Arsenaal gulufaatuma jira, Saalaan galchii 250ffaasaa Liivarpuulif lakkoofsise, Yunaayitid jajjabaachatuma jira

Mohaammad Saalaa galchii 250 Liivarpuuliif lakkoofsisuun taphataa sadaffaa galchii heddu kilabichaaf lakkoofsise ta'ee galmaahe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Saalaa galchii 250 Liivarpuuliif lakkoofsisuun taphataa sadaffaa galchii heddu kilabichaaf lakkoofsise ta'ee galmaahe
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Liivarpuul taphoota afur erga mo'amee booda kaleessa shanaffaarratti Anfiilditti milkaa'e. Leenjisaa kilabichaa Arnee Islootirrraas ba'aan qomarraa xiqqoo gadi bu'eera. Saalaan gahuumsasaa duriirra hin jiru jedhamee osoo qeeqamuu eda "Mootii Fara'oon" ta'uusaa agarsiise.

Tapha Liivarpool Astonvilaa qe'eesaatti affeeree 2-0dhaan mo'aterratti Saalaan gahuumsa dur ittiin beekamu agarsiisee galchii 250ffaasaa Liivarpuuliif lakkoofsise deeggartootasaa mirqaansaa bule.

Liivarpool amma qabxii torbaan Arsenaaliin caalamee sadarkaa saddaffaarra taa'era. Maan Siitiin har'a

Arsenaal, kan nagaa isaaf haa godhu malee, barana waan qabamu hin fakkaatu. Walitti aansuun taphoota torba irratti gooliin itti hin galin jira- senaa bara 1999 hojjate irra deebi'ee jira.

Keessumaa akkaatan inni itti taphattoota akka Juuriyaan Timbariifi Rikaardoo kalaafiyoorii itti fayyadamaa jiru akka isa ajaa'ibsiise dubbata jifataan duraanii Nuwukaasiil Alan Shiirar.

"AKkaataa isaan itti Kalaafiyooriifi Timbar itti fayyadaman jaladheera, Fuulduratti dhiibanii [garee faallaa] irratti dhiibbaa uumuun yaalii gochaa jiru" jedha.

Arsenaal dorgommii Shaampiyoonsi Liigii ittaanu Islaaviyaa Piraag waliin qabu galchiin osoo itti hin galin mo'ata taanan, rikardiisaa waggaa 100 booda bara 1903tti raawwate si'a saddeet osoo galchiin itti hin galin walitti fufiinsan mo'achuu irra deebi'a jechuudha.

Gama Liivapuulitti yoo deebinu, kilabichi taphoota waliigalaa taphate jaha walitti aansee mo'amuunsaa leenjisaa lammii Daach Arnee Isloot hari'amuu mala kan jedhuyyuu yaaddoo keessa galchee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaleessa Astoon Viilaa irra aanunsaa xiqqoo deeggartoonnis dheekkamsa isaanii akka qabbanaa'u waan taasise fakkaata.

Liivarpuul ammayyuu taphoota ciccimoo isa qorantu isa eeggata. Kibxata dhufu dorgommii Shaampiyoons Liigiif Riyaal Maadiriid Anfiilditti affeeree morkata. Dilbata dhufu ammoo Itihaad deemee Maan Siitii waliin waliif bahu.

Mohaammad Saalaa kaleessa galchii 250ffaasaa Liivarpuulif lakkoofsiisuutti Isloot baay'ee gammaduu ibse.

Seenaa kilaba Liivarpuul keessatti galchii heddu lakkoofsisuun Saalan sadarkaa 3ffaarratti argama.

Liivarpuuliif galchii heddu lakkoofsisuun rikardii kan harka qabu Iyaan Raash yoo ta'u galchii 346 kilabichaaf lakkoofsiseera. Roojaar Haant ammoo galchii 285 lakkoofsisuun sadarkaa lammaaffaa qabateera. Mohaammad Saalaa sadaffaadha.

Mohaammad Saalaa bara 2017 paawundii miliyeena 34n Roomaa irraa gara Anfiild erga dhufee as Liivarpuul waancaa Pirimeer Liigii, Chaampiyoons Liigii, FA CAP fi kaan akka nyaatu gahee guddaa taphateera.

'Mo'adhu, yoo dadhabde qabxii qooddadhu'

Maan Yunaatid yeroo dhiyoo as jijjiirama agarsiisaa jira. Kaleessa gara qe'ee Nootingham Foorast deemee mo'achuu baatullee qabxii qooddatee galeera.

Notingham 2-1n osoo dursaa jiu taphichi dhumuuf daqiiqawwan muraasi yeroo hafan galchii lakkoofsisuun taphichi 2-2 wal-qixa xumurame- 'yoo dandeesse mo'adhu, yoo dadhabde qabxii qooddadhu' isa jedhu fakkaata.

Manchestar Yunaayitid kanan dura leenjisummaa Amoorim jalatti taphoota lama walitti aansee mo'atee hin beeku jedhamee qeeqamaa ture, taphoota arfan darban irratti maqaasana waan jijjiire fakkaata.

Keessumaa jalqaba ji'a Onkoloolessaa kaasee jijjiirama guddaatu mana Maanchestar Yunaayitid keessatti mul'ataa jira.

Kutannoon taphattoonni agarsiisaa jira, miirri mo'amuu dhiisuu, fedhiin mo'achuuf qaban dabaleera.

Tapha Nootinghaam Foorast waliin qixa bahan booda Amoorim yaada kenneen, "Har'a miira addaatu jira," jechuun yoo mo'achuu baannellee qabxii qooddachuuf falmii taphattoonnisaa taasisan ajaa'ibsiifate.