata’ kennuu dabalata.
Karoorri sun deeggarsa hawaasa addunyaa argatus ministira mummee biyyattii Eriyaal Shaaroon saaxil baase,lola biyyoota Arabaafi Israa’el ijibbaatasaa goolabuun irra ture.
Karoorri kun otoo hin maxxaniin, gareen hidhataa Paalastaayiin jiru Hamaas hoteela Israa’el Netaanyaa jedhamuurratti boombii dhukaasuun namooti 30 tahan yoo du’an 100 immoo madaa’an,kuni waliigaltee sana duubatti deebisuurra darbee ni hambise.
Gara fuulduraatti waggaa 18 yoo lakkoofnu naannoleen Baha Gidduugalaa gama baayyeen geeddaramaniiru. Paalastaayiin garuu ammallee of hin dandeenye,Israa’el lafa Paalastaayiin Weestbaank keessa namootashee qubachiisuun seera addunyaatiin ammallee ni qeeqama.
Amma UAE, Baahireen,Joordaaniifi Masriin Israa’el waliin hariiroo dippiloomaasii guutuu tahe qabu.
Qondaaloti Israa’el haasaa ilma mootii Baandaar ilaalaniiru jedhamee amanamus dhimma nagaa buusuu kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.
Landanitti dubbii himaan embaasii Israa’el:’’Biyyooti kaanillee waan Baha Gidduugalaatti geeddaramaa jiru ilaaluun araara kanatti makamuu qabu,’’ jedheera.
Saa’udi Arabiyaan dhimma jijjirama fudhachuutti yoo dhufu suuta tarkaanfatti, imaammata jijjiiruun dura illee qoratteetu harka keessa galchiti.

Madda suuraa, Getty Images
Haatahu malee, erga Ilmi Mootii Mohaammad Biin Saalmaan kana jijjiiraati jira.
Yeroo ammaa dubartootaaf konkolaataa ofuun eeyyamameera, addabaabaayittii bashannanuufi tuurizimiin illee banaa dha tahaa jira.
Kanaaf waliigalteen araara buusuu biyyoota lameenis waan hin hafne dha jechuu dha.












