Tiraamp amma Iraan irraa maal barbaada?
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa YouTube
Waxabajjii darbe wayita US waraana Israa’elii fi Iraanitti kallattiin dabalamuun buufataalee niwukilaraa Iraan haleeltu qoccolloon US fi Iraan achumarratti dhaabbata jedhamee tilmaamee ture.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufataalee Niwukilaraa Iraan guutummaatti barbadeessuu ibsuun kanaan boda yaaddoon Niwukilaraa gama Iraanii akka hin dhufne ibsee ture.
Amma garuu Tiraamp akka haaraatti deebi’ee Iraanitti dhaadataa jira. Doonii waraanaa meeshaalee waraanaa hedduu fe’e garas erguus ibseera. Tiraamp amma Iraan irraa maal barbaada?

















