Tarkiitti dooniin baqattoota qabattee turte dhidhimuun lubbuun daa'imman saddetii darbe

Madda suuraa, Turkish Coast Guard
Doonii baqattoota 11 qabattee imalaa turte Tarkiitti dhindhimuun lubbuun ijoollee saddeetii darbuusaa miidiyaan biyyatti ibseera.
Baqattoonni saddeet biroo ammoo lubbuun baraaramaniiru.
Lammummaan baqattoota kanaa hanga ammatti adda hin baane.
Tarkiin baqattoota gara Awuroppaatti baqachuu barbaadan hedduuf biyya filannoo jalqabaati, keessumaayyuu gama Giriikiitiin. Baqattoonni hedduun jeequmsa biyyasaanii keessa jiru jalaa bahuuf kan gara biyyoota adda addaatti baqatan.
Hedduun godaantotaa namoota daddabarsa seeraan alaa irratti hirmaatan abdachuun imala hamaa lafoofi bishaan irraa taasisu. Imalli kun yeroo baay'ee garuu du'aaf isaan kan saaxiludha.
Bara 2016 Tarkiin baqattoota gara Awurroppaa imalan deeggaruuf Gamtaa Awurroppaa waliin walii galtee diinagdee mallatteesitee turte.
Eegdonni bishaan irraa Sanbata galgala gara sa'aatii 4:30'tti "sagalee iyyaa" dhageenyee garas deemne jedhu.
Lakkofsi baqattootaa Tarkii keessa qaxxaamuran yeroodhaa gara yerootti dabalaa adeemaa jira. Hedduun isaanii ammoo Afgaanistaan, Paakistaaniifi Sooriyaarraa kan dhufaniidha.
Qondaltonni Tarkii bara darbe namoota galaana Meeditiraaniyaanii ce'uuf yaalan 60,000 to'annaa jala oolchaniiru.
Baqattoota kanneen keessaa 9,000 kan ta'an baqattoota biroo iraan miidhaa geessisuun to'annaa jala akka oolfan miidiyaan biyyattii Anaduuluun gabaaseera.
Tarkiin baqattoota miiliyoona 4 ta'an keessummeessaa jirti. Lakkofsi kunis lakkofsa baqattoota simatanii keessummeessuutiin isa guddaa yoo ta'u; baqattoonni miiliyoona 3.6 ta'an Sooriyaarraa kan baqataniidha.
Sa'aatii muraasa dura kibba-Lixa Giriikiitti doonii dhindhimuusaatiinis lubbuun namoota 12 darbeera.
Aanga'oonni Giriiki akka jedhanitti namoonni 21 baraaramuusaaniifi kanneen hafanis baraaruuf hojjachaa jiraachuusaaniii dubbataniiru.
Lammummaafi umuriin baqattoota kanneenii hanaga ammatti ifa hin godhamne.













