Juudii Hewumaan: Dubartii US keessatti seenaa mirga qaama miidhamtootaa jijjiirte

Judy Heumann close up

Madda suuraa, Judy Heumann

Juudii Hewumaan yeroo ganna 18 turan sanitti kan pooliyoodhaan dhibaman. Dhibeen kunis miillisaanii lamaan akka hin sochooneef sababa ta’eera, kanarraa kan ka’e waggoota hedduuf wiilcharii fayyadamaniiru.

Miidhaan isaan irra gahe garuu akka falmattoota mirga qaama miidhamtootaa US hedduu keessaa tokko ta’aniif isaan gargaareera.

Isaanis asiin dura hojii barsiisummaa keessatti hirmaachuuf jecha Boordii Barnootaa Niiw Yoork irratti himannaa bananiiru.

Kana malees pireezidaantoota US lamaaf gorsituu ol’aanoo ta’anii tajaajilaniiru.

Gaazexaan ‘Time magazine’ jedhamu dubartoota bara kana addunyaa keenya jijjiiran jedhe 100 maqaasaanii dhahe keessaa Juudii Hewumaan isaan tokko.

Maqaan masoosaanii abbaan warraasaanii ittiin waamu “Chingona” jedhama. Jechichis Afaan Ispaanishiin dubartii jabduu jechuudha jedhu Aadde Juudiin.

Bu’aa bayii ijoollummaa

Judy with her mum

Madda suuraa, Judy Heumann

Jireenyi kiyya salphaa hin turre jechuun BBC’tti himaniiru.

Haatii fi abbaan isaanii Jarman irraa ture kan gara Ameerikaa baqatan.

Yeroo ganna shan turanitti ture kana mana barnootaa warra ‘Jewish’ seenuun barnootasaanii jalqaban.

Mana barnootaattis bu’aa bayii heddu keessa darbaniiru.

“Hogganaan mana barnootichaa Afaan Hibiruu haalaan hin beektu naan jedhee ture,” jechuun yeroos yaadatu.

Haatisaanis nama manatti isaan Afaan Hibiruu barsiisu qacaraniif dandeettii afaan isaanii akka fooyya’u godhaniiru, haatisaanii akkas haa godhan malee manni barnootichaa fedhii Aadde Juudii fudhatee barsiisu hin qabu ture.

Aadde Juudiin mana barnootaa galanii barnoota barachuusaanii dura waggoota afuriif manatti barataniiru.

Erga mana barnootaa seenanis mana barnootaa qaama miidhamtootatti ture kan barnootaasaanii hordofaa turan.

Ija biraatiin ilaalamuu

Juudiin ammatti ganna 70’oota keessa kan jiran yoo ta’u, ammas namoonni haala adda ta’een akka isaan ilaalan himu.

''Yeroo ta’e anii fi hiriyyaan kiyya suuqii deemnee turre, daa’imnin tokko gara kiyya dhufee akka na dhukkubu na gaafate. Yeroo san ture yeroo duraaf akka namoonni ija addaatiin na ilaalan kan hubadhe.”

Isaanis baay’ee dallananii turan.

“Na dhukkubee hin turre. Haalan yaadadha, kanaaf narratti dhiibbaa uumee ture.”

Juudiin barsiistuu ta’uu barbaadu ture, ta’us garuu sababa qaama miidhamtoonni deeggarsa maallaqaa gahaa hin arganne tureef barnoota biraa baratan. Boodarra garuu goosota barnootaa barsiisummaaf isaan fayyadu barataniiru.

Yeroo koollejji baratanis bu’aa bayii ulfaataa keessa darbaniiru. Hiriyyootasaaniirraa loogiin irra gaha ture.

“Dubartii dhiirri jaalatu danda’utti ilaalamuu dhabuun baay’ee nama dhukkubsa,” jedhu Aadde Juudiin.

Qorannoo fayyaa

Erga koolleejjiirraa eebbifama booda, bara 1970’tti hayyama barsiisummaa fudhachuuf qorannoo fayyaa taasisanii turan.

''Hakiimni yeroos na ilaalte qaama miidhamummaarratti ilaalacha gaarii hin qabdu ture. Isheenis gaaffiiwwan akkanaa na gaafachaa turte, akkamitti mana finchaanii deemta? jettee na gaafatte.”

Jalqabarratti gaaffiin hayyamaa baafachuushee jalaa haqamee ture. Gargaarsa hiriyyootasaaniitiin murtee darbe kana falmachuuf murteessan.

