Gutaarez, UN gaaga'ama faayinaansii "sagantaalee isaa akka hin hojjenne isa godhu isa qunnamuu" fi maallaqni jiruyyuu hanga Adoolessa dhufu akka hin dabarre ibsan.
Chaayinaan miseensota paarlaamaa UK irra qoqqobbii keessee turte kaafte - MM UK
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Kiir Istaarmarii fi Shii JiinPiing
Chaayinaan miseensota Paarlaamaa UK jaharra qoqqobbii keessee turte hundumaa kaasuu Chaayinaa daawwachaa kan jiran MM UK Kiir Istaarmar himan.
BBC Shanghai waliin gaaffii fi deebii tolchaniin Istaarmar, uggurri sochiifi qoqqobbiin kun Chaayinaan miseensota Paarlaamaa UK irra as dura Chaayinaan keessee turte amma booda ka'eera jedhan.
Daawwannaan isaanii fi mariin Ministira Muummee Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin godhan bu'a qabeessa ta'uu kan ibsan Istaarmar Shii Jiin Piing walgahii Garee biyyoota 20 (G-20) UK'n bara 2027 qopheessituun wal qabatee hogganaan Chaayinaa kun UK akka daawwatan abdii qaban ibsan.