Biyyaa dubartoonni Covid-19’n caalaatti du’aa jiran

qorannoo Covid-19

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, qorannoo Covid-19

Addunyaa keessatti akka ragaan agarsiisutti covid-19 kan du’u dubartoota caalaa dhiirotadha.

Fakkeenyaaf Xaaliyaan Chaayinaafi US keessatti, lakkoofsi dhiirotaa vaayirasichaan qabamaniifi du’aanii guddaadha. Indiyaatti garuu wanti bitaa namatti galutuu uumamaa jira.

Qorannoon haaraa qorattoota Indiyaafi US’n gaggeeffame akka agarsiisutti vaayirasichaan qabamuun lakkoofsi dhiiraa caaluus koronaavayirasiin dhiroota caalaa kan du’aa jiran dubartoota.

Qorannoon kun Covid-19’n wal qabatee Indiyaa keessatti du’a hanga Caamsaa 20tti ture irratti hundaa’uun biyyatti keessatti dubartoota vaayirasichaan qabaman keessaa %3.3 kan ta’an kan du’an yoo ta’u dhiirotaa qabaman keessaa garuu%2.9 qofatu lubbuu dhaba.

Namoota umurii ganna 40-49 gidduu ta’anii vaayirasichaan kan qabaman keessa dubartoonni %3.2 kan ta’an du’aanii kan dhiirota ammoo %2.1 dha. Namoota umurii ganna 5-19 gidduuti kan du’an ammoo dubaroota qofa.

Yunivarsitii Harvaarditti piroofesara fayyaa uummataa kan ta’eefi qorannoo kan kan hoogganaa kan ture SV Subramaniyaan dhimma kun maal akka agarsiisu himeera.

Du’a Covid-19’n uumame gartuun qoodanii madaluu keessatti wanta lamatu jira - du’aaf saaxilamufi dhibbaa du’aatu jira jedha.

Du’aaf saaxilamuun yeroo gartuu tokko keessatti hagam akka du’an safaramudha- dhimma kana keessatti lakkoofsa dubartoota qabamanii kanneen du’aaniin hiruun argam.

Gama biraan dhibbaan du’aa ammoo lakkoofsaa dhiroota fi dubartoota du’aan keessaa dubartoonni parsantaa meeqa akka ta’an ittiin adda baafama.

Piroofeesar Subraminiyaan akka jedhutti qorannoon kun mala isa lammataa fayyadame..

“Akka argannoo keenyaatti, yoo vaayirasichaan qabaman Indiyaa keessatti dubartoonni carraa lubbuun ooluu guddaa hin qabani,” jedha.

“Kun hagam dhibbaa uumamaafi dhiibaa hawaasaa irraatti kan hundaa’ee ta’uun isaa ifa miti. Indiyaa keessatti korniyaan iddoo guddaa qaba,” jedha.

Ta’us garuu argannoon qorannoo kanaa waan biyyootii addunyaa biro keessatti mul’achaa ture kan faalleessudha.

Jalqabaratti dhibee kan akka hargansuufi dhibbaa dhigaan kan caalatti hubaman dhiirotadha jedha Mana Barsumsaa Fayyaa Hawaasaa Joons Hopkiins Biloombergitti piroofesara weerara dhukkubaa kan ta’an Kunihiroo Matsushita.

Biyyootii hedduu keessattis dubartoota caalaa dhirootatu sijaaraa xuxaa, akkasumas yeroo yeroon harka dhiqachuun dhirootarra dubartootatu caala.

Qorannoon akka agarsiisutti carraan Covid-19 qabamuu dhirootaa guddaadha jedha Pirof Matsushita.

Saayintoositoonni dandeettiin dhukkubaa offirraa dhorkuu qaama dubartootaa cimaa waan ta’eef carraan dhibeen du’uu isaanii irraa akka tiqqaatu amanu.

“Akka gabaasaa kanaatti, dubartoonni dhiiroota caalaa dhibee kanaan hubamaa jiraachuun isaanii waan addaadha,” jedha Piroof Matsushita.

Ta’us garuu qorannoon kun Indiyaa keessatti Covid-19 akkamiin to’atamaa jira isa jedhu adda baasuun barbaachisaadha jedha.

“Fakkeenyaaf, carraan qorannoo argachuu dubartootaa kan dhiraa waliin qoxadha?” jechuun gaafata.

Dhimmaa kun waan fulleetti argamuun caalaa kan dalga namatti galudha.

Indiyaa keessatti dhiroota caalaa dubartootatu waggaa dheeraaf jiraata. Akkasumas manguddooti dubartoota kan dhirootarra caalu. Manguddoonni vaayirasii kanaan callaatti waan hubamaniif tarii kanatu lakkoofsa dubartoota du’anii akka dabalu godhee?

Dabalataaniis Indiyaa keessatti dubartoonni oggeessa fayyaa bira dhaquuf ni barfatu, ofiin manatti of wal’aanus. Mana keessattis fayyaa dubartootaaf xiyyeeffanoon hin keennamu. Kanaaf dubartoonni qorannoofi wal’aansaaf barfachaa jiruu?

''Maal akka uumamaa jiru adda baasuuf gabaasa korniyaa irratti ba’u qorachuu qabna.” Jedha piroofesara qorannoo vaayirasii kan ture T Jaakoob Joon.

Qorattoonnis kanaan walii galu. “Xiyyeefannoo itti kenninee hordofuun bu’aa jiru baasaa deemna,” jedha Piroof Subramaniyaan.