Conway knot: Barattuu shallaga herregaa waggaa 50 torbee tokkotti furte

Lisa Piccirillo

Madda suuraa, University of Texas

Barattuun yunivarsiitii lammii Ameerikaa Liisaa Pisiriilloo shallaga herreegaa waggaa 50f hin furamiin ture yeroo boqonnaa isheetti hojjettee furteetti.

Liisaan Yunivarsiitii Teeksaasitti kaadhimamtuu barnoota PHD dha. Shallagni herreegaa isheen furte kun Konweey Noot (Conway Knot) jedhama.

Ogeessa herreegaa kan tahan piroofeesariin yunivarsiitichaa Kaameroon Gordan, shallaga isheen hojjette kana yoo dhagahan, ''Hin gammadduu, hin ililchituu? naan jedhe'' jechuun marsariitii saayinsiii Kuwaantaa jedhamutti himteetti Liisaan.

''Akka maraatuu isa godhee,''

Herreegni wal-xaxaa Konweey Noot jedhamu kana ogeessa herreegaa Joohn Haartan Konweey jedhamuun guduunfame.

Lisaan garuu shallagni kun akka jiru kan barte 2018tti.

''Herreegi kun beekamaafi kan durii tahuusaa waan hubatte natti hin fakkaatu,'' jedhu piroofeesar Goordan.

A nautical knot

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gudunfaan herreegaa akkuma gudunfaa wadarootti hiikamuu barbaada

Herreegni Liisaan furte kun joornaalii Anaals of Maatimaatiks jedhamurratti kana maxxanfame yoo tahu isheenimmoo ergasii piroofeesara gargaartuu Institiyuutii Teeknoloojii Maasaachuuseet taateetti.

''Shallagni herreegaa Kaanweey yeroo dheeraaf otoo hin furamiin tureera,ogeessonni herreegaa baayyeen ni ilaalan malee hin furre,'' jedhu miseensonni Instiitiyuutii Herreegaa Ispeen.

Herreegni 'Knot' maali?

Herreegni 'knot' damee herreegaa tooppoolojii jedhamu jalattii kanneen ramadaman keessaati.

Jecha salphaan, tooppoolojiin wantootni otoo hin cabiin boca isaanii gaafa dhaban, gaafa micciiramaniifi harkifaman amala akkamii akka qabaatan qo'ata.

Herreegni 'knot' wal-xaxaa tahe dhumnisaa walitti dhufuun goolabama.

Bocni qubeelaa 'Knot' isa salphaa jedhamuu danda'a. Garuu 'knot' kanarra baayyee wal-xaxaadha.

Institiiyuutii Herreegaa Yunivarsiitii Seeviilii irraa Maariitaaniyaa Silveeroon, ''Knot kan qo'atu akkatti boca wadaroo tokkoo geggeeddaruu dandeenyu dha, dachaasuu, jallisuu, diriisuu fi cafaquu faa, kan nuti gochuu hin dandeenye kutuu qofa dha,inni cirumaa hin danda'amu.''

Table of knots

Madda suuraa, Getty Images

Dameen beekumsaa kun amala diinagdee gabaaa dabalatee moolakiyuulii DNA illee qorachuuf gargaareera.

Knot kan Kaanweey

Abbaan shallaga amma Lisaan hiikte kanaa nama ganna 82 Joohoon Hortoon Covid19 qabamanii baatii Eblaa keessa lubbuun darbe.

Namni kun Liivarpuulitti dhalatan, ogeessa herreegaa beekamaafi dhageettii qaban yoo tahan Yunivarsiitiiwwan Kaambiriijii fi Piriinstan itti barsiiseera.

''Ofittoo namni isaan jaalatu turan,'' jechuun barreessaan seenaa jireenya nama kanaa dubbateera.

John Horton Conway

Madda suuraa, Denise Applewhite/Princeton University

Ibsa waa'ee suuraa, John Horton Conway died of Covid-19 in April

Shamarreen kun garuu attamiin yeroo gabaabaa keessatii shallaga kana furte?

Shallaga isa fakkaatu kan birraa uumtee, akka isa sanaa wal-xaxaa akka hin taane goote.

Isa ofii uumterratti erga furmaata herreegichaa argatteen booda kan Kaanweey irratti hojiitti oolchite.

''Guyyaa yeroo idilee koo irratti kan ani hin hojjenne, akka herreega ulfaata tokkootti ijaa hin yaadneefi,'' jetteetti

''Anoo akkuma hojii manaattiin, mana galeen hojjedhe,'' jette.

Lisaan lafa Maayin jedhamu baadiyyaa Ameerikaatti dhalatte, kooleejii Boostanitti herreega qo'atte.

Bara 2013tti barattuu digrii jalqabaa taatee carraa barnoota bilisaa olaanaa argatte.

''Yeroo jalqabdu waa'ee shallaga kanaa waan beektu hin qabdu aljeebiraa dhuma dha kan isheen baratte,'' jechuun barsiisaanshee Boostan dubbatan.

''Shallaga barattoota rakkisaa ture torbee tokkotti furuun ishee milkaa'ina guddaa dhas,'' jedhan.

Liisaan herreega wal-xaxaa kana furuun dubartoota herreega barachuuf akka kaka'an ni gargaara jedhan.

Ameerikaatti dubartoota harka 26 tahan qofatu hojii kompiitaraa fi herreega ilaallatu hojjeta.