Akkuma deeggarsa hawaasaa argataniin ‘The New York Times’ seenaa isaanii maxxanse.

“Abukaatoo mirgoota namummaa naa bilbile, anis akka naaf falmachuu danda’u gaaffadheen, innis tole naan jedhe.

Guyyaa itti aantutti maammilli suuqii abbaa kiyyaa naaf falmachuu akka barbaadu natti hime.

Anis garee abukaatoowwanii bilisaan tajaajila naa kennuu danda’an qaba ture.”

Taateen sunis taatee falmattuu ta’anii ittiin jalqaban isa duraati – injifannoos goonfataniiru.

Yeroo ganna 22 turanitti manneen barnootaa Niiw Yoork keessatti barsiistuu jalqabaa wiilcharii fayyadamuun barsiisan ta’aniiru.

Xiyyaara keessatti to’atamuu

Judy and her Husband Jorge in 2018

Madda suuraa, Judy Heumann

Aadde Juudiin bara 1975’tti Waashingitan Diisiitti osoo xiyyaara keessa jiran namni isaan gargaaru yoo hin jiraanne balali’uu akka hin dandeenye itti himame.

“Keessummeessituun xiyyaarichaa paayileetichi namni nama gargaaruu yoo hin jiraannee balali’uu hin dandeettu jedheera jettee natti himte.”

Isaanis namoota xiyyaaricha keessa jiran biraatiif bakka kanatti seerri akkasii akka hin jirre itti himan.

Waldhabdeen isaanii jabaannaan poolisiin waamame. Isaanis humnaan fuudhamanii to’annaa jala oolfaman.

Isaanis waraqaa seeneetara Niiw Jeersiif akka hojjatan mul’isan booda poolisiin himannaarratti hin banne.

“Isaan irratti himannaa bane… Baay’ee waan aaree tureef itti hin cal’ifne.”

Duula seenaa jijjiire

Judy Heumann during a protest in the late 70s

Madda suuraa, Tari Hartman Squire

Seerri bara 1964 bahe loogiin namootarratti sababa sanyummaasaanii, amantiisaanii, saalasaanii yookiin bakka dhufaniin irra gahu akka dhaabbatuuf murteesse.

Waggoota muraasa booda Juudiin dhaabbata ‘Disabled in Action’ jedhamuu hundeessan.

Dhaabbanni sunis seerri bara 1973 bahe hojiirra akka oolu taasiseera. Seerichi “sochii yookiin sagantaa deeggarsa maallaqaa federaalaarraa” namoota qaama miidhamiif taasifamu irratti loogan yakka godheera.

Seerri kunis Ameerikaa keessatti seera jalqabaa qaama miidhamtootaaf ittisu taasisu ta’eera.

Duula kana keessatti falmatoonni 150 ta’an tola ooltummaadhaan keessatti hirmaataniiru.

“Guyyaa hunda nyaata arganna ture. Yoo namni tokko dhukkubsate, garee tola ooltotaa biraa keessaa namni ogummaa fayyaa qabu dhufee yaala kennaafi. Muxannoo gaarii ture,” jedhu.

“Hundaa caalaa qaama miidhamtoonni waan hojjachaa turan keessatti gammachuu qabu ture.”

Aadde Juudiin lafarra rafu ture, hiriyyaansaanii dhufanii gargaaru turan. Hundisaaniiyyuu wal irratti hirkatu ture. Namoonni rakkoo dhageettii qabanii fi arguu hin dandeenye akkasumas hir’inna qaamaa qaban tokkoomanii turan jedhu.

Boodarra qaamni seera baasu seera bara 1990 kan jireenya namoota hundaa keessatti loogiin akka hin jiraannee jedhu baase.

San booda Aadde Juudiin bulchiinsa Kiliintaniitti waamamaniin bara 1993-2001’tti gorsituu dame barnootaa ta’anii hojjataniiru.

Bara 2010’tti bulchiinsa Baaraak Obaamaa keessattis Gorsituu Addaa Mirga Qaama Miidhamtoota Idil Addunyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Hojii falmattummaasaanii jireenya namoota hedduu jijjiireera, ammatti namoota adii hin taaneef gargaarsa ta’uu barbaadu.

“Qaama miidhamtoonni gurraacha fi magaala ta’an akka qaama miidhamtoota adiitti fayyidaa argachuu qaban hin arganne,” jedhu.

Yeroo ammaa kanatti duula filannoo pireezidaantummaa Joo Baayidan deeggaraa jiru.