Jeefrii Episteen: Mana hidhaa keessatti of ajjeesuun dura qabeenyisaa Doolaara mil. 577 eessa galuu akka mallatteessee

Madda suuraa, Reuters
Jeefirii Episteen mana hidhaa keessatti of ajjeesuun dura guyya lama dursee qabeenya isaa ilaalchisee dhaamsa qabu hundaa mallattessera, jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan
Torban darbe Ameerikaatti qabeenyi Episteen doolaara miliyoona 577 tahu mana murtiitti galmaa'uun akka taa'u taasifameera.
Eenyu qabeenyicha irraa fayyadamaa tahuu akka qabu garuu waanti barame hin jiru.
Dhaamsa inni mallatteessee du'e jalqaba barruu Niwu Yorki posti irratti kan gabaafame yoo tahu qabeenyi isaa dhaabbata Tirasti 1953 jedhamu keessa akka taa'u himeera.
Episteen osoo of hin ajjeesiin dura wal qunnamtii saalaaf jecha addabarsa ijoollee dubaraa fi shiroota biroon himatamee murtii eeggataa ture.
Qorannoon mana yaalaa Niwu Yoorkitti reeffa isaa irratti gaggeeffame akka '' of hudhee ajjeese'' agarsiisa.
Episteen himata irratti dhiyaate hin raawwanne jedhee waakkatus wabii malee akka hidhamee turu taasifameera.
Baleessaa tahee yoo irratti mirkanaa'e hanga waggaa 45 isa hiisisuu danda'a ture.
Tujaarri kun qabeenya isaa hundaa dhaabbata Tirastii 1953 jedhamu keessatti akka qabamu mallatteessera.
Sanadicha gaafa Hagayya 8 mallatteessun mana hidhaa keessaa immoo du'ee kan argame gaafa Hagayya 10ti.
Qabeenya isaanii kana eenyu fudhachuu akka qabu tokko tokkoon sanadicha irratti hin ibsamne.
Doolaara miliyoona 56 maallaqa callaa, Doolara miliyoona 14 kan tahu qabeenya dhaabbataa fi doolara miliyoona 18 kan tahu ammoo qabeenya ayiveeshinii fi bidiruuwwan irraa akka tahe hammateera sanadichi.
Episten hojiiwwan aartii fi hambaalee gatii jabeeyyii walitti qabe ammoo hangam akka baasan kan tilmaamamu taha.
Namootni miidhamneerra yakka inni hojjeteen jedhan ammoo qabeenyi isaa kun akka beenyaatti nuuf haa kaffalamu jechuun himachuu jalqabaniiru.
Jefrii Eepisten eenyu?
Tujaarri kun Ameerikaa Niwu Yoorki keessatti dhalatee kan guddate yoo tahu jalqaba barsiisaa tahee hojjetaa ture.
Booda namoota bebbeekamoo adunyaa kanaa hedduu waliin hidhata cimaa uumuun hojii isaa gara dhaabbata faayinaansii gaggeessuutti deebise.
Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi, Biil Kiliintanii fi ilma mootii UK Andiriwuu waliin hidhata guddaa qaba ture jedhama.
Bara 2002 barruu Niwu Yorki irratti Tiraampi ''nama hamaa'' jechuun ibsee ture. Bara kana garuu ani nama isa dinqisiifatu miti jechuun dubbate.
Himanni irratti dhiyaate dubartoota umuriin isaanii 18 gadiif kaffalee mana isaa Manhaatanii fi Filooridaa jiran keessatti hojii saalqunnamtii hojjetan godheera jedhamuuni.













