Papuwaa Niiw Giinii: Lola gosoota gidduutti raawwateen daa'immanii fi dubartoonni hedduun ajjeefaman

Madda suuraa, Education Images
Ardii Osheeniyaa keessatti kan argamtu odoolli Papua New Guinea yeroo baayyee rakkoo walitti bu'iinsa sabootaatiin nagaa dhabdi.
Kan amma biyyattii keessatti raawwate garuu isa hammaataadha jedhameera.
Waldhibdee gosoota gidduutti uumamerraa kan ka'e lolli banamee namoota ajjeefaman keessaa irra jireessi dubartootaa fi daa'immani.
Hanga ammaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii kan beekame 24, lakkoofsi kun dabaluu danda'a jedhu gabaasonni ba'aa jiran.
Taatee kanaan booda yaada kan kennan Ministirri Muummee biyyattii Jeemsi Maraappee lootee seentota rakkoo uuman adda baasuun tarkaanfii akka fudhatan himan.
''Guyyaan kun jireenya koo keessatti guyyaa gaddaa isa addaati'' jedhan.

Madda suuraa, Jodi Bieber / Médecins Sans Frontières
Namoonni yakka ajjeechaan kana raawwatan gosoota Hagui, Okiru fi Liwi irraa ta'uu adda baasneerra kan jedhan Ministirri Muummee kun dirqama nageenya uummataa eegsisuuf jecha tarkaanfii barbaachisaa irratti ni fudhanna jedhan.
Ajjeechaan kun haala suukanneessaa ta'een qaama namaa kukkutuun akka raawwatame qondaaltonni bakka sana turan ni dubbatu.
Lakkoofsi namoota ajjeefamanii hedduu ta'uu mala kanjedhan qondaaltomnni ammallee dubartoonnii fi daa'imman ugguramanii jiran baay'eedha jedhau.
Ajjeechaan raawwate kun maal kaayyeffatee akka ta'e beekamuu baatullee waggoota 20 oliif gosoonni Papua New Guinea keessa jiraatan hedduun walitti bu'aa turaniiru.














