Namootni Gaambellaatti hojjeettoota ajjeesuun shakkaman ammallee hin qabamne

Magaalaa Gaambellaa

Madda suuraa, Gambella Community Development of Canada

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Gambeellaa

Hojjeettonni dhaabbata 'Aakshin Aageyinist Haangar' [Action Against Hunger] lama torban darbe gaafa Kamisaa ganama bakka magaalaa Gaambeellaa irraa 45km fagaatee jirutti hidhattootaan ajjeefamaniiru.

Dhaabbatni hojjeettonni jalaa ajjeefaman ibsa baasen ajjeechaa raawwateen gadduu isaa ibsuun gargaarsa hojii lubbuu oolchuu malee deeggarsa namoomaa kaan naannichatti kennuu akka dhaabe beeksiseera.

Haa ta'u malee, hanga yoonaa hidhattoonni ajjeechaa kanaan shakkaman akka hin to'atamne qondaalli nageenyaa naannichaa BBC'tti himan.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Gaambellaa Obbo Tomaas Tuut akka jedhanitti qorannoon ammas itti fufeera.

'Itti - gaafatamummaa isaanii hin baane jennee qondaaltota ganda rakkoon itti dhalate, Akaadoo, sadii hiinee turre. Isaan keessaa lama as teenyee yakkamtoota argachuun nu rakkisa.

''Ummata waliin taane bakka shakkamtoonni jiran mootummaaf eeruu kennina waan jedhanif wabiidhaan gadhiifamaniiru,' jedhan.

''Namoonni shakkinu ni jiru. Garuu, odeeffannoon qabnu guutuu akka ta'u eeruu ummataa barbaanna,'' kan jedhan Obbo Tomaas qondaalli hidhamanii turan ''Ummata mariisisanii yakkamaa akka adda baasan gadhiifaman,'' tahuu himu.

Isaan ala garuu namni shakkamee to'annoo jala akka hin jirre kan himan Obbo Tomaas kanaafis sababni ''eeruun sirrii ta'e hin argamne,'' jedhan.

Gaafa ajjeechaan raawwate waan roobee turef kootte namootaa badii kanaan shakkaman humnii nageenyaa faana bu'u isaati malee waan bira gahame akka hin taane himan.

Haala ajjeechaan raawwate?

Ajjeechaan kuni gaafa Kamisaa ganama Aanaa Yitaang ganda Akaadootti raawwate. Bakki itti ajjeechaan raawwates daandii gara magaalaa Yitaang geessurraa gara buufata baqattootaa akkuma maqanin raawwate jedhan.

Akka Obbo Toomaas jedhanitti kanneen ajjeefaman lammii biyya kessaati. Ajjeechaan kunis hidhattoota qawwee qabataniin raawwate jedhan.

''Shufeeriin konkolaataa irraa bu'eera, inni tokko immoo konkolaataa keessa osoo jiru ajjeefame,'' jedhan.

Dhaabbatni buufata isaa Ameerikaa godhateefi sadarkaa idil -addunyaan gargaarsa namoomaa irratti hojjetu akka ibsetti hojjettonni isaa lama kan ajjeefaman gara buufata baqattootaa Winyeel adeemaa yeroo turanitti.

Itoophiyaatti qindeessaan tajaajilawwan namoomaa kan ta'an Isteevan Were Omaamo ajjeechaan erga raawwatee booda ibsa baasaniin mootummaan naannoo rakkoon dhalatetti nageenya akka kabachiisu gaafataniiru.

''Qondaaltonni Itoophiyaa kanneen ajjeechaa kanaan shakkaman hidhuun seeratti akka dhiheessan abdiin qaba,'' jedhan.

Dhaabbatichi A.L.I bara 1985 eegalee Itoophiyaa keessa akka hojjetaa jiru ibseera.

Naannoo Gaambellaatti lammiileen Sudaan Kibbaa irraa dhufan hedduu ta'an buufata baqattootaa keessa jiraatu.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa taasisaniifi baqattoota gargaaran hedduudha.