Lammiin Faransaay mataan isaa ejjettoo [masilaalii] keessatti danqamuun guyyaa shan ture

Madda suuraa, Getty Images
Namtichi lammii Faransaay kun osoo mana shaworii ykn dhiqannaa isaa miidhaksuu ejjettoo ykn masilaalii keessatti mataan isaa akka tasaa danqamee guyyota shan booda argame.
Manguddoon waggaa 60 ammayyuu yeroo yaaliin kennamaafii jirutti akka of beeku ogeessotni himuu isaanii miidiyaaleen Faransaay gabaasaa jiru.
Ogeesotni dhimmicha dhagahuun wal'aansaaf ariifatanii kan deeman Jimaata darbe yeroo obboleettiin isaa argitee isaan waamtu ture.
Mataan isaa geengoo Ejjattoo ykn kortoo [Masilaalii] keessatti danqamuun guyyota shan kan dabarse yoo tahu yeroo argametti mataan isaa dhiita'eera jedhan.
Namtichi kun bilbila isaa fudhatee bilbiulachuuf yaalaa turus harki isaa dhaqqabuu waan dhabeef homaa gochuu hin dandeenye ture.
Sochii ykn marsaan dhiigaa mataa isaa keessaa waan xiqqaateef hospitaalatti yaalamaa jira.
Namni maqaan isaa uummataaf hin ibsamne kun nyaata malee guyyoota shan waan dabarseef qaamni isaas akka malee huqqateera.









