Doonaald Tiraamp dhimma haleellaa Iraan irratti yaada Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar kennan qeeqe.
Istarmar ''hin fayyadu'' hariiroon keenyas ''akka kanaan duraa hin ta'u,'' jedhe Tiraamp.
Miidiyaa Sun jedhamutti wayita bilbilaan dubbatu ministirri muummechaa ''bu'aa buusaa hin jiru. Akkasitti eegee hin beeku. UK irraa kana arga jedhee tasuma hin eegne,'' jedhe Tiraamp.
''Hariiroon keenya akka duraa ta'uu dhabuusaatti baayyeen gadda.''
Kiir Istarmar Wiixata paarlamaa biyyattiitti dhihaachuun dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti wayita yaada kennan ''jijjiirama sirnaa haleellaa qilleensaan dhufutti'' akka hin amanne dubbataniiru.
UKn jalqabarraa akka US buufataalee ishee fayyadamuun Iraan haleeltu hin eeyyamne.
Booda haleellaa Iraan ofirraa ittisuuf buufataalee ishee akka eeyyamtu ibsite.
Tiraamp ''Firaansi gaarii jirti. Hunduu gaariidha. UKn warra kaanirraa adda,'' jedhe.