Taphataan lammii Masirii kun kaleessa sarara fuula duraarra seenuun Maanchester Siitiin bakka Haalaand hin jirretti filannoo qabaachuu agarsiiseera.
Maarmush Siitiif goolii lakkoofsisuun alatti taphaanis garee isaa gargaareera.
Gaardiyoolaan Haalaand fi Fooden osoo hin hiriirsisiin hafuun gahumsa isaaniirraa erga dhiyootii as gadi bu'uu isaanii akeekeera.
Bara darbe akkuma gara kilabichaa dhufeen ji'oota jalqabaa lamaan gahumsa guddaa agarsiisaa ture kan jedhe Gaardiyoolaan, osoo Maarmush hin dhufne ta'ee silaa hirmaannaan Shaampiyoons Liigiis ta'e FA CUP shakkisiisaa ture jechuun gahee isaa jajateera.
Gara fuula duraatti Haalaand teessisuuf deemaa?
Maal jettu?
La Liga Ispeen: Riyaal Maadiriid Baarseloonaa caalee dursa qabate
Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin La Liga Ispeen baka kanaa kokkee walqabuu ta'aa jira. Riyaal Maadiriid gara dirree Viyaariyaal deemee goolii lamaan Kiliyaan Imbaappeen lakkoofsiseen 2 fi 0n mo'atee dursummaa Baarseloonaarraa fudhateera.