Saawudiin lammii Joordaan 'yakka hin raawwanne akka amanuuf dirqisiifame' du'aan adabde

Madda suuraa, ZAINAB ABU AL-KHAIR
Saawudii Arabiyaan namicha lammii Joordaan, kan maatiin isaa yakka qoricha sammuu hadochuu qabachuu akka amanuuf dararameera jedhan, du’aan adabde.
Huseen Abuu al-Kayiir, umurii ganna 57, abbaa ijoollee saddeetii fi dureessa Saawudii tokkoof konkolaachisaa ture.
Bara 2014’tti utuu Joordaan irraa gara Sawudii Arabiyaa imalaa jiruu to’annoo jala oolee, qoricha sammuu hadoochu, amphetamines, daddabarsuun himatame.
Boodarra dhaddacha dhaabbati Amnesty International, “haqa dhabeessa” jedhe irratti Huseen irratti murteen du’aa darbe.
Obboleettiin isaa, Zeenab Abul Al-Kayiir, obboleessi ishee yeroo hidhaa turetti miilla isaan fannifame akka reebame itti himuu isaa dubbatteetti.
“Yakka hin raawwanne dirqisiifame akka amanu godhamuun, dhaddacha irratti ni eeyyamama jedhee inni tasa yaade hin beeku,” jechuun jalqaba waggaa kanaatti BBC’tti himteetti.
Sadaasa darbe keessa Saawudii Arabiyaan yakka qoricha sammuu hadoochuun walqabataniif adabbii du’aa yeroof addaan kuttee turte deebistee haquun ishee, dhimmi Huseen xiyyeeffannoo idil-addunyaa akka argatu taasiseera.
Saawudiin adabbii kana deebistee torban lama booda namoota17 yakka wal fakkaataan himachuun du’aan adabdeetti.
Gartuun UN seera qabeessumma to’annoo jala oolfamu nama tokko hordofu, akka ibsetti, Obbo Huseen to’annoo jala oolfamuun isaa seera irratti kan hunda’e miti.
Dhuma bara 2022’tti, Wajjiirri Mirga Namoomaa UN, Huseen akka hidhaarra gadhiifamuuf iyyata galchee ture.
Dhaabbati kun yakka qoricha sammuu hadoochuun wal qabateen murtee addabii du’aa kennuun naamusaa fi sadarkaa idil addunyaa waliin wal hin gitu jedheera.
Huseen Abu al-Kayiir du’aan adabamuu kan beeksifame miidiyaa Saawudii irratti yoo ta’u, kunis waggaa seenaa ammayyaa Saawudii keessatti adabbiin du’aa jumlaa guddichi yeroo gaggeefamettidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gartuun rogeessaa Reprieve jedhamu akka jedhutti, angaa’otni Sawuudii akka Huseen du’aan adabamuuf jedhu maatii isaatti hin himne – akka inni nagaatti isaan jedhaniif carraa hin kennineefi.
UK dabalatee biyyootiin Sawudii Arabiyaa waliin hariiroo qaban, dhimma sarbama mirgoota namoomaa biyyatti keessatti gaggeefamu irratti ejjennoo cimaa qabaachuu dhiisuun isaanii qeeqa guddaa jala isaan galcheera.
“Waggaa tokko dura, bulchiinsi Mohaammad bin Salmaan guyyaa tokko keessatti namoota 81 du’aan adabeera.
''Waayilootni Saawudi Arabiyaa idil-addunyaa kana irratti danuu xiyyeffannoo utuu hin kenniin, ibsa waa’ee barbaachisummaa mirgoota namoomaa akkanumaan baasuun bira darbani,” jechuun hoggantuun Reprieve, Maaya Foyaa himteetti.
“Ilma Mootii balaaleffachuurra, hoggantoonni addunyaa harka isaa dhiigaan laaqameeru harka fuudhuuf hiriira galani, “jette.
Dhimmi Obbo Huseen Sadaasa darbe paarlamaa UK keessatti dhiyaatee ture.
Ministeerri Dhimma alaa gaaffii wa’ee addabbii du’aa Saawudii keessatti raawwatuuf deebii kennan irratti, anga’ootni Obbo Huseeniin dararuun isaanii ‘ifadha’ jechuun dubbatanii turani.
Torban itti aanuu ministeerichi, David Rutley, ‘dogoggoran dubbadhe’ jechuun, himanni isaanii galmee paarlaamaa irraa akka haqamuuf gaafataniiru.
Addabbii du’aa Huseen irratti Miseensi Paarlaamaa UK, Daavid Deevis: “ mootummaan UK yaaddoo hatattamaa Huseen keessa ture beeka ture, ta’us garuu ministeerri dhimma alaa addabbiin isaa akka haqamuuf ifatti hin gaafatiin hafeera,” jedhaniiru.
“Addabbii du’aa akkanaa irratti UK’n akka kana booda hin callisne ifa gochuu qaba, akkasumas daa’ima akka Abdullaa al-Howatii dabalatee, namoota biroo waan wal fakkaataaf saaxilamanii jiru gargaaruuf dubbachuu qaba.”
Eejansiin Miidiyaa Saawudii, Ministeerri Biyya Keessaa adabbii du’aa Huseen Abu al-Kayiir kan beeksise, “miidhaa qorichi sammuu hadoochuu nama dhuunfaa fi hawaasaa irratti geessisu guddaa waan ta’eef, mootummaan kana loluuf kutataa ta’uu isaa mirkaneessuufi,” jechuun gabaaseera.












