Qorattoonni Ameerikaa abdachuun umrii akka namaa dheeressu himan

Madda suuraa, Getty Images
Qo'attoonni Ameerikaa namoonni egereesaanii ofitti amanamummaan abdatan(optimistic) akkaata adda ta'een umrii dheeraa waggaa 85 fi isaa ol jiraatu jedhan.
Namoonni abdii qabeeyyiin kun miirasaanii salphaatti to'achuu danda'uun dhiibbaa dhiphinaan dhufurraa isaan bararaa jedhan.
Qo'annoon kun namoota garee gargaraatti hirmaatan dubartoota 70,000 qo'annoo fayyaarratti jirani fi dhiirota gameeyyii 1,500 qo'annoo fayyaa irratti hirmaataa turani.
Ammi abdannaa isaanii fi fayyummaan isaanii guutummaatti sakatta'ameera. Waa'een sochii qaamaa fi sooraatasaanii akkasumas, tamboo hangam akka aarsanii fi dhugaatii akka fayyadamanii fi dhiisan gaafatamaniiru.
Giddugaleessaan dhiiraa fi dubartootni abdii hin kutannee ganna 11-15 umrii dheeratu namoota abdii kutan caala jiraatan.
Warrii waan gaggaarii yaadan ykn abdatan gannaa 85 fi isaa ol jiraatan.
Pirof. Lewinaa Lii ogeettii wal'aansa sammuu Yunvarsiitii Boostaan qo'annicha hojjatani, ''argannoon keenyaa abdachuun umrii dheerachuuf akka fayyaduu fi dullumni yeroosaa eegee akka dhufuf fayyada''' jedhan.
Haata'u malee, maaliif namoonni umrii dheeratu inni jedhu walfamisiisadha jedhan.
''Amala fayyaleessa qabachuun dhiphina gartokkeen xiqqeessaa'' jedhanii ibsan.
''Ragaan qo'annoo biraa irraa argame namooonni abdatan galmasaani kan beekanii fi ofitti amanamummaa achii qaqqabuus qabu, rakkoo furuurratis milka'oo ta'uu fi haalota nama dhiphisan keessatti miirasaani to'achuu danda'u'' jedhan.
Dursaan developmental Saayikolojii Yunvarsiitii Biristol Pirof. Birus Huud sagantaa "the science of happiness" jedhamu eegalani turan.
Qorannoon qo'atamu gaarii yaaduun bu'aa akka qabu ragaa duraan ture deeggaree jiraa jedhan.
Tooftaan dhiphina irraa dandamachuu gaarii yaaduudha, kunis yaadota ta'ii jireenya keessatti nama gaddisisaan dhiisuun ta'aa'' jedhan.
Dhiphinni sirna madinummaa qaamaa akka miidhuufi, abdachuun garuu namoonni dhibaman dafanii akka bayyanataniif akka fayyaduu danda'u himan.
Qo'annoon hedduun akka mul'isutti, dhiphinni teelometirii (caasaa fiixee kiromoozomii)akka gabaabsuu himan.
Teelometiriin seelotni akka dulloomanii fi dhibee onnee shukkaaraa fi Kaansarii wajjin qabiyyee caasaa seelii hidhata qabu ta'utu himama.













