Amma nu gahe, Tiraamp bulchaa Minisoota waliin bilbilaan erga dubbatanii booda 'Aniifi Waalz waliin foyyeessuu barbaadna' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp bulchaa Minisoota, Tiim Waalz waliin haasaa bilbilaa ''baay'ee gaarii'' akka waliin taasisaniifi lamaan isaaniituu ''haala walfakkaataa'' irratti kan argaman fakkaata'' jedhan.
"Toom Hoomaan akkan bilbilu akkan godhu bulchaa Waalzitti himeera, wanti nuti barbaannu Yakkamtoota isaan harka jiran kamii fi hunda saanii akka ta'e," dubbachu Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessan.
Pirezidaantichi itti dabaluudhaan, Waalz kanaaf fudhatama kan qabu yoo ta'u, ''Toom Hoomaan gara Mineesota deemuu isaatti gammadeeras'' jedhan.
"Washingtan, D.C., Memifiiis, Tennessee,fi Niiw Orliinns, Liyusiayaanaafi bakka biraa hunda jechuun ni haala danda'amuun kan nuti 'tuqnee' fi Mineesota keessattillee, Yakki baayyee gadi bu'eera,. Haata'u malee, aniifi Bulchaan Waalz, lamaan keenyayyuu fooyyeessuu barbaanna!" jedhan Tiraamp itti dabaluudhaan.
Kanaan dura Waalz, "Pireezidaantichi oppareshinii kana xumuruu qaba. Qondaaltota jeequmsa uumuu fi leenjii hin qabne kumaatamaan lakkaa'aman Mineesota keessaa baasuu qaba. Ammaan tana," jechuudhaan Tiraamp ergamtoota federaalaa isteeticha keessaa akka baasaniif gaafatanii ture.








